bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 20
1 Kings 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 21 →
1
Wolda'aadeer mootiin Sooriya'aa loltoota ufii maraa hulee tokkotti wolitti qabee mootota Soddomii lamaa ka farado'oo fi konkolaataa farado'oo qaban woliin duulee Samaariyaa qachaa guddoo Israa'elii marsee loleen.
2
Achiin maayessa mootichi Wolda'aadeer gara mootii Israa'elii Aki'aabitti ergee,
3
«Birriin, worqiin, dubartoonni ati fuutee fi ijoolleen tee babbareedan tiyya» jedhee dhaamsa itti erge.
4
Mootichi Israa'eliillee deebisee, «Gooftaa kiyya! akkuma ati jette anii fi wonti ani qabu maruu keeti» jedhe.
5
Akkasuma worri ergaman deebi'anii «Wolda'aadeer akkana jedha dura birrii, worqii, dubartootaa fi ijoollee teellee naa kennita» jedhee sitti ergee ture.
6
Borullee hennaa kana garboota tiyya sitti erga; mana keetii fi manniin garboota keetiillee hin saaman; waan isaanitti tolu maraa saamanii fudhatanii deemu'uuf ta'ana!» jedhan.
7
Mootiin Israa'elii jaarsota biyyaa mara waamee, «Ila namni kun hammeenna barbaada'aaraa inni waan dubartoota, ijoollee, birri'ii fi worqii kiyyaatiif natti erge ani hin dinne!» jedhe.
8
Kanaan maayessa jaarsonninii fi baniin maruu, «Waan inni siin jedhe hin dhagayin, maarre hin jedhiniinille'e!» jedhaniin.
9
Kanaafuu inni ergamtoota Wolda'aadeeriitiin «Mootii gooftaa kiyyaan waan ati ana garbicha keetitti ergite maraa hin raawwadha, kana garuu sii raawwachuu hin danda'u jedha'aatii isatti himaa'a» isaaniin jedhe. Worri ergamanillee akkuma inni isaaniin jedhe deebi'anii isatti himan.
10
Wolda'aadeer deebisee loltoota lafa Samaariya'aa irra gara galchee ‹Haga biyyeen Samaariya'aatuu cum'oo ganaa tokkoo isaanii taatutti yoo si irra gara hin galchine waaqoleen ani waaqeffadhu na haa balleessan» jedhee dhaadatee deebisee isatti erge.
11
Mootichi Aki'aabillee loltuun dhuga'aan dhaadatuu ka barbaachisu haga lolee mooyateen maayessa malee lolaan duraa miti jedha'aa mooticha Wolda'aadeeritti himaa'a» jedhee dhaamsa isatti erge.
12
Wolda'aadeer haga waan kana dhagaye mootota woliin daasee keessatti dhuddoo dhuga'aa ture; inni garboota ufiitiin, «Lolaaf hiriiraa'a» isaaniin jedhe; isaanillee fuulaan gara qachatti'ii laalanii hiriiran.
13
Raattichi gara Aki'aabii mootii Israa'elii dhaqee, «Rabbi duula lolaa kana mara arga'aartaa? Ani adha akka ati isaan mooyattu si taasisa, yoo san akka ani Rabbiin ta'e beetta siin jedha» jedhe.
14
Aki'aabi deebisee, «Namni lolaaf afoo deemu eennu?» jedhee gaafate; raattichillee deebisee, «Bulchoota biyya bulchanii fi dargaggeeyyi'i» jedhe. Mootichi, «Ka firrisee lolu eennu?» jedhe; raattichi «si'i» jedheen.
15
Mootichi namoota dhibba lamaa fi soddomii lamaa ka bulchiinsa godinaa jala jiran dargaggeeyyi'ii fi loltoota worra Israa'elii namoota kuma torbaa waamee wolitti qabe.
