bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 13
1 Kings 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 14 →
1
Raattichi tokko ajaja Rabbiitiin Yihuuda'aa ka'ee gara Beeteelii dhufe; hennaa san Iyyoorbi'aam hulee ciinca'aa bira dhaabatee hixaana aarsa'aa ture.
2
Raattichi hulee ciinca'aa san mormu'uun «Hulee ciinca'aa! Hulee ciinca'aa! Rabbi akkana jedha «Namni Iyyoosiyaas jedhamu maatii Daawitii keessatti dhalata, gadoota gaara hulee ciinca'aatii hixaana si irratti aarsan, lafee namootaallee si irratti guba› » jedhee maqaa Rabbiitiin iyye.
3
Malkanni Rabbi guyyaa san kenne kana; huleen ciinca'aa baqaqee, daaraan isa irra jirullee hin jiga jedhee malkata kenne.
4
Mootichi waan namni Rabbii hulee ciinca'aa bira dhaabatee dubbate haga dhagaye, harka ufii hulee ciinca'aatii ol qabee nama hulee ciinca'aatii iyyu san qabaa'a jedhe; harki isaa ka inni gara raatticha dubbata'aaruu hiixate waan gogee hafeef harka san ufitti deebisuu dadhabe.
5
Akkuma namni Rabbii dubbii Rabbii malkataan hime, huleen ciinca'aa baqaqee, daaraanillee achi irraa jige.
6
Mootichi nama Rabbiitiin, «Akka harki kiyya ka goge naa fayyu Rabbii Waaqa kee naa kadhu» jedheen; namni Rabbii sun Rabbiin kadhannaan harki mootichaa fayyee akkuma duraanii ta'eef.
7
Achiin maayessa mootichi nama Rabbii saniin, «Ana woliin gara mana kiyyaa beenuu waa nyaadhu, anillee waan ati barbaaddu sii kennaa» jedheen.
8
Namni Rabbii sunillee mootichaan, «Yoo qabeenna kee ka qooddee naa kennituullee ani gara mana keetii hin dhaqu, midhaan hin nyaadhu; bisaanillee hin dhugu.
9
Rabbi naan, buddeena hin nyaatin, bisaanillee hin dhugin, karaa dhufte keessallee hin deebi'in jedhee na ajaje» jedheen.
10
Kanaafuu namni Rabbii sun karaa dhufeen ka Beeteelii dhiisee karaa biraatiin deeme.
11
Hennaa san jaarsi raagu tokko Beeteeliin keessa jiraata ture; ijoolleen isaa ta dhiiraa isatti dhaqanii, waan namni Rabbii guyyaa san Beeteelitti godhe maraa fi waan dubbii inni mootichatti dubbate maraa abbaa ufiititti himan.
12
Abbaan isaaniillee «Inni karaa kamiin lixe ree?» isaaniin jedhe; ijoolleenillee karaa namni Rabbii ka biyya Yihuuda'aatii dhufe deemeen itti akeekan.
13
Kanaan maayessa inni ijoollee ufiitiin, «Harree naa kooraa'a» isaaniin jedhe; isaan harree kooraniifii yaabbatee deemee,
14
isa hordofee uduu inni muka qilxu'uu jala taa'u isa argee, «Namni Rabbii ka biyya Yihuuda'aatii dhufe si'ii?» jedhee isa gaafate; innillee, «Ee ana» jedhee isaa deebise.
15
Innillee, «Na woliin gara mana kiyyaa beenuu waa nyaadhu» jedheen.
16
Innillee, «Ani si woliin deemee waa hin nyaadhu; bisaanillee hin dhugu;
17
Rabbi achitti waa hin nyaatin, bisaanillee hin dhugin, karaa dhufte keessallee hin deebi'in» jedhee na ajajeera jedhe.
18
Innillee, «Anillee raaguma akka keetiiti, maleekkaan Rabbii inni mana kee dhaqee si woliin haa waa nyaatee dhuguu jedhee natti dubbateera» jedhee soba itti hime.
19
Innillee isa woliin gara mana isaa dhaqee isa woliin waa nyaatee, bisaanillee dhuge.
20
Uduu isaan waa nyaata'aaran dubbiin Rabbii gara raatticha jaarsaa dhufee,
21
Inni nama Rabbii ka biyya Yihuuda'aatii dhufe saniin Rabbi akkana siin jedha, «Ati waan Rabbi siin jedhe waan diddeef ajaja Rabbi Waandhi kee si ajaje waan eeguu dhabdeef,
22
hulee waa itti hin nyaatin, bisaanillee hin dhugin siin jedhetti waan nyaattee dhuddeef, reeffi kee hulee abboonni tee itti awwaalamanitti hin awwaalamu» jedhee dubbate.
23
Haga namichi raagu sun waa nyaatee dhugeen maayessa harree kooreef.
24
Innillee haga ka'ee deeme, leenci kara'atti isatti bayee ajjeeseen, leencinii fi harreen inni yaabbate sun reeffa bira dhaabatan.
25
Namoonni karaa san irra lufan leenca reeffa bira dhaabatu arganii dhaqanii qachaa jaarsi raagu keessa jiraata'aa turetti odeessan.
26
Raattichi namicha raagaa ka inni kara'aa deebise sun akka du'e haga dhagaye, inni raatticha Rabbii ka dubbii Rabbii dhagawuu dide san kanaaf Rabbi akkuma dubbate, leencaaf dabarsee isa kennee leencillee caccabsee isa ajjeese» jedhe.
27
Kanaan maayessa ijoollee ufiitiin, «Harree naa kooraa'a» jedhe; isaanillee harree kooraniifii,
28
deemee reeffa namichaa ka kara'atti kufeeru, harre'ee fi leenca reeffa bira dhaabatu arge; leenci garuu reeffaa fi harreellee hin nyaanne.
29
Raattichi reeffa nama Rabbii fuudhee harree irratti fe'ee gara qacha'aa gara qe'ee ufii fidee booyee,
30
Awwaala worra ufii biratti awwaale.
31
Haga reeffa awwaaleen maayessa ijoollee ufiitiin, «Ani yoo du'e, awwaala nama Rabbii kana biratti na awwaalaa'a, lafee kiyya lafee isaa bira kaayaa'a.
32
Wonti raattichi Rabbii kun armaan dura hulee ciinca'aa ka Beeteeliin keessatti argamu qachoota Samaariya'aa didiqqaa keessatti argamuu fi tulloota irratti sagadan irratti akka Rabbi isa ajajeen dubbate dhugamaan hin raawwatama.» jedhe.
33
Haga wonti kun maruu ta'ellee Iyyoorbi'aam waan hamaa hojjatu irraa hin deebine; worra Leewwotaa ka hulee ciinca'aatitti tajaajilaniin alatti nama gadaa ta'ee tajaajiluu barbaadu maraa fila'aa ture.
34
Cubbuun inni hojjate kun sababaa badu'uu fi diiggamuu mootummaa isaa ta'e.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22