bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 15
1 Kings 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 16 →
1
Ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam mooyee woggaa kudha Saddeetesso'ootitti Abiyaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye.
2
Inni Yerusaalemiin woggaa sadihii bulche; haati isaa ta Ma'ikaa jedhamtu mucattii Abeseloomii turte;
3
Innillee cubbuu abbaan isaa hojjate maraa hojjate; onneen isaa akka abbaa isaa akka Daawitii qulqulluu hin turre.
4
Garuu Rabbi Waandhi isaa ilma isaa isaan maayessa moosisu'uuf, Yerusaalemiinillee jabeessu'uuf waan Daawitiitiif jedhee Abiya'aa ilma kenne.
5
Daawiti bara ufii jiraate maraa keessatti Rabbiin afo'otti waan qajeelaa godha'aa waan inni isa ajaje maraa raawwata'aa ture.
6
Bara Iyyoorbi'aamii fi ilmi Roobi'aamii Abiyaan bulchan isaan lachuu wol lola'aa turan.
7
Wonti Abiyaan hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
8
Kanaan maayessa Abiyaan du'ee qachaa Daawitii hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Aasa'atu mooye.
9
Iyyoorbi'aam Israa'eliin irratti mooyee woggaa diddameesso'ootitti Aasaan mootii Yihuuda'aa ta'e.
10
Inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa afurtamii tokko bulche; haati isaa Ma'ikaan mucattii Abeseloomii turte.
11
Aasaan akkuma Daawitii abbaa ufiititti Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate.
12
Inni biyya ufii bulchu keessaa worra Soodomii yaase, waaqa tolfamaa abboonni isaa waaqeffatan maraa balleesse.
13
Haati isaa Ma'ikaan waaqa tolfamaa waaqeffatan waan hojjatteef akka isiin mootii hin taane godhee waaqa tolfamaa isi'ii caccabsee laga Qeediroonii biratti gube.
14
Garuu hulee itti sagadan ka tulloota gubbaa jiru hin balleessine, Aasaan bara ufii jiraate maraa keessatti garaa guutuu qaba ture.
15
Meeshaa abbaan isaa woyyoomse, worqii inni ufii woyyoomsee fi birriillee gara mana woyyu'uu galche.
16
Mootiin Yihuuda'aa Aasa'aa fi mootiin Israa'elii Ba'oos bara ufii bulchan maraa wol lola'aa turan.
17
Mootiin Israa'elii Ba'oos biyya Yihuuda'aatiin lolee qabatee, Raamaa kushee ufii godhatee hojjate; wonti waan kana godheef eennullee gara biyya Yihuuda'aa akka hin seennee fi akka hin baane dhooggu'uuf.
18
Sababaa kanaaf mootichi Aasaan birri'ii fi worqii mana woyyu'uutii fi ka mana mootumma'aa baasee hojjattoota ufii irraan Xabiriyoosii ilma ilma Heziyoonii ta'een mootii Sooriya'aa Wolda'adeeriif akka kenna'aatitti ergeef.
19
«Anaa fi si jiddu'utti, abbeetii fi abbaa kiyya jiddu'utti waadaan dhaabateera; ani birri'ii fi worqii eebba maraa sii ergeeraa akka mootiin Israa'elii Ba'oos na irraa fagaatu isa bira dhaqii waadaa isa woliin qabdu diigi» jedhee dhaamsa itti erge.
20
Wolda'aaderille mooticha Aasa'aan maarre jedhee ajajootaa fi loltoota ufii gara qachoota Israa'elii ergee biyya Iyyoonii, Daanii, Abelbeetma'aag, Kenereetii fi biyya Niftaalemii maraa dhaye.
21
Mootichi Ba'oos haga waan kana dhagaye Raamaa hojjachuu dhiisee biyya Teersa'aa dhaqee keessa jiraate.
22
Mootichi Aasaan biyya Yihuuda'aa maratti labsii labse; biyyi Yihuuda'aa hennaa san nagaya hin qaban, dhaga'aa fi muka Ba'oos Raamaa ittiin ijaare fudhatanii mootichi Aasaan qachaa Biiniyaamii Geeba'aa fi Mitsiphaa ittiin ijaare.
23
Wonti mootichi Aasaan hojjate maruu hujiin jannumma'aatii fi qachoonni inni itti kushee hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera; mootichi Aasaan hennaa jaare lutti isaa waan dhukkubeef laamshaye.
24
Inni du'ee qachaa Daawitii keessatti hulee mootonni itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoosaafixi mooye.
25
Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa lammeesso'ootitti ilmi Iyyoorbi'aamii Naadaabi worra Israa'elii irratti woggaa lamaa mooye.
26
Inni Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate akkuma abbaan isaa cubbuu hojjate innillee banii Israa'elii cubbuu hojjachiise.
27
Ba'oosiin ilmi Akiya'aa ka gosa Yisaakoorii Naadaabitti ka'ee lafa Gabaa'ooniititti isa ajjeese.
28
Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa sadeesso'ootitti Ba'oos Naadaabiin ajjeesee bikka isaa mootii ta'e.
29
Inni akkuma mooyeen maatii worra Iyyoorbi'aamii maraa fixe; akkuma Rabbi karaa raatticha ufii Akiyaa biyya Seelo'ootiin dubbate maatiin Iyyoorbi'aamii maruu hin dhuman womaa hin hafne;
30
sababaan kun ta'eef waan Iyyoorbi'aam cubbuu hojjatee worra Israa'eliillee akka cubbuu hojjatan godhee Rabbii waaqa Israa'elii aarseef.
31
Wonti mootichi Naadaab hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
32
Bara mootiin Yihuuda'aa Aasa'aa fi mootiin Israa'elii Ba'oos bulcha'aa turan lola addaan hin cinnetu isaan jidduu ture.
33
Bara Ba'oos bulche woggaa sadeesso'ootitti ilmi Akiya'aa Ba'oos worra Israa'elii maraa irratti Teersaa keessatti woggaa diddamii afurii bulche.
34
Inni Rabbiin afo'otti cubbuu hojjate; cubbuu Iyyoorbi'aam hojjate hojjatee banii Israa'eliillee akka cubbuu hojjatan godhee Rabbiin gaddisiise.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22