bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 3
Judges 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 4 →
1
Worri ormaa ka Rabbi worra Israa'elii ka lola hin baranneen isaan qoru'uuf lola isaan barsiisu'uuf worri Kana'aanotaa ka inni achitti hambise kanniin,
3
Worra gugurdoota shanan Filisxeemii, worra Kana'aanootaa maraa fi Siidoonota maraa gaara Ba'aal'armoni'eemiitii haga seensa Haamaatii, worra Eewwotaa ka gaara Libaanosii irra jiran,
4
Ajaja Rabbi abboota isaaniitii Muuse'etti kenne akka beekan worra Israa'elii qoree laalu'uuf worri inni hambise kanniin.
5
Ijoolleen Israa'elii worra Kana'aanotaa, Keexotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Eewwotaa fi worra Iyyaabusootaa jidduu jiraatan.
6
Isaanillee worra kanniin irraa intala fuudhan, ta ufiillee isaanitti heerumsiisan, waaqolee tolfamaa isaaniillee hin waaqeffatan.
7
Ijoolleen Israa'elii Rabbiin afo'otti waan badaa hojjatan, Rabbii Waaqa ufii dhiisanii Ba'aalii fi Astaarotiin waaqeffatan.
8
Kanaaf Rabbi worra Israa'eliitiin lolee harka mootii Maasephexomiya'aa Kusaarsate'etti dabarsee isaan kenne, ijoolleen Israa'eliillee woggaa saddeetii Kusaarsatee jalatti bulan.
9
Achiin maayessa ijoolleen Israa'elii gara Rabbii iyyatan, Rabbillee nama isaan hambisu obboleessa Kaaleebii maandhicha ilma Qeeneezii Ootini'eeliin isaanii erge.
10
Hafuurri Rabbii Gotoniyaaliin irra dhufe; innillee worra Israa'elii bulcha'aa ture; innillee lolu'uuf ka'ee Rabbi mootii Masephexoomiya'aa Kusaarsatee dabarsee harka isaatitti kenne; innillee Kusaarsatee hin mooyate.
11
Bara san irraa jalqabee biyyiti sun haga woggaa afurtamaa lola irraa hara baafatte; achiin maayessa ilmi Qeeneezii Gotoniyaal hin du'e.
12
Ijoolleen Israa'elii ammallee deebi'anii Rabbiin afo'otti waan hamaa waan hojjataniif Rabbi mootii Moo'aabii Egloomiin Israa'eliin irratti kaase.
13
Egloom ijoollee Amooniitii fi Amaaleqii ufitti eda'ee dhaqee Israa'eliin lolee Iyyaarikoo, qachattii Meexxi'ii qabate.
14
Ijoolleen Israa'elii mootii Moo'aabiitiif woggaa kudha saddeetii garbooman.
15
Kanaan maayessa ijoolleen Israa'eliillee gara Rabbii iyyinaan nama achi keessaa isaan baasu nama gosa Biiniyaamii Eehuudii bitaatticha isaanii kaase; ijoollee Israa'elii karaa isaatiin gara mootii Moo'aabii gara Eegloomii gibira ergan.
16
Eehuud billawa gara lamaaniin qara qabu ka dheerinna ciqilee tokkoo hojjatee, gara harka mirgaatiin hidhatee,
17
mootii Moo'aabii Eegloomii gibira fide; Eegloom guddisee furda'a.
18
Haga gibira gabbareen maayessa, namoota gibira fuudhan geegesse.
19
Eehuud garuu karaa Gelgela'aa ka dhaaba dhagaa waaqa tolfama'aatiin gara mooti'ii deebi'ee, «Mootii'i! ani amma waan dhossa'atti sitti himu qaba» jedhe; mootiinillee, «Cadhi!» jedheen. Namoonni mootii bira jiranillee biraa bayan.
20
Eehuud, mootii teessoo ufii irra taa'eerutti siiqee, «Ergaa Waaqaa sitti himaa» jedheen; yoo mootichi teessoo ufii irraa ol ka'u,
21
Eehuud harka ufii ka bita'aatiin billawa ufii luqqifatee garaa isaa keessa woraane.
22
Billoofni haga gonfaa moora keessa lixee duubaan fulla'e.
23
Eehuud bayee balbala duubaan itti cufe.
24
Haga Eehuud lixeen maayessa garboonni isaa dhufanii akka balbalti duubaan cufamteertu arganii maal laataa fincaaniif taa'eera jedhanii achuma turan.
25
Haga guddisanii dhaabataniin maayessa uduma dhaabatan balballi banamuu dinnaan furtuu fudhatanii, balbala bananii hennaa ol seenan, mooticha du'e reeffa lafatti argan.
26
Hennaa isaan uduu dhaabatan turan san keessa Eehuud dheessee dhaaba dhagaa ka waaqa tolfama'aa san lufee Seerota'atti gale.
27
Hennaa achi gaye gaara Efraata'aa irra ol bayee xurumbaa afuufnaan baniin Israa'elii gara isaa yaa'e, innillee isaan jalaa deema'aa,
28
«Kunoo Rabbi diina keessan Moo'aabiin dabarsee isinii kenneeraa na duukaa koottaa'a» isaaniin jedhe; isaanillee isa faanaa gad bu'anii karaa worri Moo'aabii laga Yoordaanosii ceewuun qabatanii nama tokkollee ceewuu dhooggan.
29
Hennaa san worra Moo'aabii keessaa dargaggeeyyii kuma kudhanii ajjeesan; isaan keessaa namni tokkollee jalaa hin baane.
30
Gaafas Moo'aab harka ijoollee Israa'elii jalatti salphate; achiin maayessa woggaa saddeettamaaf nagaya argatte.
31
Eehuudiin maayessa ilmi Anaatii Semegaar mooyee worra Filisxeemii keessaa gaafa sanga'aatiin nama dhibba jahaa ajjeesee worra Israa'elii Filisxeemiin jalaa baase.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21