bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 13
Judges 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 14 →
1
Ijoolleen Israa'elii deebi'anii Rabbiin afo'otti hujii hamaa hojjatan. Rabbillee woggaa afurtamaaf akka harka Filisxeemii jala bulan isaan godhe.
2
Bara san gosa Daanii keessaa nama Maanuhee jedhaniin ka qachattii Tsoor'aa tokkotu ture; haati manaa isaa dhabdu'u, ta hin deenne turte;
3
Maleekkaan Rabbii haadha manaa isaatitti mudhatee, «Ati dhabdu'u; finna hin qabdu; garuu hin ulfoofta, ilma dhiiraa deetta;
4
amma ati uf eegi, daadhii woyini'iitii fi waan nama macheessu hin dhugin, waan battiillee hin nyaatin.
5
Ulfooftee ilma dhiiraa deettaa; daa'imni garaa haadhaatii jalqabee nama ayyaantuu Rabbiif fooyame ta'aa; mullaaciinillee mataa isaa hin haadin; inni worra Israa'elii worra Filisxeemii harkaa baasuu jalqabaa» isi'iin jedhe.
6
Kanaan maayessa intaltillee gara abbaa worraa ufii dhuftee, «Nama Rabbii tokkotu gara kiyya dhufe; bifti isaa akka bifa maleekkaa Rabbii guddisee nama sodaachisa; inni eessaa akka dhufe ani isa hin gaafanne, innillee maqaa ufii natti hin himne;
7
inni, ‹Ati hin ulfoofta, ilma dhiiraa deetta, daa'imni garaa haadhaa keessaa jalqabee haga gaafa du'uu, ayyaantuu Rabbiif fooyame waan ta'uuf, daadhii woyini'iitii fi waan nama macheessu hin dhugin, waan battiillee hin nyaatin naan jedhe»› jettee abbaa worraa ufiititti himte.
8
Kanaan maayessa Maanuheen, «Gooftaa kiyya! namni Rabbii ka ati ergite, deebi'ee gara keenna haa dhufuu daa'ima dhalatuuf maal akka goonu nutti haa himuu» jedhee Rabbiin kadhate.
9
Rabbi kadhaa Maanuhe'ee hin dhagaye; maleekkaan Rabbii deebi'ee lammeessoo haadha manaa Maanuhe'eetitti uduu isiin qonna keessa jirtu itti mudhate; abbaan worraa isi'ii Maanuheen garuu hennaa san isii bira hin jiru ture.
10
Haati manaa Maanuhe'ee daddaftee fiiddee abbaa worraa ufii bira dhaxxee, «Namni gaafa duraa natti dhufe sun deebi'ee natti mudhate» jetteen.
11
Maanuheen ka'ee haadha manaa ufii hordofee gara namicha isi'itti mudhatee san dhaqee, «Ati nama dubartii tana woliin dubbatee?» jedheen; innillee, «Ee ana» jedheen.
12
Maanuheen, «Wonti ati jette yoo raawwate, daa'imni yoo dhalate, wonti nu daa'ima kanaa goonu maali'i?» jedhee isa gaafate.
13
Maleekkaan Rabbiillee Maanuhe'een, «Dubartittiin waan ani isi'itti hime maraa irraa uf haa eedduu,
14
Waan woyinii keessaa bawu maraa akka hin nyaanne, daadhii woyini'iitii fi waan nama macheessullee akka hin dhunne; waan battiillee akka hin nyaanne waan ani isii ajaje irraa uf haa eedduu» jedheen.
15
Maanuheen maleekkaa Rabbiitiin, «Haga korbeessa re'e'ee qallee sii qopheessinuu yabo'oo as turi» jedheen.
16
Maleekkaan Rabbiillee Maanuhe'een, «Ati yoma na tursiiftellee nyaata ati naa qopheessitullee hin nyaadhu, ciincaa ciincawu yoo qopheessuu feete, Rabbiif dhiyeessi» jedheen; Maanuheen inni akka maleekkaa Rabbii ta'e hin beenne.
17
Maanuheen maleekkaa Rabbiitiin, «Wonti ati jette kun yoo nuu raawwatame, nu akka si galatoonfachuu dandeennu maqaan kee eennu?» jedheen.
18
Maleekkaan Rabbiillee, «Maqaan kiyya maalalee waan ta'eef maqaa kiyya maaf na gaafatta?» jedheen.
19
Kanaan maayessa Maanuheen korbeessa re'e'eetii fi kennaa midhaanii fuudhee dhagaa irratti Rabbii dhiyeesse; baasa ergamaan Rabbii hojjate Maanuheenii fi haati manaa isaa laala'aa turan.
20
Hennaa arrabni ibiddaa ol bawu maleekkaan Rabbiillee ibidda bobawu san keessaan ol baye; Maanuheenii fi haati manaa isaa dhaabatanii laalanii hennaa inni ol bawu arganii kallachaan lafatti gad kufan.
21
Maleekkaan Rabbii deebi'ee lammeessoo Maanuhe'ee fi haadha manaa isaatitti hin mudhanne; Maanuheen yoo san akka inni maleekkaa Rabbii ta'e beeke.
22
Maanuheen haadha manaa ufiitiin, «Amma waan Rabbiin argineef mamii malee duuna!» jedhe.
23
Haati manaa isaa garuu, «Rabbi uduu nu ajjeesuu fedhee silaa ciincaa ciincawuu fi kennaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu, waan kana maraa silaa nutti hin mudhisu, waan akkanaa kanallee silaa nutti hin beessisu» jetteen.
24
Haati manaa Maanuhe'ee ilma deettee maqaa isa Saamsoon jettee itti baafte; daa'imni hin guddate, Rabbillee isa eebbise.
25
Hafuurri Rabbii qachaa Tsoor'a'aa fi Eeshtaa'ol ganda Daanii keessatti isa jajjabeessuu jalqabe.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21