bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 8
1 Kings 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 9 →
1
Kanaan maayessa mootichi Solomoon saanduuqa waadaa Rabbii Tsiyoonii qachaa Daawitii keessaa haa baasani'iif manguddoota Israa'eliitii fi worra gosa bulchan, abboota murti'ii ka abboota ijoollee Israa'elii bulchan mootichi Solomoon hulee ufii jiru Yerusaalemitti wolitti isaan qabe;
2
Worri Israa'elii ji'a torbeesso'oo ayyaana daase'ee ka Itaaniim jedhamutti Solomooniin biratti wol gayan.
3
Manguddoonni Israa'eliillee maruu dhufanii, worri gadootaa saanduuqa waadaa Rabbii fuudhanii,
4
gara mana woyyu'uu seensisan; worri gadootaatii fi worri Leewwotaa saanduuqa waadaa Rabbii, daasee wol gayi'iitii fi meeshaa qulqulluu ka daasee keessa jiru gara mana woyyu'uu fidan.
5
Mootichi Solomoonii fi baniin Israa'elii ka isa biratti wol gayan sangootaa fi hoolota laakkobsaa ol ta'an ciincaa godha'aa turan.
6
Achiin maayessa gadoonni saanduuqa waadaa Rabbii fuudhanii gara mana woyyu'uu seensisanii hulee woyyittii woyyootaa koola Kiruubeelii jala kaayan.
7
Kiruubeel hulee saanduundhi waada'aa jirutti koola ufii badhisanii saanduuqa waadaa Rabbiitii fi koola gubba'aan koolli Kiruubeelii golgee ture.
8
Loosaan dhedheeraa waan ta'eef nama hulee woyyittii woyyootaa dhaabatu maratti mudhata; namni gara biraatiin jiru hin argu; haga adhaa hulema san jira.
9
Akkuma baniin Israa'elii biyya Misiriitii bayeen hennaa Rabbi isaan woliin waadaa gale, dhagaa baxxicha lamaan ka seerri Rabbii irratti barreeffame ka Muuseen keessa kaaye malee womaa uf keessaa hin qabu ture.
10
Akkuma gadoonni mana woyyuu keessaa bayaniin duumessi mana woyyuu Rabbii keessa guute.
11
Ulfinni Rabbii waan mana woyyuu keessa guuteef gadoonni sababaa duumessi mana keessa guuteef seenanii tajaajiluu hin dandeenne.
12
Hennaa san Solomoon akkana jedhee Rabbiin kadhate, «Rabbii Waaqa kiyya! Ati duumessa dukkanaayaa keessa jiraadha jetteerta.
13
Kunoo mana woyyuu kee ka gaachena qabu sii ijaareera; Innillee hulee ati baraa haga bara baraa keessa jiraattu ta'a.»
14
Uduu baniin Israa'elii achi dhaabata'aaran Solomoon fuulaan gara isaanii gara galee isaan eebbise.
15
Rabbiin guyyaa banii kiyya Israa'eliin biyya Misirii keessaa baasee jalqabee maqaan kiyya akka achitti waamamuuf mana akka naa ijaaraniif qachaa Israa'elii keessaa qachaa takkallee hin filanne; amma garuu akka maqaan kiyya isii keessatti waamamuuf Yerusaalemiin filadheera,
16
‹akka mooyee banii kiyya Israa'eliin bulchuuf Daawitiin filadheera jedhee ka abbaa kiyya Daawititti himee raawwate Rabbii Waaqa Israa'elii galanni haa gawu»› jedhe.
17
Abbaan kiyya Daawiti, «Maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiif mana ijaaru'uuf yaade.
18
Rabbi abbaa kiyya Daawitiin maqaa kiyyaaf mana naa ijaaru'uuf waan yaaddeef, waan kana yaaduu keetiin waan mishaa goote.
19
Garuu ilma kee ka gudeeda keetii bawutu maqaa kiyyaaf mana ijaara malee ati mana naa hin ijaartu.» jedheen.
20
«Rabbillee waan dubbate hin raawwate; akkuma abdii abbaa kiyyaa inni kenne bikka abbaa kiyya Daawitii teessoo mootummaa Israa'elii irra taa'ee maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiin mana ijaare.
21
Hennaa Rabbi biyya Misiriitii isaan baase, hulee saanduundhi Rabbii ka Rabbi abboota teenna woliin waadaa gale, dhagaan baxxichi ka seerri Rabbii irratti barreeffameeru taa'u mana woyyuu keessatti qopheesseera.»
