bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 11
Judges 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 12 →
1
Yooftaaheen nama gosa Gala'aadii nama jabaa dubartii seebartuu takka irraa dhalate; Gala'aad Yooftaahee uumate.
2
Abbaan isaa Gala'aad; haati manaa isaa ta inni dura fuudhe ijoollee dhiiraa deetteef. Ijoolleen tunniin haga guddatte Yoftaahe'een, «Ati nama intala biraa irraa dhalatte waan taateef lafa abbaa keennaa dhaaluu hin dandeettu» jedhanii manaa ari'an.
3
Yooftaaheen obboleewwan ufii woliin baqatee biyya Xoobii keessa jiraate; achitti namoonni womaa womteen hagoon isa hordofan.
4
Hennaa hago'oon maayii ijoolleen Amoonii worra Israa'elii woliin wol loluu jalqaban.
5
Ijoolleen Amoonii worra Israa'elii woliin hennaa wol loluu jalqaban, manguddoonni Yooftaahee biyya Xoobiitii waamu'uuf deeman.
6
Isaan Yooftaahe'een, «Ijoollee Amooniitiin lollaa koottu, ati mootii keenna ta'i» jedhaniin.
7
Yoftaaheen garuu jaarsota Gala'aadiitiin, «Worri na jibbee mana abbaa kiyyaatii na ari'e isinii mitii? amma haga rakkattan maaf gara kiyya dhuftan» isaaniin jedhe.
8
Manguddoonni Gala'aadiillee Yoftaahe'een, «Ati amma nu woliin baatee ijoollee Amooniitiin akka lolluuf gara kee deebinee dhufne namoota Gala'aadii maraa afo'otti ati mootii keenna taata» jedhaniin.
9
Yooftaaheen manguddoota Gala'aadiitiin, «Ijoollee Amooniitiin lolu'uuf yoo gara biyya kiyyaa na deebiftan Rabbi yoo namoota sanniin na jala oolche ani mootii keessan ta'aa?» isaaniin jedhe.
10
Manguddoonni Gala'aadiillee Yooftaahe'een, «Nu'u fi si'i jiddu'utti Rabbi ragaa haa ta'u; dhugamaan akkuma ati jette goona» jedhaniin.
11
Yooftaaheen Manguddoota Gala'aadii woliin deeme; baniinillee uf irratti isa moosise; Yooftaaheen biyya Mitsipha'aatitti dubbii kana maraa Rabbiin afo'otti dubbate.
12
Kanaan maayessa Yooftaaheen gara mootii Amoonii worra dhaamsa geessan ergee, «Ati maal na irraa qabda ka biyya kiyyaan lolu'uuf gara kiyya dhuftu?» jedhe.
13
Mootiin Amooniillee ergamtoota Yooftaahe'eetiin, «Waan Israa'el hennaa biyya Misiriitii bawu biyya Aarnooniin irraa jalqabee haga Yaabooqiitii fi haga laga Yoordaanosii waan fudhataniif; ammallee yoo ta'e lafa kiyya nagayaan naa deebisaa» isaaniin jedhe.
14
Yooftaaheen ammallee gara mootii Amoonii ergamtoota ufii hennaa lammeesso'ootiif akkana jedhee erge.
15
Yooftaaheen, «Worri Israa'elii lafa Moo'aabiitii fi lafa Amoonii hin fudhanne.
16
Garuu Israa'el hennaa biyya Misiriitii bawu, hennaa karaa lafa udume'eetiin gara galaana diima'aa deeman, hennaa Qaadesiin gayan,
17
Israa'el gara mootii Edoomiyaasii, «Lafa kee keessa lufaa yabo'oo na hoffolchi» jedhee dhaamsa erge; mootiin Edoomiyaasii garuu hin dide; akkasuma gara mootii Moo'aabiillee erginaan innillee isaanii maarre hin jenne; kanaafuu worri Israa'elii Qaadesiin keessa jiraatan;
18
Karaa lafa gammoojji'iitiin, lafa Edoomiyaasiitii fi lafa Moo'aabiitiin naannayanii gara cinaa baya biiftu'uutiin lafa Moo'aabiitiin dhufanii lafa Aarnooniin gamaatitti quphatan; Aarnoon daangaa Moo'aabii waan ta'eef isaan daangaa Moo'aabii hin lufne.
19
Kanaan maayessa Israa'el gara Seewoonii mootii Haseboonii gosa Amoorotaatitti yabo'oo lafa kee keessaan gara biyya keennaa nu dabarsi jedhee dhaamsa itti erge.
20
Seewoon worri Israa'elii lafa isaa keessa akka lufaniif isaan hin amanne; inni banii maraa wolitti qabee Yahaatsimitti quphatee worra Israa'eliitiin lole.
