bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 2
Judges 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 3 →
1
Maleekkaan Rabbii Gelgala'aa gara Bookimii dhufee, «Ani biyya Misiriitii isin baasee biyya abbootii teessanii kennu'uuf waadaa galetti isin galcheera; ‹Ani waadaa kiyya ka bara baraa ka isin woliin gale hin diigu.
2
Isinumti hulee ciinca'aa ka isaanii diigaa malee; worra biyya kana keessa jiraatan woliinillee waadaa hin galinaa'a› isaaniin jedhe; isin garuu naa hin ajajamne; waan kana maaf gootan?
3
Kanaafuu ani isin afo'oo isaan hin ari'u; isaan garuu isin rakkisan; waaqoleen tolfamaan isaaniillee Siiboo isinitti ta'an» jedhe.
4
Hennaa Maleekkaan Rabbii dubbii kana maraa ijoollee Israa'elii maratti hime, baniin laagaa ufii ol qabatee booye.
5
Maqaa hulee sanii «Bookiim » jedhanii itti baasan; hulee sanitti ciincaa Rabbiif dhiyeessan.
6
Hennaa Iyyaasuun banii san achii gad dhiise, ijoolleen Israa'elii gara lafa ufii dacha'an.
7
Akkuma bara Iyyaasuun jiru maraa waan guddaa Rabbi Israa'elii godhe arganii, Iyyaasu'uun maayessallee bara bulchiinsa jaarsotaa maraa baniin Rabbiin waaqeffate.
8
Garbichi Rabbii ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun haga woggaan isaa dhibbaa fi kudhan ta'e du'e.
9
Biyya Efreemii lafa gaaraa ta gaara biyya Ga'aasii gara mirgaatiin jirtuu «Taminaarisii» daangaa lafa isaatitti awwaalan.
10
Dhaloonni bara sanii dhumanii abbootatti eda'aman; dhaloota dhume saniin maayessa, dhaloota waan Rabbi Israa'elii godhe hin beennetu dhalate.
11
Kanaan maayessa ijoolleen Israa'elii waan hamaa Rabbiin afo'otti hojjatanii Ba'aaliin waaqeffatan.
12
Rabbii Waaqa abboota isaanii biyya Misirii keessaa isaan baase dhiisanii waaqolee tolfamaa banii ormaa ka naannoo isaanii jiraniin adda waaqolee tolfamaa biraa faanaa bu'a'aa sagadaniifii Rabbiin aarsan.
13
Rabbiin dhiisanii «Ba'aalii fi Astaarotiin» waaqeffatan.
14
Rabbillee Israa'eliin lolee worra isaan booji'aniif dabarsee isaan kennee harka diintota naannoo isaanii jala waan isaan galcheef diintota ufii uf irraa dhoogguu hin dandeenne.
15
Akkuma Rabbi dubbatee isaanii kakate, karaa bayan marattuu harki Rabbii waan isaanitti hammaateef guddisanii dhiphatan.
16
Kanaan maayessa Rabbi abboota murti'ii isaanii kaasee, worra isaan booji'e harkaa isaan baase.
17
Isaan garuu Rabbii Waaqa ufii dhiisanii waaqolee tolfamaa biraatii sagadan malee abboota murti'iitii hin ajajamne; karaa abbootiin isaanii deema'aa turan irraa goran akka abbootiin isaanii Rabbiif ajajaman san hin goone.
18
Hennaa Rabbi abboota murti'ii isaanii kaase, Rabbi ufumaa abboota murti'ii sanniin woliin ta'ee worra isaan dhiiba'aa, isaan dhiphisanii fi booyicha isaaniitiif gadda'aa ture.
19
Haga abboonni murti'ii sunniin du'aniin maayessallee waaqolee tolfamaa waaqeffatu'uun, isaanii sagadu'uun, waan hamaa abboonni isaanii godha'aa turan caalaa godhan; mata jabumma'aa fi hujii ufii hamaa san hin dhiifne.
20
Kanaafuu Rabbi guddisee isaaniin lolee «Baniin kun ajaja waada'aa ka ani abboota isaaniitii kenne waan diiganiif, dubbii kiyyallee waan dhagawuu didaniif,
21
Karaa abboonni deemaniin, dubbii Rabbii akka eeganiif akka hin eenne Israa'eliin qoru'uuf jedhee haga Iyyaasuun du'e worra ormaa keessaa nama tokkollee isin afo'oo hin ariine» jedhe.
23
Rabbi worra ormaa kanniin ariifatee isaan afo'oo hin ariine; Iyyaasu'uttillee dabarsee hin kennine.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21