bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 1
Judges 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 2 →
1
Haga Iyyaasuun du'een maayessa ijoolleen Israa'elii «Worra Kana'aanii woliin wol lolu'uuf eentu nu afoo deema? » jedhanii Rabbiin gaafatan.
2
Rabbillee, «Yihuudaan isin afoo haa bawuu, ani biyya san isinii kenneeraa» jedhe.
3
Yihuudaan obboleessa ufii Simooniin, «Koottaa worra Kana'aaniititti woliin duullaa, nullee yoo isin duultan isin woliin duullaa» jedhe; Simoonillee lolaaf baye.
4
Achiin maayessa Rabbi worra Kana'aaniitii fi worra Feerzotaa dabarsee harka isaanii jala galche; isaanillee Beezeeqiin keessatti nama kuma kudhanii ajjeesan.
5
Adoonibeezeqiinillee Beezeeqitti arganii lolaniin; worra Kana'aaniitii fi worra Feerzotaallee hin dhayan.
6
Adoonibeezeq dheessinaan ari'anii qabanii quba abbuuddicha harkaatii fi ka lukaa irraa muran.
7
Adoonibeezeq, «Mootota torbaatamaa ka qubni abbuuddicha harkaatii fi ka lukaa irraa murame, hulee ani nyaata nyaadhutti na jala taa'anii hambaa qocata'aa turan san irratti akkuma ani godhe Rabbillee na irratti godhe» jedhe; isaan fuudhanii gara Yerusaalemii isa fidan, innillee achumatti du'e.
8
Worri Yihuuda'aa biyya Yerusaalemiitiin guraade'een lolanii lafa isaaniillee qabatanii, qachattii isaaniillee ibiddaan guban.
9
Kanaan maayessa worri Yihuuda'aa worra Kana'aanii ka lafa gaaraatii fi gara bita'aa ka gammoojjii keessa jiraataniin lolu'uuf gad bu'an.
10
Yihuudaanillee worra Kana'aanii ka Keebrooniin keessa jiraniin lolu'uuf dhaqe; asiin dura maqaan Keebroonii Qiriyaati'arbaaq ture; isaan gosa Seesinii, Akimaanii fi Talaaminiin mooyatan.
11
Achiin maayessallee Yihuudaan namoota Darbe'eetiin lolu'uuf deeme; asiin dura maqaan Darbe'ee «Qiriyaaseefeer» jedhamti ture;
12
Kaaleebillee «Nama Qiriyaaseefeeriitiin lolee qabatu'uuf mucattii tiyya Aaksaaniin itti heerumsiisa» jedhe.
13
Obboleessi Kaaleebii diqqaan intala Qeeneezii Gotoniyaaliin qabee ilma ufii Aaksaanitti fuudhe.
14
Isiinillee hennaa gara isaa dhaxxe, «Abbaa ufii irraa akka inni lafa kadhatu isa gorsite » isiin harree irraa buunaan Kaaleeb, «Maal barbaadda» isi'iin jedhe.
15
Isiinillee, «Lafa cinaa bita'aatiin jirtu waan naa kenniteef akkasuma hulee burqaa bisaanii qabdullee eebba godhii naa kenni» jetteen; Kaaleebillee lafa burqaa bisaanii ta gubba'aatii fi ta jalaallee hin kenneef.
16
Ijoolleen soddaa Muuse'ee ta worra Qeenotaa ijoollee Yihuuda'aa woliin qachaa Meexxii qabduu ka'anii haga lafa gammoojjii bita'aa ka Yihuuda'aa ka Araadiin bira jirtutti bayanii banii achi jiru woliin jiraatan.
17
Yihuudaan obboleessa ufii Simooniin woliin deemanii worra Kana'aanii ka Sifaatiin keessa jiraataniin lolanii sirima isaan balleessanii maqaa qachattii saniillee, «Hoormaa » jedhanii itti baasan.
18
Yihuudaan Gaaza'aa haga daangaa isi'ii Asqaalona'aa haga daangaa isi'ii, Aqaroonaallee haga daangaa isi'ii qabate.
19
Rabbi Yihuudaa woliin waan jiruuf inni biyya gaaraa sanniin fudhate; worra dhooqa keessaa garuu isaan konkolaataa sibiilaa waan qabaniif achi keessaa isaan baasuu hin dandeenne.
20
Akkuma Muuseen jedhe Kaaleebii Keebrooniin kennaniif; achiin maayessa inni ijoollee Eenaaqii sadiin achi keessaa baase.
21
Garuu worra Iyyaabusootaa ijoolleen Biiniyaamii achii isaan hin baafne; haga adhaa Iyyaabusoonni ijoollee Biiniyaamii woliin Yerusaalemiin keessa jiraata'aaran.
22
Gofti Yooseefiillee Beeteeliin lolu'uuf bayan, Rabbillee isaan woliin jira.
23
Worri Yooseefii gaadduu gara worra Beeteelii ergan; asiin dura maqaan qachattii sanii Loozaa jedhama ture.
24
Worri gaadullee namni tokko hennaa qachattii san keessaa bawu arganii, «Karaa gara qachatti'ii seenaniin nutti mudhisi nullee akka miidhaan si irra hin geenne goonaa» jedhaniin.
25
Innillee karaa gara qachatti'ii seenaniin isaanitti mudhise, isaanillee guraade'een lolanii qachattii san balleessan; namicha karaa isaanitti mudhise sanii fi worra isaa maraa hin tundhe.
26
Namichillee gara biyya Keexotaa deemee hulee dhaqe sanitti qachaa ijaaree maqaa isi'iillee «Loozaa» jedhee itti baase; haga adhaallee maqaan isi'ii kana.
27
Gofti Minaase'eellee namoota ganda Beetasaanii, Yatakinaanii, Yadoorinii, Yabela'imiitii fi namoota ganda Magdoonii achi keessaa hin baafne; worri biyya Kana'aaniillee achuma taa'an.
28
Worri Israa'elii haga jabaataniin maayessa worra Kana'aanii hin gabbarsiisan malee uf keessaa isaan hin baafne.
29
Gofti Efreemii worra Kana'aanii ka qachaa Geezirii keessa jiraatan uf keessaa hin baafne; isaan isaanuma woliin jiraatan.
30
Gofti Zaabilooniillee namoota biyya Qeedirooniitii fi namoota Naahiloonii uf keessaa hin baafne; kanaaf worri Kana'aanii isaan woliin jiraata'aa gibirallee isaan gabbaran.
31
Gofti Aseeriillee namoota gosa Koonii, Siidoonii, Ayilaabii, Akiziibii, Hilba'aa, Afeeqiitii fi namoota gosa Ra'aabii uf keessaa hin baafne.
32
Worra Kana'aanii ka isaan keessa lafa san irra jiraatan waan uf keessaa hin baafneef ijoolleen Aseerii isaanuma woliin jiraatan.
33
Gofti Niftaalemiillee worra Beetisaamisiitii fi worra gosa Beeti'anaatii uf keessaa hin baafne; worra Kana'aanii ka biyya san keessa jiran woliin jiraatan; isaan garuu worra gibira isaan gabbaru ta'an.
34
Amooronni worra gosa ijoollee Daanii gara biyya gaaraa ol ittisanii gara dhooqaa akka hin buune dhooggan.
35
Amooronni gaara Heeresii, Heelonii fi Shaalbiimiin keessa jabaatanii jiraatan; garuu worri Yooseefii hunnaan isaan gabbarsiisan.
36
Daangaan lafa worra Amoorotaa goodda Aqiraabii lafa dhaga'aa irraa jalqabee haga olii baya ture.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21