16
Mootonni mootii Wolda'aadeeriin woliin waadaa qaban soddomii lamaanuu daasee ufii keessatti guyyaa wodhakkaa hennaa isaan dhuganii machaayanitti loltoonni Israa'elii isaanitti nam'anii,
17
«Loltoonni ka'immanii firrisanii afo'otti hennaa bayan eeddoonni Wolda'aadeer erge gareen loltuu tokkoo Samaariya'aa yaa'ee garana as dhufa'aara» jedhanii Wolda'aadeeritti himan.
18
Inni garuu isaaniin «Lolaaf yookaan nagayaafillee yoo dhufan isaan qaba'aa naa fidaa'a» isaaniin jedhe.
19
Bulchoonni qachaa bulchan, dargaggeeyyiin qachaa keessaa bayan; loltoonnillee isaan faanaa deeman.
20
Loltoonni maruu nama isaan afoo jiru ajjeefnaan worri Sooriya'aa hin dheessan; worri Israa'eliillee isaan ari'an; mootiin biyya Sooriya'aa garuu worra fardaa hagoo woliin dheessee jalaa baye.
21
Mootiin Israa'elii deemee worra gaarii fardaa oofanii fi worra farado'oon lolan ka biyya Sooriya'aa akka bada'atti woraanaan isaan fixe.
22
Achiin maayessa raattichi gara mootii Israa'elii dhaqee mootiin biyya Sooriya'aa bara dhufu gara kee waan dhufuuf jabaadhu loltoota kee leenjisii qopheessi mala ittiin loltullee qopheeffadhu jedheen.
23
Bulchoonni goshoo Wolda'aadeerii mootichaan akkana jedhan «waaqoleen worri Israa'elii waaqeffatan waaqa gaaraati; wonti isaan nu mooyataniif waan waaqa gaaraa waaqeffataniif; uduu raasa'atti isaaniin lollee nu silaa isaan mooyanna.
24
Kanaafuu bulchoota soddomii lamaanuu hulee ajajaa loltootaa irraa buusiitii bikka isaanii namoota biraa ka woraana ajaju muudi.
25
Loltoota fardaatii fi loltoota konkolaataa fardaa ka haga worra armaan dura dhuman gawu loltoota hedduutii fi farado'oo fi gaarii fardaa haguma ka duraanii qopheessii achiin maayessa worra Israa'elii raasa'atti isaaniin lollee mooyannaa jennaan mootichi Wolda'aadeer waan isaan jedhaniin wolii galee raawwachu'uuf murteesse.»
26
Bara itti aanu mootiin Wolda'aadeer loltoota biyya Sooriya'aa hiriirsee worra Israa'eliitiin lolu'uuf gara qachaa Yaafeeqii dhaqe.
27
Worri Israa'eliillee isaaniin lolu'uuf hulee lamatti hiramanii worra Sooriya'aatiin lolu'uuf raasaa worri Sooriya'aa itti quphataniiran afo'otti quphatan; laakkobsi loltoota Israa'elii garuu baay'inna loltoota biyya Sooriya'aatiin yoo wolitti bikkamu gobbuu ilmoolee re'iin hago'oo ka bakka lamatti hiramte fakkaatan.
28
Raattichi Rabbii gara mootii Israa'elii dhaqee «Rabbi akkana siin jedha; worri Sooriya'aa Rabbiin keessan waaqa gaaraati malee waaqa dhooqaatii miti waan jedhaniif loltoota baay'ee kanniin maraa akka mooyattu si taasisa; anillee akka Rabbiin ta'e atii fi baniin keellee hin beettan jedhiin» jedheen.
29
Loltoonni biyya Sooriya'aatii fi loltoonni worra Israa'elii wolitti bayanii haga guyyaa torbaa wol lola'aa turan; guyyama san worri Israa'elii loltoota worra Sooriya'aa ka lafo'oo kuma dhibba tokko fixan.
30
Achiin maayessa worri du'a jalaa hafe gara qachaa Yaafeeqiititti baqatan; achitti loltoota laakkobsi isaanii haga kuma diddamii torbaa gawu dalloofni qachattii sanii isaan irratti jigee dhuman; Wolda'aadeer dheessee gara qachatti'ii galee mana tokko keessa seenee gara duubaatitti dhokate.
