bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 6
1 Kings 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 7 →
1
Worri Israa'elii biyya Misiriitii bayanii woggaa dhibba afurii fi saddeettamaan maayessa Solomoon mooyee woggaa arfeesso'oo ji'a lammeesso'oo ka Ziif jedhamu keessa mana woyyuu Rabbii ijaaruu jalqabe;
2
dheerinni mana woyyuu Rabbii ka Solomoon Rabbii ijaare ciqilee jahaatama; dalgi ciqilee diddama, hojjaan isaa ciqilee soddoma.
3
Mana woyyuu afoo hulee hara itti baafatantu jira; dheerinni baya balbalaa akkuma dalga mana woyyu'uu ciqilee diddama; dalgeen isaa mana woyyuu irraa ka'ee ciqilee kudhan.
4
Gamoon mana woyyu'uu gara keessaatiin badha'a; duubaan foddaa dhidhipha'atu jira.
5
Gamoo mana woyyu'uu dhiyeessee woyyitti'ii fi naannaya woyyittii woyyootaa dachaa godhee keessatti gola ijaare.
6
Badhinni mana jalaa dalgi isaa ciqilee shan; kutaan wodhakka'aa dalgi isaa jaha; kutaan sadeesso'oo garuu dalgi ciqilee torba; gaariin fardaa akka dallawa mana woyyu'uu hin seenne dallawa mana woyyu'uutiin alatti hulee isaan hara itti baafatan qopheesseef.
7
Dhagaan manni woyyuun ittiin ijaarame hulema dhagaa san baasan sanitti bocanii midhaassan; kanaafuu hennaa manni woyyuun ijaaramu laagaan sibiila dhaga'aan baqassanii, ka dhaga'aan bocanii fi laagaan sibiila biraa hin dhagayamu.
8
Balballi kutaa mana jalaa mana woyyuu mirga irraan jira; achiillee gara kutaa wodhakka'aatii gara sadeesso'oo dabarsa.
9
Kanaan maayessa Solomoon mana ijaaree fixee loosaa birbirsaatii fi cufana'aan cufe.
10
Naannaya mana woyyu'uutitti kutaa ciqilee shan shanii muka birbirsaatiin itti maxxansee ijaare.
11
Rabbi Solomooniin akkana jedhe;
12
«Yoo ati seera kiyyaa fi ajaja kiyya eedde, waadaa abbaa kee Daawitii gale sii raawwadha.
13
Mana woyyuu ka ati ijaarte kana keessatti si'ii fi banii kiyya Israa'eliin jidduu jiraadha; sirima isaan irraa hin fagaadhu.»
14
Akka kanaan Solomoon mana woyyuu ijaaree fixe.
15
Ijaarsa mana woyyu'uu gara keessaatiin lafa irraa haga ginnoo manaa cufanaa muka birbirsa Libaanosii irraa hojjatameen ijaare; baqassaan lafatti afame ka muka Libaanosii irraa hojjatame.
16
Kutaa gara keessaa mana woyyittii woyyootaa jedhamu mana woyyuu duuba irraan diqqoo keessa seenee ciqilee diddama ijaaree muka birbirsaatiin golge.
17
Hulee woyyuu ka woyyittii woyyootaa afoo jiru dheerinni isaa ciqilee afurtama.
18
Cufanaan muka birbirsa Libaanosii abaaboo dhooyee hin jirree fi abaaboo dhooyeen bareechisee ture; keessa manaa mana muka Libaanosii irraa cufanaa bocamee hojjatameen waan itti maxxanfameef dhagaan manaan ijaarame hin mudhatu.
19
Saanduuqa waadaa Rabbii keessa kaayu'uuf woyyittii woyyootaa qopheesse.
20
Dheerinni woyyittii woyyootaa ciqilee diddama, dalgi isaallee ciqilee diddama; hojjaan isaallee ciqilee diddama; woyyittiin woyyootaa sun ta worqii mishaa itti uwwise.
21
Hulee woyyittii woyyootaa afoo hulee ciinca'aa muka birbirsaa irraa hojjatee worqii misha'aan dibe.
22
Solomoon mana woyyuu keessa worqii dibee hulee ciinca'aa ka hulee woyyittii woyyootaa afoo jirullee worqii dibe.
23
Hulee woyyittii woyyootaatii fi Kiruubeelii lamaa ka ciqilee kudhanii hojjate.
24
Koolli Kiruubii tokkoo ciqilee shan; koolli Kiruubii lammeesso'oollee ciqilee shan; dheerinni qaccee koola Kiruubii duraatii jalqabee haga qaccee koola Kiruubii lammeesso'oo ciqilee kudhan.
25
Kiruubiin lammeesso'oo ciqilee kudhan; bony'i Kiruubii duraatii fi ka lammeesso'oo wol fakkaata.
26
Hojjaan Kiruubii tokkoo ciqilee kudhan; ka lammeesso'oollee ciqilee kudhan.
27
Kiruubeelii lachuu mana keessa kaaye; koolli Kiruubeelii lamaaniituu badhatee koolli Kiruubii tokkoo gama tokkoon ijaarsa manaa tuqa; koolli Kiruubii lammeesso'oollee diriiree gama kaaniin ijaarsa manaa tuqa; koolli lamaaniituu mana keessatti wol tuqa.
28
Kiruubeelii lachuu worqii itti maxxanse.
29
Mana keessaaf waan fakii abaabo'ootiif muka meexxi'ii irratti kaase.
30
Lafa mana keessaatii fi ka alaa worqii itti maxxanse.
31
Balbala seensa woyyittii woyyootaa ejersa irraa hojjatee kortoo, qasatoo, ginnoo roga shaniin hojjate.
32
Balbala lamaanuu muka ejersaa irraa hojjate, Kiruubeelii fi muka meexxi'ii fakii abaaboo dhooyee isaan irratti kaasee worqii itti maxxanse.
33
Akkasuma balbala seensaa qasatoo roga afurii ka muka ejersaa irraa hojjatame itti godhe.
34
Balbala lamaanuu muka hindheessaa irraa hojjate; balballi tokko cufanaa tokkocha ka gara lachiinuu banamu itti godhe; balbala lammeesso'oollee akkasuma godhe;
35
Isaan irratti Kiruubeelii fi fakii muka meexxi'ii, abaaboo dhooyee irratti kaasee worqii itti maxxanse.
36
Mana woyyuu afo'otti hulee itti gad bayan takka hojjate.
37
Manni woyyuun Rabbii woggaa arfeesso'oo ji'a Ziif jedhamu keessatti ijaarame.
38
Solomoon mooyee woggaa kudha tokkeesso'oo ji'a saddeetesso'oo ka Buul jedhamu keessa manni woyyuun Rabbii akkuma karoorfametti woggaa torbatti ijaaramee dhumate.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22