bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 5
1 Kings 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 6 →
1
Mootiin biyya Xiroosii Kiraam hennaa Daawiti mootii ta'eeru goshoo isaa waan tureef Solomoon bikka abbaa ufii mootii ta'u'uuf akka muudame dhagayee garboota ufii gara Solomoonii erge;
2
Solomoon Kiraamitti akkana jedhee dhaamsa erge;
3
«Akka abbaan kiyya Daawiti diintota naannoo isaa jiran maraa woliin wol lola'aa ture ati hin beetta; diintota ufii mooyatu'uuf jedhee mana Woyyuu Rabbii Waaqa ufii akka ijaaruu dadhabe ati hin beetta.
4
Amma Rabbi Waandhi kiyya biyya naannoo kiyya jiru maraa nagaya kenneera; diintonni amma rakkoo na irra geessan hin jiran.
5
Rabbi akkuma abbaa kiyya Daawitiin ‹ilmi kee ka ani bikka kee teessoo mootumma'aa kee irra kaawu maqaa kiyyaaf mana woyyuu naa ijaara› jedhee dubbatetti ani Rabbii Waaqa kiyyaa mana ijaaruu yaada.
6
Amma gosa kiyya keessaa namni akka worra gosa Siidooniititti muka muruu hin dandeenne waan beettuuf ati garboota kee birbirsa libaanosii akka naa muran naa ajaji; garboonni tiyyallee garbootuma tee woliin haa hojjatanii, gatii hojjattoota keetiillee akkuma ati jette maratti isaanii kaffala.
7
Kiraam waan Solomoon jedheen dhagayee guddisee gammadee «Rabbiin banii guddaa kana keessatti ilma ogeessa Daawitii kenne galanni haa gayu!» jedhe.
8
Kanaan maayessa Kiraam Solomooniin «waan ati jettee natti ergite maraa dhagayeera; waan fedha keetiitii fi waan muka birbirsaallee sii godha.
9
Garboonni tiyya muka Libaanoosii fuudhanii gara galaanaa sii fidan; anillee muka san yabalatti feesisee galaana irraan hulee ati jette sii geessee achii fudhatta; atillee nyaata mana kiyyaaf barbaachisu naa kennita» jedhee gara Solomoonii dhaamsa erge.
10
Akkasuma Kiraam haga Solomoon barbaadu muka birbirsaatii fi hindheessa fida'aafii ture.
11
Solomoon Kiraamiif waan nyaata mana isaatiif ta'u qamadii koorii kuma diddamaa, sayitii koorii diddamaa wogga wogga'aan kenna'aafii ture.
12
Rabbi akkuma abdachiise Solomoonii ogummaa kenne; Solomoonii fi Kiraamiin jidduu nageenni waan jiruuf isaan lachuu wolii galtee godhatan.
13
Solomoon banii Israa'elii maraa keessaa worra hujii hunnaa hojjatan file; laakkobsi worra hujii hunnaa hojjatanii namoota kuma soddoma.
14
Isaan irratti nama isaan tooyatu Adooniraamiin muudee inni hojjattoota nama kuma kudhan kudhan godha'aa bakka sadihitti addaan qoodee gareen maruu kore kore'een ji'a tokko Libaanoositti akka hojjatan ji'a lamaa garuu akka mana ufiititti hara baafatan godhee murteesse.
15
Solomoon worra muka baadhatan kuma torbaatamaa fi worra gaaratti dhagaa bocan namoota kuma saddeettamaa qaba ture.
16
Kunniin hojjattoota banii irratti muudame namoota kuma sadihiitii fi dhibba sadihiitiin ala.
17
Mootichi akka dhagaa gugurdaa mimmishaa lafaa qotanii baasanii baqassanii bu'uura manaatiif akka qopheessan ajaje.
18
Akka kanaan ogeeyyiin mana ijaaran ka Kiraamiitii fi ka Solomoonii worri gosa Geebaalii bu'uura mana woyyu'uu buusu'uuf isaanii gawu qopheessan.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22