bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 2
1 Kings 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 3 →
1
Daawiti hennaan du'u geennaan akkana jedhee Solomooniin gorse,
2
«Ani amma hennaan du'u gayeeraa ati garuu jabaadhu! nama kutataa ta'i;
3
wonti ati gootuu fi karaan ati deemtu maruu akka sii qajeelu, akkuma seera Muuse'ee keessatti barreeffame ajaja isaa, seera isaa, murtii isaatii fi ragaa isaa, karaa isaa hennaa deemtu ajaja Rabbii Waaqa keetii eegi.
4
Akkuma dura Rabbi na abdachiise ‹Ijoolleen tee yoo seera kiyya eegan, yaada qulqullu'uun, garaa qulqullu'uu fi dhuga'aan yoo na faanaa deeman, teessoo mootummaa Israa'elii irraa fiixaan kee hin citu› jedhe akka raawwatamuuf.
5
«Ati waan ilmi Tsuuriya'aa Iyyoo'aab ajajoota jajjabaa Israa'elii lamaan, ilma Neerii Abineerii fi Amesaayii ilma Yooteruunii ajjeesee hin beetta; dhiiga hennaa lolaa jigeef, haluu bayu'uuf isaan ajjeesee sabbata ufiitii fi kophee ufiititti dhiiga akka dibe hin beetta.
6
Atillee ogummaa qabduun isa ajjeesi; haga inni dulloomee du'utti hin eegin.
7
Hennaa ani obboleessa kee jalaa baqadhe ijoolleen Beerzeelii nama gosa Gala'aadii waan na gargaaraniif waan mishaa isaanii godhi; isaan worra kooboo kee keessaa nyaatan woliin haa nyaatanii.
8
«Anillee hennaa gara Mannaayimii dhaqe, namni guddisee na abaare, namni biyya Biraaqii Saamiin ilmi Geeraa gosa Biiniyaamii si bira jira; inni hennaa ani laga Yoordaanosii ceewu na simachu'uuf dhufe; ani guraade'een si hin ajjeesu jedhee maqaa Rabbiitiin isaa kakadheera;
9
Ati garuu nama ogeessa waan taateef waan gootu hin beetta; ogummaa keetiin isa ajjeesi; inni nama salphinnaan du'u akka ta'e hin irraanfatin.»
10
Daawiti du'ee qachaa ufii Yerusaalemiin keessatti awwaalame;
11
Daawiti Israa'eliin woggaa afurtama bulche; Keebroonitti woggaa torba, Yerusaalemitti woggaa soddomii sadihii bulche.
12
Solomoon teessoo mootumma'aa ka abbaa ufii Daawitii irra taa'e; mootummaan isaallee jabaatee dhaabate.
13
Ilmi Aagitti'ii Adooniyaas gara Beersaabeehii haadha Solomoonii dhaqe. Isiinillee, «Nagayuma gara kiyya dhuftee?» jetteen.
14
Innillee «Ee, nagayuma» jedhe; si irraa hajaa qaba» isi'iin jedhe. Isiinillee, «Dubbadhu» jetteen.
15
Adooniyaas, «Ati akka ani mootii ta'u'uuf ta'u, worri Israa'elii maruu akka ani mootii ta'uuf akka na eega'aaran hin beetta, mootii ta'uun garuu ana irra lufee obboleessa kiyyaaf ta'eera.
16
Amma waan tokko si kadhadhaa na hin saalfachiisin» jedhe; isiin garuu «Dubbadhu» jetteen.
17
Inni isi'iin, «Mootichi Solomoon si hin diduu Abiisaa nama gosa Suunaamii akka natti heerumsiisu akka naa gaafattu si kadhadha» jedhe.
18
Beersaabeehi, «Misha'aa maarre waan kee mootichatti hima» jette.
19
Kanaaf Beersaabeehi waan Adooniyaas isii gaafate mootichatti himu'uuf gara Solomoonii mootichaa dhaxxe; mootichi isii reebbatee dhungatee deebi'ee teessoo ufii irra taa'e, haadha ufiitiifillee teessoo fijjisiisee mirga ufii isii teessise.
20
Isiin, «Woma diqqoo woyii si kadhadhaa na hin saalfachiisin» jette. Mootichi, «haadha tiyya! si hin saalfachiisuu natti himi» isi'iin jedhe.
21
Isiin «Abiisaan gosa Suunaamii obboleessa kee Adooniyaasitti haa heerumtuu» jette.
22
Mootichi Solomoon deebisee haadhaan, «Abiisaa gosa Suunaamii maaf Adooniyaasiif na kadhatta? inni obboleessa kiyya ka hangafaa waan ta'eef, mootumma'aa na gaafadhu; Abiyaatar gadichinii fi Iyyoo'aab ilmi Tsuuriya'aa isa woliin jiran.»
23
Kanaan maayessa Solomoon «Yoo ani Adooniyaasiin ajjeesuu baadhe, Rabbi na hin dhiisin!» jedhee kakate.
24
Ka amma jabeessee na dhaabe, teessoo mootumma'aa ka abbaa kiyya Daawitii irra na kaaye, ka akkuma dubbatetti mana naa ijaare, maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee, adha Adooniyaas hin du'a!» jedhe.
