bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Kings 3
1 Kings 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 4 →
1
Mootichi Solomoon intala mooticha biyya Misirii fuudhee soddoome; mana ufiitii fi mana Rabbii dallawa naannaya Yerusaalemii jirtu ijaaree haga fixuuf gara qachaa Daawitii isii fide.
2
Haga hennaa sanii manni woyyuun Rabbii waan hin ijaaramneef baniin hulee itti sagadan ka tulluu gubba'aatitti ciincaa dhiyeessa'aa turan.
3
Solomoon Rabbiin waan jaalatuuf seera abbaan isaa Daawiti jiraatuun jiraata'aa hulee itti sagadan ka tulluu gubba'aatitti ciincaa dhiyeessa'aa hixaanallee aarsa'aa ture.
4
Gabaa'oon gaara ijoo irratti sagadan waan taateef mootichi ciincaa dhiyeessu'uuf achi dhaqe; Solomoon achi irratti ciincaa ciincawu kuma tokko dhiyeesse.
5
Rabbi Gabaa'oonitti halkan eebju'uun Solomoonitti mudhatee «Maal akka sii kennu barbaadda?» jedheen.
6
Solomoon Rabbiin, «Akkuma abbaan kiyya Daawiti dhugaa, qajeellumma'aa fi gara laafumma'aan si woliin jiraate ati garbicha kee abbaa kiyya Daawitii waan mishaa gooteerta; akka adha ta'e kana ilma teessoo mootummaa isaa irra taa'u kenniteefii arjummaa guddaa gooteertaaf;
7
ammallee yaa Waaqa kiyya! ana garbicha kee mootummaa abbaa kiyya Daawitii irratti na moosifteerta; ani garuu mucaa diqqaa bayaa gala hin beenne.
8
Huleen ani garbichi kee jiru banii guddaa laakkayamee hin dandeenne keessa jira.
9
Kanaafuu akka banii keetii murtii qajeelaa kennuu danda'u, akka waan misha'aa fi waan hamaa adda baasuu danda'u ana garbicha keetii qalbii hubattu kenni; yoo kana hin taane banii guddaa hagana gawu irratti eentu murteessuu danda'a?» jedhe.
10
Solomoon waan kana kadhannaan Rabbi guddisee gammade.
11
Rabbi, «Murtii qajeelaa murteessu'uuf ufiif ogummaa na kadhatte malee ufii bara baay'ee jiraachuu, durummaa, diintota kee akka sii fixuuf waan na hin kadhanneef, kunoo ani waan ati na kadhatte kana sii kenneera.
12
Kunoo akkuma ati na kadhatte, akkuma armaan dura namni si fakkaatu hin jirre, siin maayessallee akka namni biraa hin kaane godhee qalbii waa hubattuu fi ta ogummaa qabdu sii kenneera.
13
Akkasuma mootota keessaa ka sitti qixxaayu akka hin jiraanne, ulfinnaa fi durummaa ati na hin kadhannellee sii kenneera.
14
Akka abbaan kee Daawiti godhe, atillee akka fedha kiyyaatitti yoo jiraatte, seeraa fi ajaja kiyya yoo eedde akka bara dheeraa jiraattu si taasisa» jedheen.
15
Solomoon hennaa hirribaa dammaqu akka Rabbi eebju'uun itti dubbata'aaru hubate; kanaan maayessa gara Yerusaalemii dhaqee saanduuqa waadaa Rabbii afoo dhaabatee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa dhiyeessee garboota ufii maraafuu nyaata qopheesse.
16
Hennaa san dubartoonni lamaa ta seebartu dhaqanii mooticha afoo dhaabatan.
17
Dubartittiin takka mootichaan, «Gooftaa kiyya! anii fi dubartittiin tun mana tokko keessa jiraanna; ani uduu isii woliin mana tokko keessa jiraannu daye.
18
Haga daye guyyaa sadihiin maayessa isiinillee hin deette; nu lachuu mana tokko keessa jiraanna; nu lamaan malee namni biraa nu woliin hin jiru.
19
Isiin daa'ima ufii irra waan ciifteef daa'imni isi'ii jalaa du'e.
20
Isiin uduu ani rafeeru daa'ima kiyya na jalaa fudhattee uf jala raffiftee daa'ima ufii ka du'e san fuutee na jala ciibsite.
21
Yoo ani daa'ima kiyya harma hoosisu'uuf ganamaan ka'u daa'imni du'eera; yoo ka'ee laalu daa'ima kiyyaa miti» jetteen.
22
Dubartittiin lammeesso'oollee, «Daa'imni jiru kiyya; ka du'e keeti malee akka ati amma jedha'aartu kanaa miti» jette; akka kana jedha'aa mooticha afo'otti wol morma'aa turan.
23
Kanaan maayessa mootichi, «Dubartittiin tuun, ‹Ka lubbu'uun jiru daa'ima kiyya, ka du'e garuu daa'ima isi'iiti jetti!› dubartittiin lammeesso'oo garuu, «Ka lubbu'uun jiru kiyya, ka du'e garuu ka isi'iiti!› jette jedhe.»
24
Mootichi guraadee naa fidaa'a jennaan guraadee fidaniif.
25
Mootichi worra guraadee qabatee gara isaa dhufe sanniiniin, «Daa'ima lubbu'uun jiru kana bakka lamatti mura'aatii lamaaniiyyuu kennaa'a» jedhe.
26
Haati daa'ima lubbu'uun jiruu waan daa'imni garaa isii nyaateef, «Gooftaa kiyya! daa'ima akkuma jiruun isi'ii kenni malee hin ajjeesin!» jettee mootichatti dubbatte. Haati daa'ima du'ee garuu, «Addaan nuu haa muranii malee kiyyallee hin ta'in; keellee hin ta'in!» jette.
27
Achiin maayessa mootichi, «Daa'ima lubbu'uun jiru ka haadha akka hin duune isi'ii kennaa jetteetii isi'ii kennaa'a malee hin ajjeesinaa'a!» jedhe.
28
Murtii mootichi murteesse worri Israa'elii maruu dhagayanii akka ogummaa Rabbi isaa kenne waan hubataniif mooticha kabajjan.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22