bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 9
1 Kings 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 10 →
1
Mootichi Solomoon mana woyyuu, mana mootumma'aatii fi waan hojjachuu barbaade haga hojjatee raawwateen maayessa,
2
Rabbi akkuma armaan dura Gabaa'oonitti mudhate ammallee deebi'ee itti mudhate.
3
Rabbi Solomooniin, «Kadhaa ati na kadhattee fi faatee keellee dhagayeera; maqaan kiyya baraa haga bara baraa akka achitti waamamuuf mana ati ijaarte kana qulqulleesseera; ijji tiyyaa fi yaanni kiyya hennaa maraa achuma ta'a» jedheen.
4
Akkuma abbaan kee Daawiti yaada qajeela'aa fi garaa qajeela'aan jiraate, waan ani si ajaje maraa gootee seeraa fi murtii ani murteesse yoo eedde,
5
akkuma ani abbaa kee Daawitiin ‹fiixaa tee keessaa nama Israa'eliin bulchu hin dhabdu› jedhee dubbadhe teessoo mootummaa keetii baraa haga bara baraa jabeessee dhaaba.
6
Isinii fi ijoolleen teessan garuu ana faanaa deemuu dhiiftanii yoo ajajaa fi seera ani isinii kenne eeguu baattan deemtanii yoo waaqolee tolfamaa biraa waaqeffata'aa isaanii sagaddan,
7
banii Israa'elii lafa isaanii kenne keessaa isaan balleessa, mana woyyuu maqaa kiyyaaf woyyoomsellee afoo kiyyaa diiga, worri Israa'elii orma maraa keessatti salphatanii banii mammaakaa ta'an.
8
Manni guddaan kun diiggamee tuulama; namni karaa san irra lufu maruu rifatanii ‹Rabbi biyya kanaa fi mana kana maaf akkana godhe?› jedha'aa maalalfatan.
9
Wonti isaan jedhanillee ‹Rabbii Waaqa isaanii ka abboota isaanii biyya Misiriitii baase dhiisanii waaqa tolfamaa biraa duukaa deema'aa sagada'aafii waan waaqeffataniif Rabbi waan hamaa kana isaanitti fide› » jedhan.
10
Solomoon mana woyyu'uu fi mana mootumma'aa woggaa diddamaa ijaaree haga fixeen maayessa,
11
qachoota diddamaa ta biyya Galiila'aa jirtu Kiraamii kenne. Mootichi biyya Xiroosii Kiraam muka birbirsaatii fi muka hindheessaa, worqii haga Solomoon barbaadu kenneefii ture.
12
Kiraam qachoota Solomoon isaa kenne laalu'uuf yoo dhaqu qachoonni sunniin isatti hin tolle.
13
Innillee, «Obboleessa kiyya qachoonni ati naa kennite kunniin maali'i?» jedhe; qachoonni kunniin haga adhaa biyya Kabuulii jedhamanii waamaman.
14
Kiraam worqii kiilogiraama dhibbaa fi diddama mootichaa erge.
15
Solomoon akka mana Rabbiitii fi mana isaa Miilooniin, dallawa Yerusaalemii Axooriin, Magidoonii fi Geeriin ijaaran worra hujii hunnaa hojjatan filate.
16
Armaan dura mootiin biyya Misirii biyya Geezeerii irratti balaa buusee worra Kana'aanii ka isii keessa jiran ajjeesee, qachattiillee gubee uf jalatti deebisee ture; achiin maayessa mucattii ufii Solomoonitti heerumsiisee qachaa Geezeerii jalkaaya godhee kenneef.
17
Solomoon hennaa lammeesso'ootiif Geezeerii fi Hooriin ijaare.
18
Qachoota lafa gammoojji'ii ka Yihuudaa keessaatii fi Ba'aalaatiinillee hin ijaare.
19
Solomoon qachoota dhalee wolitti qabataniif farado'oo fi farda gaari'ii itti tissan ijaare; Yerusaalemii naannaya Libaanosii fi naannaya bulchiinsa ufii marattuu ijaare.
20
Worra banii Israa'elii hin taane worra Amoorotaatii fi worra gosa Keexotaa, worra gosa Feerzotaa, worra gosa Eewwotaatii fi worra gosa Iyyaabusootaa ka hafan,
21
worra ijoolleen Israa'elii fixuu hin dandeennee fi ijoollee isaanii ka hafan Solomoon akka hujii hunnaa hojjataniif adda baasee worra hujii hunnaa hojjatan taasise.
22
Solomoon ijoollee Israa'elii keessaa nama tokkollee garbicha hin goone; isaan worra baallii qaban, loltoota bulchoota ajajaa loltootaa, worra gaarii fardaa oofan maraafuu worra ajaju ta'anii hojjata'aa turan.
23
Bulchoonni hujii Solomoonii irratti nama hujjisiisan namoota dhibba shanii fi shantama.
24
Haati manaa isaa intalti mootii biyya Misirii qachaa Daawitii keessaa gara mootummaa ufii haga deebiteen maayessa Solomoon hulee dhooqaa fi goodda qabu ta qachaa saniitiin gara baya biiftu'uutitti argamu akka guutanii wol qixxeessanii hojjatan taasise.
25
Solomoon woggaa keessa harka sadihii ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa hulee ciinca'aa irratti Rabbii dhiyeessa'aa hulee ciinca'aa ka Rabbiin afoo jiru irratti hixaana aarsa'aa akkaataa kanaan manni woyyuun ijaaramee dhumate.
26
Mootichi Solomoon lafa biyya Edoomiyaasii qaccee galaana diima'aa Eetsiyoongaabirii cinaa Eelootii jirtutti markaba baay'ee hojjate.
27
Mootichi Kiraam markaboota kanaan garboota Solomoonii ka waan markabaa beekan garboota ufii erge.
28
Isaanillee markabaan deemanii haga biyya Oofirii gayaniin maayessa worqii kiiloo giraama dhibba afurii fi diddamaa achii fuudhanii Solomoonii fidan.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22