bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 17
1 Kings 17
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 18 →
1
Raattichi Teesbii Gala'aadii keessa jiraatu ka Eeliyaas jedhamu Aki'aabiin, «Rabbii Waaqa Israa'elii jiraataa ka ani afoo isaa dhaabadheen kakadhee yoo ani dubbadhe malee woggoota kanniin keessa hin roobu, hin kishishulle'e» jedheen.
2
Achiin maayessa dubbiin Rabbii ka akkana jedhu gara Eeliyaasii dhufe;
3
«Asii ka'ii gara baya biiftu'uu laga Kooraatii ka Yoordaanosiin afoo jiruu dhaqii dhokadhu.
4
Laga sanii bisaan dhudda; akka isaan waan nyaattu sii fidan ani harraageeyyii sii ajajeera.»
5
Eeliyaas akkuma Rabbi itti dubbate laga fincaayaa ka Yoordaanosiin afoo jiruu dhaqee taa'e.
6
Harraageyyiinillee ganamaa fi galgala foonii fi buddeena fidaniif; innillee laga san keessaa bisaan dhuga'aa ture.
7
Guyyoota baay'e'een maayessa waan roobni hin roobneef lanni sun hin goge.
8
Kanaan maayessa Rabbi Eeliyaasiin akkana jedhe,
9
«Eeganaa amma ka'ii gara qachaa Sarraphta'aa ta ladda Siidoona'aatiin jirtuu dhaqii taa'i achitti akka si horattuuf dubartii abbaa worraa hin qabne takka sii ajajeeraa.»
10
Kanaaf innillee ka'ee deemee seensa qachattii Saraphta'aa haga gaye, dubartiin abbaa worraa hin qabne takka achitti qoraan guurti; inni isii waamee, «Yabo'oo bisaan dhugu xuwwe'etti naa fidi» jedheen.
11
Hennaa isiin bisaan isaa fuudhu'uuf deemtu isii waamee «Yabo'oo bixilee diqqoo harkatti naa qabadhuu koottu» jedheen.
12
Isiinillee akkana jettee isaa deebifte, «Ani Rabbii Waaqa keetiin kakadhee bixilee woyiituu hin qabu; daakuu ganaa takkaa ta qalqala keessa jirtuu fi sayitii ottee diqqoo keessa jirtu malee ani womaa hin qabu ani wonti as dhufteef qoraan diqqoo guuradhee gara manaa deebi'ee daakuu diqqoo qabu tana ufii fi mucaa kiyyaaf godhadhee nyaachu'uuf; kun nyaata keenna ka dhumaati; achiin maayessa du'uu hin oollu» jetteen.
13
Eeliyaas, «Hin sodaatin; ka'ii deemii akkuma jette godhi dura daakuu diqqoo san irraa fuudhii bixilee diqqoo godhii naa fidi; achiin maayessa ufii fi mucaa keetii godhi.
14
Rabbi Waandhi Israa'elii waan akkana jedhuuf haga guyyaa Rabbi rooba roobsutti daakuun qalqala keessaa hin dhumatu; sayitiinillee ottee keessaa sirima hin dhidhatu» isi'iin jedhe.
15
Isiinillee deemtee akkuma Eeliyaas isi'iin jedhe goote; isiin, maatiin isi'iitii fi Eeliyaasillee guyyaa baay'ee nyaatan.
16
Akkuma Rabbi Eeliyaasitti dubbate daakuun qalqala keessaa hin dhumanne; sayitiinillee ottee keessaa hin dhidhanne.
17
Achiin maayessa dubartittii abbaan worraa jalaa du'e jalaa mucaan isi'ii dhibamee haga hafuurri isaa addaan citutti dhukkubbiin itti jabaatee du'e.
18
Isiin Eeliyaasiin «Nama Rabbii! ani maal si godhe? Wonti ati as dhufteef cubbuu kiyya natti laakkoftee akka mucaan kiyya na jalaa du'uufii?» jetteen.
19
Eeliyaasi, «Mucaa kee natti kenni» jedhee bobaa isi'iitii fuudhee gara gamo'oo oliin bayee siree irra ciibsee,
20
Kanaan maayessa Eeliyaas, «Yaa Rabbi! Waaqa kiyya! dubartittii abbaan worraa irraa du'e ta waa na nyaachisa'aa turte jalaa mucaa isi'ii ajjeeftee maaf isii gaddisiifte?» jedhee laagaa ol qabatee Rabbiin kadhate.
21
Inni reeffa mucaa du'ee san irra harka sadihii ciisee «Yaa Waaqa kiyya yabo'oo lubbuun mucaa kanaa akka itti deebitu si kadhadha» jedhee Rabbiin kadhate.
22
Rabbi kadhaa Eeliyaasii dhagayee lubbuu mucaa sanii itti deebise; mucaanillee hin fayye.
23
Eeliyaas mucaa san gamoo gubba'aa buusee gara manaa haadhatti fidee «Mucaan kee kunoo lubbu'uun jira» jedhee isi'itti kenne.
24
Dubartittiinillee Eeliyaasiin «Akka ati nama Rabbii taate, dubbiin Rabbii ka afaan kee keessaallee akka dhugaa ta'e amma beeke» jetteen.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22