31
Garboonni isaa isa bira dhaqanii, «Mootonni Israa'elii akka isaan worra namaa dhiisu ta'an dhageenneerra; kanaafuu uffata gaddaa mudhi'itti hidhannee haada mata'atti marannee mootii Israa'elii bira dhandhee akka araara gaafannu nu hoffolchi; maal laataa inni lubbuu tee si oolchuu danda'aa» jedhaniin.
32
Kanaan maayessa isaan uffata gaddaa mudhi'itti hidhatanii, haada mata'atti maratanii mootii Israa'elii bira dhaqanii «Garbichi kee Wolda'aadeer akka dhiifamsa naa gootu si kadhadha› jedheera» jedhaniin; innillee «Amma inni lubbu'uun jiraa? inni obboleessa kiyya» jedhe.
33
Goshoonni mooticha Wolda'aadeerii waan dhaamsa araaraa eega'aaraniif Aki'aabi hennaa inni obboleessa kiyya jedhu dhagayan; yoma san afaanuma isaa irratti «Akkuma ati jette Wolda'aadeer dhugamaan obboleessa keeti» jedhaniin; Aki'aabi «Gara kiyya as fidaa'a» isaaniin jedhe; haga Wolda'aadeer gara isaa dhufe Aki'aabi gaarii fardaa irra akka ol bayee taa'u waame.
34
Wolda'aadeer mootichaan, «Qachoota abbaan kiyya abbee irraa fudhate sii deebisa; akkuma Samaariyaa keessatti gabayaa dhaabe atillee qachaa Damaasqo'oo keessatti gabayaa dhaabda» jedheen. Aki'aabillee deebisee «Anillee waan kana irratti waadaa siif gala» jedhee waadaa wolii galanii akkanumaan gad isa dhiise.
35
Worra raattotaa keessaa namni tokko «Akka Rabbi si ajajetti na dhayi» jedheen; namichi garuu dhawu'uunii dide.
36
Raattichi na dhayi isaan jedhe sun «Waan ajaja Rabbii diddeef akkuma na biraa deemteen leenci si ajjeesa» jedheen; akkuma inni isa biraa deemeen leenci kara'atti qabee ajajeeseen.
37
Achiin maayessa hennaa lammeesso'oo nama biraa argee, «Na dhayi» jedheen; inni dhayee isa madeesse.
38
Raattichi sun akka eennullee isa hin beenne waa fuulatti haguuggatee deemee mootii Israa'elii ka karaa irra lufu eegu'uuf karaa irra dhaabate.
39
Mooticha karaa irra deemu argee inni isa bira lufu'uuf taanaan raattichi isa waamee akkana jedheen «Mootii kiyya; ani lola'aa ture; amma achii dhufa'aara; achitti loltoota keessa namni tokko worra diinaa keessaa nama tokko booji'ee dhufee nama kana eegi, yoo inni si harkaa baye bikka isaa situ du'a yookaan birrii kiiloo soddomii afurii ta'u kaffalta› naan jedhe» jedheen.
40
Namichi garuu «Uduu ani hujiin natti guddatee asii fi achi fiigu bayee na jalaa bade» jedheen; mootichillee ati waan ufitti murteessiteef adabamuu si barbaachisa» jedheen.
41
Raattichi uffata fuulatti haguuggateeru daddafee uf irraa mulqe mootichi yoma san nama gosa worra raattotaa akka ta'e beeke.
42
Kanaan maayessa raattichi mootichaan akkkana jedhe «Wonti Rabbi jedhe kana; nama ani haa du'uu jedhee itti murteesse akka inni miliqee bawu waan gooteef bikka isaa ati du'aan adabamta baniin kee bikka banii isaa bada» jedheen.
43
Mootiin Israa'elii aaree gara mana ufii galee achiin maayessa gara biyya Samaariya'aa dhaqe.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22