bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 20
Judges 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 21 →
1
Ijoolleen Israa'elii worri lafa Gala'aadii gara baya biiftu'uutiin jiran, worri kaabaa fi kibbaa Daaniitii haga Beersaabeehii jiran maruu lolaaf qophaayanii tokko ta'anii Mitsipha'atti Rabbiin afo'otti wol gayan.
2
Bulchoonni bani'ii worri guraade'een lolan, worri meeshaa woraanaa ka lukaatiin lolan maruu baniin haga kuma dhibba afurii banii Rabbii woliin dhaabatan.
3
Hennaa san ijoolleen gosa Biiniyaamii worri Israa'elii akka Mitsipha'atti wol gayan dhagayan; ijoolleen Israa'elii isaaniin, «Wonti hamaan kun attamitti akka raawwatame nutti himaa'a» isaaniin jedhan.
4
Abbaan worraa ka intala duutee namichi gosa Leewwi'ii akkana jedhee isaanii deebise; «Anii fi ta ani mata gala itti gale achi bulu'uuf gara Gibi'aa qachaa biyya Biiniyaamii dhandhe;
5
Namoonni Gibi'a'aa nutti ka'anii mana nu keessa jirru marsan, na ajjeesuullee hin fedhan, ta ani mata gala itti galu guddisanii isi'itti seebarraan duute;
6
Anillee ta ani mata gala itti gale kukkutee wonti hamaan akkanaa kunii fi cubbuun akkanaa kun Israa'eliin irratti waan hojjatameef gara biyya Israa'elii marattuu erge.
7
Kunoo worra Israa'elii isin maruu gorsaa fi gadda keessanillee kanaan ibsaa'a»
8
Baniin maruu akka nama tokkootitti ka'anii, «Nu keessaa namni tokkollee gara daase'ee hin deebi'u, gara mana ufiillee hin deemu;
9
Wonti nu goonu hixaa buufnee namoota Gibi'aa irratti balaa buusu filanna.
10
Wonta hamaan Israa'eliin irratti raawwatame Gibi'aa bulchiinsa Biiniyaamii keessa jirtu irrattillee raawwachu'uuf bawu'uuf duultota duulanii fi worra dhalee isaanii fidu gosa Israa'elii keessaa namoota dhibba tokkoo keessaa namoota kudhanii, namoota kuma tokkoo keessaa namoota dhibba tokko, namoota kuma kudhanii keessaa garuu namoota kuma tokkoo fuuna» jedhan.
11
Kanaaf namoonni Israa'elii maruu akkuma nama tokkootitti qachattii sanitti duulu'uuf wol gayan.
12
Gofti Israa'elii gara gosa Biiniyaamii, «Wonti hamaan akkanaa ka isin keessatti raawwatame kun maali'i? nullee akkasuma akka isaan ajjeefnu, waan hamaa Israa'eliin keessaa akka balleessinu, namoota womaa womtee Gibi'aa keessa jiran baasa'aatii nuu kennaa'a jedhanii namoota gara gosa Biiniyaamii ergan; ijoolleen Biiniyaamii garuu waan ijoolleen Israa'elii jette hin dhageenne;
14
Ijoolleen Biiniyaamii ijoollee Israa'elii woliin wol lolu'uuf qachaa maraa keessaa Gibi'atti wol gayan.
15
Laakkobsi ijoollee Biiniyaamii worri gaafa san lolaaf yaa'an namoota Gibi'a'aatiin ala worri guraade'een lolan callaan namoota haga kuma diddamii jahaati; namoonni Gibi'a'aa worri laakkayaman namoota dhibba torba.
16
Banii sanniin maraa keessaa namoonni harka bitaachaatiin lolan namoota dhibba torba; namoonni kunniin yoo dhaga'aan darbatan waan haga rifeensa mata'aatuu darbatanii hin dhaban.
17
Namoota Biiniyaamiitiin ala namoonni Israa'elii worri guraade'een lolan worri laakkayaman namoota kuma dhibba afuriiti; namoonni kunniin maruu worra duulaati.
18
Ijoolleen Israa'elii ka'anii gara Beeteelii yaa'anii, «Ijoollee Biiniyaamiitiin lolu'uuf eentu nu afoo haa bawu? jedhanii Rabbiin gaafatan; Rabbillee, «Yihuudaan isin haa firrisuu» jedhe.
19
Ijoolleen Israa'elii ganamaan ka'anii Gibi'aa afo'otti quphatan.
20
Ijoolleen Israa'elii worra Biiniyaamii woliin wol lolu'uuf yaa'anii Gibi'aa birati hiriiranii dhaabatan.
21
Guyyaa san ijoolleen Biiniyaamii Gibi'a'aa yaanaan worri Israa'elii namoota kuma diddamii lamaa fixan.
22
Baniin ijoollee Israa'elii jabaatanii hulema gaafa duraa itti hiriiran sanitti deebi'anii duulan.
23
Ijoolleen Israa'elii yaa'anii Rabbiin afo'otti haga galgalaa booyan. «Nu'u obboleewwan keenna keessaa ijoollee Biiniyaamiitiin wol lolu'uuf lammeessoo hin duullaa?» jedhanii Rabbiin gaafatan; Rabbillee, «Isaaniin lolu'uuf bayaa'a» isaaniin jedhe.
24
Guyyaa lammeesso'oollee ijoolleen Israa'elii ijoollee Biiniyaamiitiin lolu'uuf dhufan.
