bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 5
Judges 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 6 →
1
Gaafas ilmi Abini'eemii Baarqii fi Dibooraan akkana jedhanii faarfatan.
2
Israa'eliin keessatti bulchoonni waan bulchaniif, baniin fedha ufiitiin waan uf kenneef Rabbiin galatoonfadhaa'a!
3
Isin mootonni dhagayaa'a! isinillee bulchoonni caqasaa'a! Ani Rabbiif faarfadha; Rabbii Waaqa Israa'eliitii faarfadha.
4
Rabbii keenna! Ati hennaa gaara Edoomiitii kaate, hennaa ati lafa Edoomii irra deemte, lafti hin sochoote; samiiwwan rooba coccobsan, Ee! Duumessi akkasuma bisaan roobe.
5
Rabbii Waaqa Israa'elii afo'otti; Waaqa Siina'aa afo'otti; gaarran hin socho'an.
6
Bara Anaatii ilma Semegaarii; bara Iyyaa'elii karaan cite; Imaltuun karaa Sirxiitiin deeman ture;
7
Ati Dibooraan haga mootuuf haga hennaa ati Israa'elii haadha taatee kaatuutitti; Israa'eliin keessatti, jajjaboonni hafan hin jiran;
8
Waaqa tolfamaa haarawa filatan; hennaa san lolli balbala maraa irratti ta'e; namoota Israa'elii kuma afurtamaa keessa Namni wonte'ee fi woraana harkatti qabate tokkollee hin turre.
9
Garaan kiyya gara worra Israa'eliin bulchaniiti. gara worra fedha ufiitiin Rabbiif uf kennaniitii, Rabbiin galatoonfadhaa'a.
10
Isin worri Harree Adii yaabbattan, worri kooraa irra teettan, worri karaa deemtan waan kana dubbadhaa'a.
11
Kunoo caqasaa'a! laagaa worra naannoo boolla bisaanii taa'anii wocanii, Laagaan namoota hedduu kun mooyachuu Rabbiitii fi mooyachuu banii Israa'elii mudhisa. Achiin maayessa laagaan banii Rabbii qachaa keessaa gara karraa gad baye.
12
Dammaqi! dammaqi Dibooraa dammaqi! dammaqi faaruu faarfadhu! Baarqi ka'i! Ilma Abini'eemii boojuu booji'i.
13
Hennaa san worri hafe, gara gugurdootaatii fi gara bani'ii gad bu'e. Rabbi waan kiyyaaf gugurdoota irratti bu'e.
14
Worri worra Amaaleqii woliin hidda tokko ta'an Efreemii fi Biiniyaam, Banii kee jiddu'utti siin maayessa bu'an, bulchoonni Maakiriin irraa, worri ulee mootumma'aa qabatan Zaabilooniin irraa gad bu'an.
15
Bulchooni Yisaakoorii Dibooraa woliin turan. Yisaakoorillee akkuma Baarqii ture. Isuma duubaan gara dhooqaa gad ariifatan. Laga Roobeelii biratti qorannoo gudda'atu ture.
16
Hennaa horiin madhatu dhagayu'uuf maaf gooruu hoolotaa keessa teette? laga Roobeelii biratti qorqortii gudda'atu ture.
17
Gala'aad Yoordaanosiin gama taa'e; Daan maaf markaba keessatti hafe? Aseerillee qarqara galaanaa taa'e. Afaan lagaatitti hara baafate.
18
Zaabiloon banii du'aaf dabarsee uf kenne. Worri Niftaalemii tulluu biyya ufii irra jiraatan.
19
Bisaan Magedoonii Ta'inaakiin biratti; mootonni dhufanii lolaniin, Mootonni Kana'aanillee isaaniin lolanii; boojuu birri'ii hin arganne.
20
Urjii samii irraatiin lolan; deemsuma ufiitiin Siisaara'aan wol lolan.
21
Lolaan Qiisoonii isaan balleesse; Lanni Qiisoonii ka durii lolaan isaan fudhate; lubbuu tiyya! gammadii lafa dhiiti!
22
Sababaa ariisaa worra jajjaba'aatiin; faradoon lafa sochoofte.
23
Maleekkaan Rabbii akkana jedhe, «Meerooziin abaaraa'a! worra achi jiraatan maraa sirima abaaraa'a! Isaan Rabbiin ladda hin dhaabanne; Isaaf lolu'uufillee hin hiriirre.»
24
Haati manaa ta Hebeerii nama gosa Qeeneezii Iyyaa'el, dubartoota maraa caalaa haa eebbifamtu. Dubartoota daasee keessa jiran caalaa haa eebbifamtu.
25
«Bisaan kadhannaan aannan kenniteef!» Sabaree worri gugurdaan ittiin dhuguun itittuu dhiyeessiteef.
26
Akkasuma harka tokkotti xiribbaa'a, harka tokkotti sukkaya qabattee, xiribbaa mataa Siisaara'aa irratti gad dhooftee lafaan wolitti gad hodhite.
27
Luka isi'ii jalatti gatantaree kufe; luka isi'ii jalatti gombifame; bakkuma gombifame sanitti kufee du'e.
28
Isiin garuu fodda'aan isa laalte; Haati Siisaara'aa qaalawaan gad laala'aa, Maaf konkolaataan fardaa ka mucaa kiyyaa ture? maaf laagaan konkolaata'aa dhagayamuu dhabe?» jettee gaafatte.
29
Dubartoonni ogeeyyiin isi'ii sunniin akkana jedhanii isi'ii deebisan; Isiin garuu akkana jettee ufii deebifte.
30
«Boojuu argateeraamii? boojuu argame san qoodama'aa jiraatinnuu? nama maraafuu intallan babbareeddan takka yookaan lama argatinnuu? Siisaaraan uffata bifa bifaa babbareedaa, naallee, uffata babarruu fidinnaa?»
31
Ee Rabbi! diintonni kee akkana haa badan, Jaalalloon kee garuu akka aduu bariisa'aatitti haa ifan. Kanaan maayessa biyya lafaa irratti woggaa afurtamaa lafti nagaya taate.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21