22
Achiin maayessa uduma baniin Israa'elii maruu argu Solomoon hulee ciinca'aa afoo dhaabatee harka ufii gara sami'ii badhisee,
23
«Yaa Waaqa Israa'elii samii gubba'aa fi lafa irrattillee Waandhi si fakkaatu hin jiru; garboota tee ta yaada guutu'uun si afoo jiraataniif waada'aaf araara kee isaanii eedda.
24
Abdii abbaa kiyya Daawitii garbicha keetii kennite, afaan keetiin dubbattee akkanaan adha harka isaatitti raawwatte.
25
Ati amma yaa Waaqa Israa'elii akkuma afoo kiyya deemte ijoolleen tee yoo uf eegan nama mootummaa Israa'elii irratti mootii ta'u si hin dhabsiisu jettee abbaa kiyya Daawitii galte waadaa san eegi.
26
Ammallee Waaqa Israa'elii yabo'oo waadaa garbicha kee abbaa kiyya Daawitii galte raawwadhu.
27
«Dhugama amma Rabbi nama woliin lafa irra jiraataa? kunoo Si'i samiin, samiin samii gubba'aa si baadhachuu hin danda'u, kanaafuu manni ani ijaare kun attamitti diqqo'o!
28
Garuu Waaqa kiyya gara kadhaa kiyya ka garbicha keetii laali; kadha'aa fi waamicha amma garbichi kee si kadhatu dhagayi.
29
Kadhaa garbichi kee amma si kadhata'aaru hulee maqaan kiyya itti waamama jettu sanitti ijji tee halkanii guyyaa gara mana woyyuu kanaa haa laaltu.
30
Kadhaa anii fi baniin kee Israa'el si kadhannu sami'ittillee nuu dhagayi; nuu dhiisi.
31
«Namni tokko goshoo ufii yakkee himannaan yoo itti dhiyaatee, hin yakkine jedhee hulee ciinca'aa kee biratti kakate,
32
sami'itti dhagayii garboota teetii murtii kenni; nama yakketti murteessi; ka yakka hin qabne gad dhiisi.
33
Baniin kee Israa'el si yakkanii yoo diintonni isaanii isaan dhaanan, gaabbanii gara kee deebi'anii yoo maqaa kee kabajjan,
34
mana kana keessatti yoo si kadhatanii faateffatan ati sami'itti isaanii dhagayii cubbuu isaanii isaanii dhiisi; gara lafa abboota isaaniitii kennitee isaan dachaasi.
35
«Baniin si yakkee sababaa yakka isaaniitiif yoo rooba roobsuu baattee isaan adabde, yoo isaan yakka hojjataniif gaabbanii mana kana dhufanii gara laafumma'aan,
36
yoo si kadhatan ati sami'itti kadhaa isaanii dhagayi; cubbuu garboota kee ka banii Israa'elii dhiisi; waan qajeelaa ta'e akka hojjatan isaan barsiisi; asiin maayessa yaa Rabbi biyya banii kee Israa'elii kennite kana keessatti baraa haga bara baraa rooba nuu roobsi.
37
«Hennaa biyya keessatti beellinii fi balaan lafa irratti ta'e, akkasuma qorra, waagi'ii fi awwaannisaa fi korophiisaan hennaa badu yookaan hennaa diintonni isaan miidhan yookaan hennaa banii dhibe'ee fi dhukkubni adda addaa irra gaye,
38
Kadhaa isaanii isaanii dhagayi hennaa banii kee Israa'eliin keessa wonti naasu'uuf gaddi hamaan yoo isaan irra gaye, yoo isaan harka ufii gara mana woyyuu kanaa qabanii kadhatan,
39
kadhaa isaanii dhagayi; bara lafa ati abboota teennaa kennite keessa jiraatan maraa keessatti akka si sodaatan samii hulee jireenna keetiitii kadhaa isaanii dhagayi; yakka isaanii isaanii dhiisi; isaan gargaarille'e.
40
Waan qalbii namaatii fi garaa namaa keessa jiru ka beeku sima calla'a; kanaafuu nama maraafuu akkuma hujii isaatiin gatii isaa kenni.
41
«Hennaa baniin gosa Israa'elii hin taane maqaa kee guddaa, irree tee jabdu'uu fi gargaarsa kee dhagayee biyya fago'oo si kadhachu'uuf yoo dhufe,
43
Ati kadhaa isaanii dhagayi; akka ormi maruu maqaa kee beekan, akkuma baniin kee Israa'el si sodaatan isaanillee akka si sodaatan, mana ani ijaare kana keessatti maqaan kee akka waamamu akka beekan waan keessummoonni si kadhatan dhagayiif.
44
«Baniin kee diintota ufiitiin lolu'uuf karaa ati isaan ergiteen yoo bayan, qachaa ati filatteef mana ani sii ijaare kana keessatti yoo si kadhatan,
45
kadha'aa fi faatee isaanii dhagayii murteessi.