25
Mootichi Solomoon Banayaasii ilma Yoodaahe'ee itti erge; Banayaasillee Adooniyaasiin ajjeesise.
26
Kanaan maayessa mootichi Abiyaatarii gadichaan, «Ati adha silaa nama du'u; garuu Saanduuqa waadaa Rabbii Waaqa keetii abbaa kiyya Daawitiin afo'otti waan baadhatteef, rakkinni abbaa kiyya irra gaye maruu si irrallee waan gayeef, ani si hin ajjeesuu gara qonna Anaatootii deemi» jedheen.
27
Achiin maayessa dubbiin Rabbii ka Seelo'otti Eeli'itti dubbatame akka raawwatamuuf Solomoon Abiyaatariin gadoota jiddu'uu baase.
28
Oduun kun Iyyoo'aabiin gaye; Iyyoo'aab Adooniyaasiin faana deeme malee Abeseloomiin faanaa hin deemne; Iyyoo'aab gara daasee Rabbii dheessee buuchoo ciinca'aa qabate.
29
Mootichi Solomoon akka Iyyoo'aab gara daasee Rabbii dheessee buuchoo ciinca'aa qabate dhagaye; Solomoon ilma Yoodaahe'ee Banayaasiin dhaqii ajjeesi jedhee ajaje.
30
Banayaas gara daasee Rabbii dhaqee, «Mootichi bayi siin jedha» jedheen. Inni garuu, «Ani asumatti du'a malee hin bawu!» jedhe; Banayaas dubbii Iyyoo'aab itti hime kana naa deebise jedhee mootichatti hime.
31
Mootichi akkana jedheen, «Akkuma inni siin jedhe godhi; Iyyoo'aab dhiiga akkanumaan raasa'atti jige anaaf mana abbaa kiyyaa irraa fageessiitii isa ajjeesii awwaali.
32
Abbaan kiyya Daawiti uduu hin beenne Iyyoo'aab namoota qajeelaa isa irra woyya'aa lamaan Abeneerii ilma Neerii ajajaa loltoota Israa'eliitii fi Amesaayii ilma Yooteerii ajajaa loltoota Yihuuda'aa waan guraade'een ajjeeseef Rabbi Iyyoo'aabiin hin adaba.
33
Iyyoo'aab waan ajjeeseef adabbiin isa irratti raawwatame, isaaf fiixaa isaa irrattillee baraa haga bara baraa haa ta'u; fiixaa Daawitii ka teessoo mootummaa isaa irra taa'aniif garuu nageenni Rabbii baraa haga bara baraa isaaniif haa ta'u.»
34
Kanaaf Banayaas ilmi Yoodaahe'ee itti dhaqee Iyyoo'aabiin ajjeesee mana isaa ka lafa onaa keessa jiru keessatti awwaalame.
35
Mootichi bikka isaa Banayaasii ilma Yoodaahe'ee ajajaa loltootaa bikka Abiyaataarii Saadooqii gadicha muude.
36
Kanaan maayessa mootichi nama itti ergee Saamii waamsisee, «Yerusaalemitti mana ijaarii taa'i; olii gadi hin deemin;
37
Gaafa baate guyyaa laga Qeediroonii ceete akka duutu beeki; dhiinni kee tasa bada» jedheen.
38
Saamiin mootichaan, «Wonti ati jette misha'a! akkuma ati mootiin gooftaan kiyya dubbatte anillee akkasuma godha» jedhee deebiseef. Kanaaf Saamiin Yerusaalemiin keessa guyyaa baay'ee taa'e.
39
Woggaa sadihiin maayessa hojjattoota Saami'ii keessaa namni lamaa gara Ankusii ilma Ma'aaka'aa mooticha Geetii dheessan; Saami'iin «Kunoo garboonni tee Geetiin jiran» jedhanii itti himan.
40
Saamiin ka'ee harree ufii fe'atee garboota ufii soqu'uuf gara Geetii Ankusiin bira dhaqe. Saamiin dhaqee garboota ufii Geetii fudhate.
41
Solomoon akka Saamiin Yerusaalemii ka'ee Geetiin dhaqee akka deebi'e dhagaye;
42
mootichi dhaamsa ergee Saamii waamsisee, «Yoo olii gad deemte akka duutu beeki» jedhee si hin kassiifnee? yookaan sitti hin rassiifnee? atillee dubbiin misha'a jettee na jalaa dhageetteerta.» jedheen.
43
«Kakuu Rabbii waan ani si ajaje maaf hin eenne? jedheen.
44
Mootichi Saami'iin deebisee, waan ati abbaa kiyya Daawitiin irratti hojjatte dhara garaa keetitti yaaddellee hin beetta; Rabbi hammeenna kee simatti deebisa.
45
Mootichi Solomoon garuu hin eebbifama; teessoon mootummaa Daawitiillee baraa haga bara baraa jabaatee dhaabata» jedheen.
46
Kanaan maayessa mootichi Banayaasii ilma Yoodaahe'ee ajajee ajjeesisiise; akka kanaan mootummaan Solomoonii jabaate.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22