bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 16
1 Kings 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 17 →
1
Dubbiin Rabbii ka akkana jedhu ilma Anaanii Iyyuu irraan gara Ba'oosii dhufe;
2
«Ani lafaa si kaasee banii kiyya Israa'eliin irratti bulchaa si taasise; ati garuu akka Iyyoorbi'aamii cubbuu hojjattee banii kiyya Israa'eliinillee akka isaan cubbuu hojjatan gootee na aarsite.
3
Kanaaf Ba'oosii fi maatii isaa sirima balleessa; mana kee akka mana Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii itti balleessetti balleessa.
4
Gosa Ba'oosii keessaa namoota qachattii keessatti dhuman sariintu nyaata; worra raasa'atti dhuman allaatti'itu nyaata.»
5
Wonti Ba'oos hojjatee fi hujiin isaa ka jannumma'aa maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
6
Ba'oos du'ee Teersaa hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Eela'atu mooye.
7
Rabbi karaa raatticha Iyyu'uutiin Ba'oosii fi maatii isaa irratti wonti dubbii raagaa kana himeef waan Ba'oos cubbuu hojjatee Rabbiin gaddisiiseef, wonti Ba'oos Rabbiin aarseen, waan cubbuu mootonni isaan dura turan hojjatan hojjate calla'aaf uduu hin taane waan maatii Iyyoorbi'aamii maraa ajjeeseef.
8
Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa diddamii jaheesso'ootitti ilmi Ba'oos Eelaan biyya Israa'elii irratti mooyee teessoo ufii Teersaa godhatee woggaa lamaa bulche.
9
Namni Zamiri jedhamu ka worra gaarii fardaa oofan bulchu ajajaan loltootaa mootichatti ka'e gaaf tokko Eelaan qachaa Teersa'aa keessatti mana Ba'oosaa bulchaa mana mooti'iititti waan nama macheessu guddisee dhugee machaaye.
10
Hennaa san Zamiri mana waa itti dhugan san keessa seenee Eelaa ajjeesee bikka isaa mooye; wonti kun maruu bara mootiin biyya Yihuuda'aa Ba'oos mooyee woggaa diddamii torbeesso'ootitti ta'e.
11
Inni akkuma mooyee teessoo irra taa'een mana Ba'oosii maraa fixee firaa fi goshoota isaa dhiira maraa ajjeese.
12
Sababaa cubbuu Ba'oosii fi ilmi isaa worra Israa'elii cubbuu hojjachiisanii Rabbii waaqa Israa'elii waan gaddisiisaniif akkuma Rabbi raatticha ufii Iyyu'uun Ba'oositti dubbateen Zamiri maatii Ba'oosii maraa fixe.
14
Wonti Eelaan hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
15
Aasaan biyya Yihuuda'aa keessatti mooyee woggaa diddamii torbeesso'ootitti Zamiri biyya Israa'elii irratti mooye; Teersaa keessa jiraata'aa Israa'eliin irratti guyyaa torbaa bulche; hennaa san loltoonni Israa'elii qachaa Gabaatoonii ta Filisxeemiin keessatti argamtu marsan.
16
Baniin qachattii marseeru akka Zamiriin yaada hama'aan ka'ee mooticha ajjeese dhagayanii guyyaa san worri Israa'elii maruu Zambarii bulchaa loltootaa ganda keessatti moosisan.
17
Zambariinii fi worri Israa'elii maruu Gabaatooniin keessaa bayanii qachaa Teersa'aa marsan.
18
Zamiri qachattiin akka marfamte haga arge dallawa mootichaa keessa seenee mana mootichaatitti ibidda qabee mana woliin gubatee du'e.
19
Wonti kun ta'eef waan Rabbiin afo'otti cubbuu hojjatee fi worra Israa'eliillee akka isaan Rabbiin afo'otti cubbuu hojjatan godhee cubbuu Iyyoorbi'aam hojjatellee waan hojjatee Rabbiin aarseef.
20
Wonti hamaan Zamiri hojjate galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
21
Hennaa san baniin Israa'elii bakka lamatti qoodamee baniin gariin Taaminii ilma Goonaatii uf irratti moosise; gariin garuu Zambariin uf irratti moosise.
22
Baniin Zambariin uf irratti moosise banii ilma Goonaatii Taaminiin uf irratti moosise injifate; kanaaf Taamiin du'ee Zambar mootii ta'e.
23
Bara Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa soddomii tokkootitti Zamiriin biyya Israa'elii irratti woggaa kudha lama mooye, Teersa'attillee haga woggaa jahaa bulche.
24
Inni Saamiriin irraa gaara Samaariya'aa birrii makiliitii kuma jahaan bite; gaara bite san irratti qachaa ijaare; qachaa ijaare san maqaa namicha gaara irraa bitee ka Saamir jedhamuun «Samaariyaa» jedhee itti baase.
25
Zambari Rabbiin afo'otti waan hamaa mootonni tanaan dura hojjatan caalaa hamaa hojjatee Rabbiin gaddisiise.
26
Cubbuu ilmi Naabaaxii hojjate hojjatee worra Israa'eliillee dogoggorsee Rabbii Waaqa Israa'elii aarse.
27
Wonti hamaan Zambari hojjate galmee mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
28
Zambari du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman Samaariya'atti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Aki'aabitu mooye.
29
Bara Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa soddomii saddeetesso'ootitti ilmi Zambarii Aki'aabi woggaa diddamii lamaa Samaariyaa keessa taa'ee Israa'eliin irratti mooye.
30
Ilmi Zambarii Aki'aabi mootota isaan dura turan caalaa cubbuu guddaa hojjatee Rabbiin gaddisiise;
31
Cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjate diqqaa itti fakkaatee Elzaabelii mucattii mooticha Eetba'aalii gosa Siidoona'aa fuudhee waaqa tolfamaa ba'aal jedhamu waaqeffata'aa sagadeef.
32
Inni Samaariyaa keessatti mana waaqa tolfamaa Ba'aalii ijaare keessatti hulee ciinca'aa ijaare.
33
Aki'aabi fakii waaqa tolfamaa dubartii Asheeraa jedhamtuu dhaabe; inni mootota Israa'elii worra isaan dura turan caalaa cubbuu hojjatee Rabbiin gaddisiise.
34
Bara Aki'aab bulchu namni Beeteelii Aki'eel Iyyaarikoo ijaare; akkuma Rabbi ilma Nawwe'ee Iyyaasu'utti dubbate ilmi isaa ka hangafaa Abiiraan isa jalaa du'e; hennaa balbala dallawa Iyyaariko'oo ijaaru ilmi isaa ka maandha'aa Saguubillee du'e.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22