bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 10
1 Kings 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 11 →
1
Mootittiin biyya Sheeba'aa akka Solomoon gurra dhagayate haga dhageette isa qoru'uuf gara Yerusaalemii dhaxxe.
2
Namoota kabajjamtoota isii woliin deeman qabattee urgooftuu, worqii filatamaa, mi'a gatii gudda'aa gaala heddutti feetee waan hedduu qabattee gara Yerusaalemii dhaxxee isa bira seentee waan garaa ufii maraa isatti himte.
3
Solomoon waan isiin isa gaafatte maraa hin hiikeef; wonti inni hiikuu dadhabee isa jalaa dhokate tokkollee hin jiru ture.
4
Mootittiin biyya Sheeba'aa beekkumsa Solomoonii, mana inni ijaare,
5
nyaata isaa dhiyaatu, akkaataa ijoolleen isaa itti teettu, akkaataa hojjattonni isaa itti hojjatanii fi itti uffatan, worra daadhii buusuu fi ciincaa inni mana woyyuu keessatti Rabbii dhiyeessu haga argite wonti argite maruu haga dhageettee ol itti ta'e.
6
Isiin mootichaan, «Ani gurra kee ka waan ogummaa keetii ka uduu biyya kiyya jiru dhagaye dhuga'a.
7
Ani haga ija kiyyaan argutti hin amanne; worri waan kee natti hime wodhakkama waan kanaallee natti hin himne; hujiin keetii fi ogummaan kee ka waan kee dhagaye caala.
8
Namoonni hennaa maraa si afoo dhaabatanii ogummaa kee si irraa dhagayanii fi garboonni kee kunniin worra atta eebbifame.
9
Rabbi Waandhi Israa'elii ka si jaalatee teessoo mootummaa Israa'elii irra si kaaye haa eebbifamu; Rabbi Israa'eliin baraa haga bara baraa waan jaalateef akka murtii qajeelaa murteessituuf isaan irratti mootii si taasise» jetteen.
10
Isiin mootichaa kennaa worqi'ii kiiloo giraama dhibbaa fi diddamaa, urgooftuu hedduutii fi mi'a kabajja'aa ka gatii gudda'aa kenniteef; urgooftuun akka mootittiin biyya Sheeba'aa mooticha Solomoonii kennitee namni akka isi'ii guddisee isaa fide hin jiru.
11
Worri markaba oofan ka Kiraamii biyya Oofiriitii muka sandalaa hedduu fi mi'a gatii gudda'aa Oofirii fidan.
12
Solomoon mukuma sandalaa kana irraa woggaa mana ufiitii fi mana woyyuu meeshaa worri faarfattootaa ka isaan ittiin weeddisan, masiinqo'oo fi meeshaa sagalee dhageessisu hojjate; munni sandalaa kun muka sandalaa ka gara biyya Israa'elii dhufe caala; achiin maayessa munni sandalaa kana fakkaatu sirimaa hin argamne.
13
Mootichi Solomoon waan mootittii biyya Sheeba'aa kenneen alatti waan isiin kadhatte ka biraallee hin kenneef; isiinillee namoota kabajjaman ka isii woliin jiran woliin kaatee deemte.
14
Worqii worri gibira guuran, worri daldalan, mootonni biyya Arabaa maruu, waan bulchoonni biyya bulchan fidaniin alatti worqiin wogga wogga'aan Solomoonii fidan worqii kiiloo giraama dhibba jahaa fi jahaatamii jaha.
16
Mootichi Solomoon wontee gugurdaa dhibba lama hujjisiisee wontee marattuu worqii haga kiiloo torbaa itti maxxanse.
17
Akkuma kana wontee didiqqaa dhibba sadihii hojjachiisee worqii haga kiiloo lamaa itti maxxanse; kanniin maraa hulee «galma bosona Libaanosii» jedhamee waamamu keessa kaaye.
18
Mootichi ilkaan Arbaatiin teessoo guddaa tokko hojjachiisee worqii qulqulluu itti maxxanse;
19
kortoon gara teesso'ootitti ol bayaniin sadarkaa jaha qaba; duubni teesso'oo akka korbobbo'oo marama'a; teessoon bita'aa fi mirgaan hulee itti ciqilfatan qaban; ladda hulee itti ciqilfataniitiin fakiin leencaa tokko tokko dhaabamee ture.
20
Sadarkaa maraa irra karaa lamaan fakiin leencaa tokko tokko wolumaagalatti fakii leencaa kudha lamatu dhaabameera; teessoon mootumma'aa ka akkanaa kun biyya biraa keessatti eessattillee hojjatamee hin jiru.
21
Meeshaan mootichi Solomoon itti dhugu maruu worqii irraa hojjatame; meeshaan bosona Libaanosii keessa jiru maruu worqii irraa hojjatame malee birrii irraa hin hojjatamne; bara mooticha Solomoonii birriin gatii hin qabu ture;
22
Solomoon markaba Kiraamii woliin ka garba irra deeman markabni hedduu biraa ka biyya Tarseesiillee hin jiran; isaan woggaa sadihi sadihiin worqii, birrii, ilkaan Arbaa, Qamale'ee fi Jaldeessa isaa fidan.
23
Mootichi Solomoon durumma'aa fi ogumma'aan mootota biyya maraa caale.
24
Namoonni adunyaa irra jiran maruu ogummaa Rabbi Solomoonii kenne isa irraa dhagawu'uuf hawwa'aa turan.
25
Namoonni gara isaa dhufan maruu birrii, worqii'i, uffata, meeshaa lolaatii fi urgooftuu farado'oo fi gaangee heddutti fe'anii isaa fida'aa turan; waan kana maraa wogga wogga'aan godhaniif.
26
Solomoon gaarii fardaatii fi worra farda yaabbatan wolitti qabe; gaariin fardaa kuma tokkoo fi dhibba afur; worra farda yaabbatan kuma kudha lama qaba; kanniin maraa garii uf bira Yerusaalemiin, garii qachaa adda addaa keessa faca'anii akka jiraatan isaan godhe;
27
birriin Yerusaalemiin keessatti akka dhaga'aa baay'ate; baay'inni muka birbirsaallee akkuma qilxuu lafa gammoojji'iititti biqiluu ta'e,
28
Solomoon faradoo biyya Misiriitii fi biyya Qawwe'eetii fijjisiise; daldaltoonni mootichaa birri'iin bita'aa biyya Qawwe'eetii fida'aa turan.
29
Gaarii fardaa tokko birrii dhibba jahaan farda tokko garuu qarshii dhibbaa fi shantamaan biyya Misiriitii bitan; akkasuma worra Keexotaatii fi mootota biyya Sooriya'aa maraafillee hin gurguran isaanittillee gurgura'aa turan.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22