46
«Namni hin yakkine waan hin jirreef yoo si yakkan ati isaanitti dheekkamtee diintota isaaniitiif dabarsitee isaan kennite, diintonni isaanii ka dhiyoo jiruu fi ka fagoo jiru yoo isaan booji'e,
47
biyya booji'aman keessa taa'anii yoo aagii galan, yoo biyya booji'aman san keessatti ‹nu cubbuu hojjanneerra, si yakkineerra, waan hamaallee hojjanneerra› jedhanii si kadhatan,
48
biyya diintota ufii ka isaan booji'ee keessa taa'anii garaa guutu'uun yoo gara kee deebi'an, qachaa ati filatte, gara mana woyyuu ani sii ijaareetii fi biyya abboota isaaniitii kennitee yoo si kadhatan,
49
kadhaa isaaniitii fi faatee isaanii sami'itti isaanii dhagayii murteessi.
50
Baniin kee si yakkee waan hamaa yoo si afo'otti hojjate isaanii dhiisi; worra isaan booji'e afo'ottillee garaa isaanii laaffisi.
51
Baniin kun banii kee ka ati biyya Misirii ka akka ibidda dhagaa bobawuu keessaa baafte waan ta'aniif.
52
Hennaa ani garbichi keetii fi isaan si kadhatan maraa gara kadhaa banii Israa'elii ka garboota keetii ijji tee haa laaltu.
53
Rabbi Gooftaa kiyya! hennaa abboota keenna biyya Misiriitii baafte akkuma garbicha kee Muusee irraan dubbate akka qabeenna kee ta'an orma biyya maraa keessaa isaan footeerta.» jedhee kadhate.
54
Solomoon hennaa faate'ee fi kadhaa kana maraa haga raawwateen maayessa jilbiiffatee harka ufii badhisee kadhata'aa waan tureef hulee ciinca'aatii ol ka'e.
55
Laagaa ufii ol qabatee banii Israa'elii akkana jedhee eebbise;
56
«Rabbiin akkuma dubbate banii Israa'eliitii hara baafannaa kenne galanni haa gawu, abdiin karaa garbicha isaa Muuse'eetiin bani'ii kenne tokkollee hin hafne; maruu hin raawwatame.
57
Rabbi Waandhi keenna akkuma abboota keenna woliin jiraate nu woliinillee haa jiraatu; inni nu hin gatu nu hin dhiisu.
58
Seeraa fi ajaja abboota teenna ta duraatii kenne eegu'uu fi akka fedha isaa jiraachuu akka dandeennu, worra isaa ajajaman nu haa taasisu.
59
Feeti kiyya ka garbicha Rabbiitii fi wonti hennaa maraa isaan barbaachisu akka isaanii guutu, kadhaan ani halkanii fi guyyaa kadhadhu Rabbiin bira haa gawu.
60
Baniin ormaa maruu Rabbi akka Waaqa ta'e, isaan ala Waandhi biraa akka hin jirre akka beekan,
61
Akkuma adhaa akka fedha isaa akka jiraattan, ajaja isaallee akka eeddan garaan keessan Rabbii Waaqa keessan afo'otti qulqulluu haa ta'u.»
62
Kanaan maayessa mootichinii fi baniin Israa'elii maruu Rabbiif ciincaa ciincessan.
63
Solomoon ciincaa fayyumma'aaf dhiyaatu Rabbiif sangoota kuma diddamii lamaatii fi hoolota kuma dhibba tokkoo fi diddama dhiyeesse; akka kanaan mootichinii fi baniin Israa'elii maruu mana woyyuu Rabbii woyyoomsan.
64
Akkuma kana guyyaa san hulee jiddu'uu ka balbala mana woyyu'uu afoo jiru Rabbii fooye kanatti aansee ciincaa gubamu, ciincaa midhaaniitii fi ciincaa fayyumma'aa cooma hori'ii mara Rabbii dhiyeesse; sababaan waan kana godheef huleen ciinca'aa ka sibiila irraa hojjatame kana maraa waan baadhachuu hin dandeenneef.
65
Bara san keessa Solomoonii fi baniin Israa'elii ka isa woliin jiru maruu baniin guddaan biyya Haamaatiitii jalqabee haga galaana biyya Misiriititti guyyaa torbaa Rabbii Waaqa keenna afo'otti ayyaanteffatan.
66
Guyyaa saddeetesso'ootitti banii geegesse; isaanillee mooticha eebbisan; waan Rabbi garbicha ufii Daawitii fi banii ufii Israa'elii godhe maraaf garaa ufii keessatti gammadanii gara qe'ee ufii galan.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22