25
Guyyaa lammeesso'oollee worri Biiniyaamii Gibi'a'atti ijoollee Israa'eliitiin lolu'uuf yaa'anii ijoolleen Israa'elii namoota kuma kudha saddeetii jalaa fixan; namoonni du'an kunniin worra guraade'een lolu.
26
Baniin ijoollee Israa'elii maruu dhufanii Beeteelitti wol gayanii booya'aa Rabbiin afoo taa'an; guyyaa san haga galgalaa soomanii ciincaa ciincawuu fi kennaa fayyumma'aa Rabbii dhiyeessan.
27
Bara san saanduundhi Rabbii ka Waada'aa waan achi tureef, Finihaas ilmi Alaazarii ilma Aaroonii isa afoo dhaabata'aa waan tureef ijoolleen Israa'elii, «Ijoollee Biiniyaamii obboleewwan teennaan lolu'uuf lammeessoo hin duulla mo'o hin duullu?» jedhanii Rabbiin gaafatan. Rabbillee, «Ani boru waan isaan isin jala oolchuuf bayaa'a» isaaniin jedhe.
29
Kanaafuu worri Israa'elii duultota hagoo naannaya Gibi'a'aatitti hafanii akka riphan godhan.
30
Guyyaa sadeesso'oo ijoolleen Israa'elii yaa'anii Gibi'aa afo'otti akkuma duraanii duulan.
31
Ijoolleen worra Biiniyaamii qachaa keessaa yaa'anii akkuma duraanii karaa babadhaa tokko karaa Beeteelii, ka lammeesso'oo garuu karaa Gibi'aa fidu irratti bani'itti ka'anii dhayanii isaan ajjeesuu jalqaban; worra Israa'elii keessaa haga namoota soddomaa ajjeesan.
32
Ijoolleen Biiniyaamii, «Worri Israa'elii akkuma duraanii nu harkatti dhayaman» jedhan; ijoolleen Israa'elii garuu, «Dheessinee qachaa keessaa haa yaanuu» jedhan.
33
Ijoolleen Israa'elii hulee duraatii ka'anii Ba'aaltaamaaritti duulan. Worri Israa'eliillee ka dura Gibi'a'atti dhokatanillee gara raasa'aa yaa'an.
34
Worra Israa'elii keessaa namoonni kuma kudhanii ka akkaataa adda ta'een filataman Gibi'aa irratti balaa guddaa buusan; lolli jabaata'aa deeme, worri Biiniyaamii wonti kun marti yoo ta'u, hennaa dhiyoo keessa akka rakkoon isaan irra gawu hin beenne.
35
Rabbi worra Biiniyaamii isaan afo'oo dhaye, guyyaa san ijoolleen Israa'elii worra Biiniyaamii keessaa namoota kuma diddamii shaniitii fi namoota dhibba tokkoo fixan; worri du'u kunniin namoota guraade'een lolu turan.
36
Hennaa san worri Biiniyaamii akka mooyaman hubatan; wonti kun ta'eef worri Israa'elii duultota ufii ka dhoffatan hedatanii waan gara duubaa deebi'aniif.
37
Duulli riphee ture sun dhufanii namoota qachaa keessa jiran maraa guraade'een ajjeesan.
38
Worri dhokatanii turan qachaa keessatti duumessa akka aaraa haa kaasani'iif worra duulaa ka worra Israa'elii woliin malkata wolii galte'ee godhatan.
39
Akkaataa malkata saniitiin worri duulaa ka worra Israa'elii hujii deebi'anii lolu'uu argisiisan; worri Biiniyaamii haga ammaa worra Israa'elii namoota soddomaa waan ajjeesaniif, «Akkuma duraan isaan findhe, ammallee akkasuma isaan goone» jedha'aa dhaadatan.
40
Hennaa malkanni utubaa aaraatiin qacha'aa bawuu jalqabe, worri gosa Biiniyaamii yoo uf duuba gara galanii laalan, ibiddi qachatti'itti qabatee, arrabni ibiddaa hennaa qachattii keessaa ol bawu argan.
41
Worri Israa'eliillee uf irra gara galanii hennaa laalan, worra Biiniyaamii akka wonti hamaan isaan irra gaye arganii nayan.
42
Worri Biiniyaamii uf irra gara galanii worra Israa'elii jalaa dheessanii gara lafa gammoojji'ii yaa'an; duulli hordofee isaan dhaqqabe, worra qachaa keessaa yaa'an uf jiddu'utti ajjeesan.
43
Worra Biiniyaamii marsanii haga Gibi'aa kolba baya biiftu'uutiin jiruutitti isaan ari'anii isaan fixan.
44
Guyyaa san isaan worra Biiniyaamii namoota kuma kudha saddeetii fixan; namoonni dhuman kunniin namoota jajjaba'a.
45
Worri isaan irraa hafan deebi'anii gara dhagaa lafa gammoojji'ii gara dhagaa Reemoonii baqatan; isaan keessaa namoota kuma shanii kara'atti fixan; gara Gidi'aamiillee isaan ari'anii namoota kuma lamaa ajjeesan.
46
Guyyaa san duultonni worra Biiniyaamii worri dhuman, worri guraade'een lolan, namoota kuma diddamii shaniiti; namoonni kunniin namoota jajjaba'a;
47
Namoonni dhibba jahaa deebi'anii gara lafa gammoojjii dhagaa Reemoonii baqatanii ji'a afurii achi taa'an.
48
Worri Israa'elii ammallee worra Biiniiyaamiititti deebi'anii qachaa maraa, hori'ii fi waan qachaa san keessa jiru maraa guraadee qara qabuun fixan; qachaa argan maraa ibiddaan guban.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21