bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 7
1 Kings 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 8 →
1
Solomoon mana mootummaa ufii woggaa kudha sadihitti ijaaree fixe.
2
Galmi mana, «Muka Libaanosii» jedhamee waamamu ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaa; badhinni ciqilee shantamaa, hojjaa isaallee ciqilee soddoma godhe; munni birbirsaa utubaa roga sadihiin hojjatame irra dhaabatee ture; utubaa irra muka birbirsaatitu konkolaataa fardaa irra dalga taa'ee ture;
3
Munni dalgaa ka utubaa irra jiru ka cufanaa birbirsaatiin uwwifamee ture; utubaan gama tokkoon ciqilee kudha shan, gama tokkoon ciqilee kudha shan tartiibaan ta'ee afurtamii shanii ijaaramee ture.
4
Foddaan tartiiba sadihiin jira; foddaawwan kunniin wol laalan.
5
Balballinii fi foddaan maruu qasatoo roga afurii qaba; foddaan gara sadiiniituu wol laala.
6
«Mana utubaa baay'ee qabu ka ciqilee shantama, badhinni ciqilee soddomaa galma afoo madabii irra dhaabatan ka utubaa qabu hojjate.
7
Solomoon dhaddacha murti'ii ka jala taa'ee murtii kennu lafaa haga ginno'oo muka birbirsaatiin ijaare.
8
Galma dhaddacha murti'ii duubaan raasaa jirutti gamoo ufii keessa jiraatu akkuma gamoo kaawwaniititti hujjisiise; haadha manaa ufii mucattii mooticha biyya Misirii ta Fari'ooniitiifillee manuma kana fakkaatu ijaareef.
9
Gamoo kanniin maraa bu'uura irraa jalqabee haga bakka itti dhumatuu duraa duubaan dhagaa bocamee bareedeen ijaarame. Diidaanillee haga hulee itti bayanii akkasuma ture.
10
Bu'uurri manaa ka hojjatameen dhagaa hulee dhagaa itti baqassanitti qophaaye dhagaa gugurda'aan ijaarame; dheerinni dhagaa bocamee ka tokkochaa ciqilee kudhan yookaan ciqilee saddeetiin dhagaa misha'aa fi gugurda'aan ijaaramee ture.
11
Dhagaa gugurdaa kanniin irra dhagaa bocamee wol qixxaayee fi cufanaa muka birbirsaatiin ijaarame.
12
Balbalti gara gad itti bayanii, ka mana mootumma'aa hulee itti bayan ka mana woyyu'uu ka keessaatii fi balballi gara mana woyyuu seenaniin dhagaa korto'oo tartiiba sadihii dhagaa bocameen hojjatamee ture.
13
Mootichi Solomoon Kiraamitti nama ergee qachaa Xiroosiitii waamsise;
14
inni ilma intala gosa Niftaalemii abbaa manaa hin qabneeti; abbaan isaa nama qachaa Xiroosii ka sibiila bassu; akka hujii sibiilaa hojjatuuf ogumma'aa fi mala qaba; akkuma Solomoon waameen dhufee hujii sibiila diima'aa maraa hojjate.
15
Kiraam utubaa lamaa sibiila diimaa irraa hojjate; hojjaan utubaa tokkoo ciqilee kudha saddeeti; furdinni isaa ciqilee kudha lama; badhinni isaa taakkuu afur; utubaan lammeesso'oollee akkasuma ture.
16
Ginnoo utubaa sanniinitti godhan sibiila diimaa irraa; hojjaan ginnoo tokkoo ciqilee shan hojjaan ginnoo lammeesso'oollee ciqilee shan.
17
Ginnoo utubaa irra jiran bareechisu'uuf tartiiba lamaan gingilchaa itti hojjate; gingilchaa tokko ginnoo tokkoof, gingilchaa lammeesso'oo ginnoo lammeesso'ootiif hojjate.
18
Ginnoo hojjatame lamaan bareechisu'uuf abaaboo Roomaani'ii gara lamaan itti hojjate; ginnoo maraafuu akkasuma godhe; naannaya ginnoo tokkoo abaaboo Roomaanii dhibba lamatu jira; ginnoo maraatuu akkasuma godhe.
19
Ginnoon utuba'aa ka balbala itti bayanii waan akka abaaboo suufii fakkaatuu haga ciqilee kudha afurii irratti kaase.
20
Ginnoo utubaa lamaanii irratti gingilchaa jalatti abaaboo Roomani'ii hojjate.
21
Utubaa lamaanuu balbala mana woyyu'uu afoo dhaabee, utubaa gara kibbaatiin, «Yaakiin» jedhee maqaa itti baase; utubaa gara kaabaa dhaabellee «Bo'eez» jedhee maqaa itti moggaase.
22
Mataa utuba'aa irra ginnoo abaaboo suufi'iitiin hojjatamee ijaaramee dhumate.
23
Kiraam gongaa korbobbo'oo ka hojjaan isaa ciqilee shanii qacce'ee haga qacce'ee ciqilee kudhanii fi naannaya isaa ciqilee soddomaa ijaare.
24
Afaan gonga'aa duuba irraan wol fakkaataa ta'ee roga buqqe'ee ka sibiila diimaa irraa hojjatame; inni roga tartiiba lamaan kakkaayame qaba.
25
Gongaan sun fakii sangoota kudha lamaa ka sibiila diimaa irraa hojjatame irra taa'eera; isaan keessaa sadiin gara kaabaa, sadiin gara dhiyaa, sadiin gara kibbaa, sadiin garuu gara baya biiftu'uu laala; gongaan kunniin fakii sangoota kanniiniititu irra jira; duddi garuu gara keessaa aana.
