bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 19
1 Kings 19
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 20 →
1
Aki'aabi akka Eeliyaas waan kanniin maraa godhe, raattota maraa akka guraade'een ajjeese Eelzaabeelitti hime.
2
Eelzaabeelillee «Boru hennaa tana anillee waan ati raattota san irratti goote yoo si godhuu baadhe, waaqoleen kiyya na haa ajjeesan!» jettee dhaamsa gara Eeliyaasii ergite.
3
Eeliyaas guddisee sodaatee lubbuu ufii oolchu'uuf nama isaa hojjatu woliin gara qachaa Beersaabeehii Yihuudaa keessatti argamtuu hojjataa ufii achitti dhiisee dhaqe.
4
Inni deemsa guyyaa tokkoo guutuu deemee dhittacha takka jala taa'ee «Yaa Rabbi! ani abboota tiyya hin caaluu amma na gayaa lubbuu tiyya fudhu!» jedhee akka du'u kadhate.
5
Kanaan maayessa inni mukattii dhittachaa san jala ciise; akkuma inni ciiseen hirribni isa fudhatee rafe; maleekkaan Rabbii tuqee isa kaasee «Ka'ii waa nyaadhu» jedheen.
6
Yoo ol ka'ee laalu uf biratti xorosho'oo fi bisaan xuwwe'een jiru argee fuudhee nyaatee dhugee deebi'ee rafe.
7
Maleekkaan Rabbii hennaa lammeesso'ootiif tuqee isa kaasee «Karaan deemtu fago'oo ka'ii waa nyaadhuu dhugi!» jedheen.
8
Innillee ka'ee waa nyaatee dhugee hunna saniin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa haga Kooreebii gaara Rabbii deeme.
9
Akkuma achi gayeen goda tokko keessa seenee achi bule; uduu inni goda san keessa jiru dubbiin Rabbii «Eeliyaas! maal asii goota?» ka jedhu gara isaa dhufe.
10
Eeliyaas «Ani guddisee Rabbii Waaqa banii maraatii hinaafeera; waan ijoolleen Israa'elii waadaa si woliin galan didaniif, waan hulee ciinca'aa kee diiganiif waan raattota kee guraade'een fixaniif isaan keessaa anuma calla'atu hafe, isaan na ajjeesuu barbaadan» jedhe.
11
Rabbi Eeliyaasiin «Hulee jirtuu ka'ii qaccee gaaraa irra na afoo dhaabadhu» jedheen; achiin maayessa Rabbi isa biraan lufee bubbee jabaa ergee dhagaa babbaqassee caccabse; garuu Rabbi bubbee san keessa hin jiru; haga bubbeen sun dhaabate lafti hin raafamte, Rabbi garuu raafama lafaa san keessa hin jiru.
12
Haga lafti raafamteen maayessa ibiddatu bobaye; ibidda bobawu san keessa garuu Rabbi hin jiru; ibidda bobayeen maayessa laagaan tokkollee hin sokossine.
13
Eeliyaas haga waan kana dhagaye fuulatti haguuggatee bayee goda afoo dhaabate; achiin maayessa «Eeliyaas maal asii goota?» Laagaa jedhu dhagaye.
14
Eeliyaasillee «Ani Rabbii waaqa banii maraatii guddisee hinaafeera; ijoolleen Israa'elii waadaa si woliin galan waan dhiisaniif, waan hulee ciinca'aa kee diiganiif, waan raattota tee guraade'een fixaniif, isaan keessaa anuma calla'atu hafe, isaan garuu na ajjeesuu barbaadan» jedhe.
15
Rabbi Eeliyaasiin «Karaa lafa gammoojji'ii ka duraan keessa dhufte keessaan gara Damaasqo'oo deebi'i, hennaa achi geette biyya Sooriya'aa irratti akka moowu Azaaheliin muudi,
16
Biyya Israa'elii irratti akka moowu ilma Naameesii Iyyuu muudi akka bikka kee raatticha ta'u ilma Saafixii Eelsaa'ii nama biyya Abelmihoola'aa muudi,
17
Nama guraadee Azaahelii jalaa baye maraa Iyyu'utu ajjeesa; ka Iyyuu jalaa baye maraa Eelsaa'itu ajjeesa,
18
Ani worra Israa'elii keessaa ka waaqolee tolfamaa Ba'aaliif hin sagannee fi ka isa hin dhunganne namoota kuma torbaa ufiif hambifadheera» jedheen.
19
Achiin maayessa inni achii deemee ilmi Saafixii Eelsaa'i uduu sangoota morma kudha lamaatiin lafa qotu, inni uduu sangaa morma kudha lammeesso'ootiin qotu argee Eeliyaas qoola ufii uffatu mulqatee itti darbee irra buusee bira lufe.
20
Hennaa kana Eelsaa'i sangoota ufii dhiisee gara Eeliyaasii fiigee «Ani abba'aa fi haadha tiyya nagaya itti dhaamadhee dhufaa na hoffolchi; achiin maayessa si faanaa deemaa» jedheen; Eeliyaasillee «Ka'ii dhaqi ani si hin dhoogginee» jedheen.
21
Achiin maayessa inni isa biraa deebi'ee sangoota lamaa fuudhee qalee affeelee bani'ii kennee nyaachisee ka'ee Eeliyaasiin faanaa deemee isaa hojjata'aa ture.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22