21
Rabbi Waandhi Israa'elii Seewoonii fi banii isaa maraa akka worri Israa'elii mooyatu taasise; worri Israa'eliillee isaan dhayan; worri Israa'elii lafa worra gosa Amoorotaa maraa hin dhaalan.
22
Aarnooniin irraa jalqabee haga Yaabooqii, lafa gammoojji'iitii jalqabee haga laga Yoordaanosii lafa worra Amoorotaa maraa hin dhaalan.
23
Rabbi Waandhi Israa'elii worra Amoorotaa banii Israa'elii afo'oo balleesse; atillee lafa dhaaltaa?
24
Lafa Rabbi Waandhi kee Kaamoosh sii kenne qabattee hin teettuu? nullee lafa isaanii Rabbiin keenna isaan irraa ari'ee nuu kenne dhaalla.
25
Ati Baalaaqii ilma Seefoorii mootii Moo'aabii caaltaa? dhugamaan inni worra Israa'eliitiin lolee isaan hin woraannee?
26
Kanaafuu Israa'el hennaa woggaa dhibba sadihii Haseboonii fi qachattii isi'ii keessa, Aroo'eerii fi qachattii isi'ii keessaa fi qachoota naannoo Aarnoonii jiran maraa keessa jiraatan bara san maaf isin isaan hin fudhanne ree?
27
Ani si hin yakkine, ati garuu naan wol loltee na yakkiteerta; Rabbiin murteessu ijoollee Israa'eliitii fi ijoollee Amoonii jiddu'utti adha haa murteessu» jedhe.
28
Garuu mootiin Amoonii dhaamsa Yooftaaheen itti erge woyittuu hin laakkoofne.
29
Hennaa san Hafuurri Rabbii Yooftaahee irratti bu'e; inni bulchiinsa Gala'aadiitii fi bulchiinsa Minaase'ee keessa lufe; Mitsiphaa biyya Gala'aadiillee hin lufe, Mitsiphaa irraallee gara ijoollee Amoonii lufe.
30
Yooftaaheen, «Ati dhugamaan ijoollee Amoonii akka mooyadhu yoo na gargaartee,
31
ijoollee Amoonii harkaa nagayaan deebi'e, wonti hennaa ani balbala kiyya gawu ija keessa na dhufu kamuu ka Rabbii ta'a ciincaa ibiddaan gubamu dhiyeessaaf» jedhee Rabbii woreega gale.
32
Kanaan maayessa Yooftaaheen ijoollee Amooniitiin lolu'uuf baye, Rabbillee akka inni mooyatu taasise.
33
Ero'eeriin irraa jalqabee haga Minitiniitii fi haga Abelkiraamii qachootaa diddamaa du'a bada'aan isaan fixe; ijoolleen Amoonii ijoollee Israa'elii afo'otti guddisanii salphatan.
34
Yooftaaheen gara mana ufii ka Mitsipha'aatitti hennaa deebi'e, mucattiin isaa dibbee qabattee sirba'aa isa reebbachu'uuf baate; inni isii malee dhiiraa fi intala biraa hin qabu.
35
Inni hennaa isii arge, uffata ufii tarsaasee, «Bade mucattii tiyya! onnee tiyya guddiftee gaddisiifte, akka guddisee rakkadhu na goote; ani waan Rabbiif woreega qabeef, woreega qabe san dhiisuu hin danda'u» jedheen.
36
Isiinillee abbaa ufiitiin, «Aabbaa'a! Rabbiif woreega qabdee yoo jiraatte, Rabbi diintota kee worra Amoonotaa waan haluu sii bayeef, waan na irratti raawwachu'uuf Rabbiif woreega qabde san raawwadhu!» jetteen.
37
Garuu abbaa ufii akkana jettee gaafatte; «Ani heerumee waan finna dawuu hin dandeenneef, waan durbummaa kiyyaatiif hiriyyoota kiyya woliin gaara irra naannaya'aa booyaa haga ji'a lamaa na hoffolchi» jetteen.
38
Innillee, deemi jedhee haga ji'a lamaatiif isii hoffolche; isiinillee hiriyyoota ufii woliin gara gaaraa deemtee durbummaa ufiitii bootte.
39
Jiini lamaa haga dhumeen maayessa gara mana abbaa ufii deebite; abbaan isi'iillee akkuma woreega qabe san isii irratti raawwate; isiin durba dhiirti bira hin geenne turte;
40
Hennaa san irraa jalqabee ijoolleen durbaa ta Israa'elii wogga'aan guyyaa afurii mucattii Yooftaahee nama Gala'aadiitii booyu'uu fi gadduun aadaa ta'e.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21