26
Furdinni ladda gonga'aa taakkuu tokko; badhinni afaan isaa abaaboo suufii fakkaatuun hojjatame; gongaan kun bisaan haga liitirii kuma afurtamaa qabata.
27
Kiraam teessoo kudhanii ka dheerinni teessoo tokkoo ciqilee afurii, dalgi ciqilee afurii fi hojjaan isaa ka ciqilee sadihii sibiila irraa hojjate.
28
Sibiila badhaa midhaassanii jidduu kaayan.
29
Sibiila boca gara garaatiin hojjatame ka ginnoo manaa jala galu fakii leencaa, ka sangootaatii fi ka Kiruubeeliititu jira; fakii Leencotaatii fi sangootaa jala fakii abaaboo ka dhaddoo wolitti dhayame fakkaatutu jira.
30
Teessoo isaa irra waan lafa irra konkolaatu afur qaban; kunniin waan isa lafa irra gangalachiisu qaba; akkasuma roga arfaniinuu waan gabatee irratti dhiqatan irkisutu jira; ka irkisu sunillee akka bifa abaaboo tuuchamee hidhameetitti bareechifameera.
31
Mormi gongaa harka irratti dhiqatanii dheerinni isaa ciqilee tokko; mormi isaa akka korbobbo'ooti; hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'a; morma isaa irra waan qiinxamee bareede qaba; gongaan irra taa'u roga afur qaba malee korbobbo'oo miti.
32
Korbobboon lafa irra gangalatu arfanuu waan meeshaa irra kaayan jala jira; sibiilli korbobboo san akka gangalatu godhu teessoo hojjatameen wol fakkeeffamee ka hojjatame; hojjaan korbobboo gangalatuu ciqilee tokkoo fi wodhakka'a.
33
Karrisaanillee karrisaa gaarii fardaa fakkaata; wonti isaan wolitti qabsiifameerullee ka sibiila baffame irraa hojjatame.
34
Teessoo maraa irrattuu roga arfaniinuu waan itti irkatan afur qaba; wonti itti irkatan sunillee wolitti maxxanfamee hojjatameera.
35
Teessoo sanniin irra waan korbobboo fakkaatu ka haga taakkuu tokkootitu jira; teessoon sunillee waan qabatanii fi itti irkatan qaba.
36
Hulee teesso'oo ka harkaan qabatanii fi qaccee isaa irra leencota, Kiruubeelii fi muka meexxi'ii irratti kaasee naannoo isaatitti abaaboo wolitti hidhame itti godhe.
37
Teessoo kudhanii ka biftinii fi ka hanni isaa wol qixxaayu hojjate.
38
Kiraam waan meeshaa irra kaayan kudhanii fi gongaa itti dhiqatan hojjate wodhakkaa naannaya gonga'aa ciqilee afur; bisaan liitirii dhibba saddeetii qabata.
39
Kiraam teessoo shanii manaan gara kibbaa gara baya biiftu'uutiin, teessoo shanii gara kaabaatiin; gongaa garuu mana woyyu'uu gara kibbaa gara baya biiftu'uutiin Aazeebiin ladda kaaye.
40
Kiraam waan ibidda ittiin qabsiisan, kereewwan baay'ee hojjate; akka kanaan Kiraam waan mana woyyu'uu ka Solomoon jedheen hojjatee fixe.
41
Utubaa lamaa ginnoo gingilcha'aa lama, waan ginnoo bareechisu, sibiila akka gingilcha'aatitti dhayaman lama,
42
sibiila akka gingilcha'aatitti dhayame midhaassu'uuf waan akka abaaboo Roomaani'ii dhibba afur hojjate.
43
Teessoo kurnan, gabatee irratti dhiqatan kudhan,
44
gongaa bisaanii tokko, fakiiwwan sangoota kudha lamaa ka gongaa irkisee qabu,
45
keree waan qabsiisanii fi keree baay'ee hojjate. Kiraam mana woyyuu Rabbii ka Solomoonii sibiila qulqullu'uun ijaare.
46
Huleen mootichi Solomoon waan kanniin maraa itti hojjachiise dhooqa Yoordaanosii, Suukootii fi Tsartaa jidduu jiru ka bakka sibiila itti bassanitti.
47
Solomoon meeshaan manaa waan baay'ateef uduu hin bikkine kaaye; kanaafuu ulfaatinni isaa hagam akka ta'e hin beekkamu.
48
Meeshaan Solomoon mana woyyuu Rabbiitiif hojjachiise hulee ciinca'aa ka worqi'iin hojjatame, gabataa worqii irraa hojjatame ka xoroshoo irratti dhiyeessan,
49
Baattuu ibsa'aa ka hulee woyyittii woyyootaa afoo taa'an, gara kibbaatii shan, gara kaabaatiinillee shan ka worqii irraa hojjatame, abaaboo worqi'iitii fi baattuu ibsa'aa, meeshaa ibidda ittiin qabsiisan,
50
qadhaba'aa fi xuwwee worqii irraa hojjataman, kere'ee fi mooqqaa, gaabsee, cufanaa mana woyyu'uu fi ta hulee woyyittii woyyootaallee worqii misha'aan hojjachiise.
51
Mootichi Solomoon mana woyyuu ijaaree haga fixeen maayessa birrii, worqi'ii fi meeshaa biraallee ka abbaan isaa Daawiti hujii mana woyyuu Rabbiitiif fooyee mana meesha'aa ka mana woyyu'uu keessa kaaye.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22