bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 7
Judges 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 8 →
1
Geedewooniin «Yiruba'aal» jedhamee fi baniin isa woliin jiru ganamaan ka'anii burqaa Haaroodii biratti quphatan; gandi worra Miidiyaamii isaaniin gara mirgaatitti tulluu Moore'ee ladda dhooqa keessa jiran ture.
2
Rabbi Geedewooniin, «Baniin si woliin jiru baay'ateera; kanaaf worri Israa'elii ufiin uf oolche jedhee akka uf hin janye, ani worra Miidiyaamii dabarsee harka isaanii jala hin oolchu;
3
kanaafuu ‹Ka nayee fi ka sodaate gaara Gala'aadiitii uf irra haa deebi'uu jedhii bani'itti himi»› jedheen; hennaa san banii keessaa namni kuma diddamii lamaa deebi'ee kumni kudhanii achitti hafe.
4
Kanaan maayessa Rabbi Geedewooniin, «Baniin hafe ammallee baay'e'ee gara lagaa buusi achitti isaan qori; ka ani si woliin haa deemuu jedhe hin deema, ka ani si woliin hin deemu jedheen garuu hin hafa» jedheen.
5
Baniillee gara lagaa buuse; Rabbi Geedewooniin, «Nama gad jedhee akka sareen arrabaan bisaan dhugutti gad jedhee dhugu maraa adda baasi; nama jilbiiffatee ganaa harkaatiin bisaan dhugu maraa adda baasi!» jedheen.
6
Worri ganaa harkaatiin bisaan dhugan namoota dhibba sadihi. Baniin hafe garuu bisaan dhugu'uuf gad jilbiiffatan.
7
Rabbi Geedewooniin, «Namoota dhibba sadihii ka ganaa harkaatiin bisaan dhugan sanniiniin diintota keessan jalaa isin oolcha, worra Miidiyaamii dabarsee harka keessan jala galcha; baniin hafe garuu gara qe'ee ufii haa deebi'uu» jedheen.
8
Dhalee baniin harkaa qabuu fi xurumbaa fudhatanii namoota Israa'elii ka hafe maraa gara qe'ee keessanii galaa'a jedheen; namoonni dhibba sadihii ka hafan garuu isa woliin hafan; gandi worra Miidiyaamii goda isaan keessa jiraatanii gad jiran.
9
Galgala gaafa sanii Rabbi, «Worra Miidiyaamii harka kee jala galchaa, ka'iitii gara gandiin isaanii gad bu'i,
10
yoo gad bu'uu sodaatte, garbicha kee Furaa woliin gara gandaa gad bu'i.
11
Waan jedhan dhageettaa; achiin maayessa ganda isaaniititti duulu'uuf hunna argattanii» jedheen; Geedewoonii fi garbichi isaa Furaan gara ganda duulli jiruu gad bu'an worri Miidiyaamii, worri Amaaleqiitii fi namoonni gara baya biiftu'uu maruu
12
ka baay'inni isaanii akka awwaannisaa dhooqa keessatti quphataniiran; baay'inni gaala isaaniillee akka xidhacha galaanaa ka laakkobsa hin qabneeti.
13
Hennaa Geedewoon achi gaye, namtichi tokko eebjuu eebjote san akkana jedhee ka himu dhagaye, «Bixileen garbu'uu diqqoon takka hennaa gangalata'aa gara ganda Miidiyaamiititti gad buutee daasee isaaniititti buutee dhoofte daaseen sunillee ka dalgatti gara galu arge» jedheen.
14
Ka inni itti himellee deebisee, «Kun guraadee nama ilma Iyyoo'aasii Geedewoonii nama Israa'eliiti! malee waan biraatii miti; Rabbi worra Miidiyaamiitii fi loltoota isaanii harka isaanii jala oolcheera ka'aa'a!» jedheen.
15
Geedewoon eebju'uu fi hiikkaa eebjuu sanii haga dhagaye Rabbiin galatoonfate; achii gara ganda Israa'elii deebi'ee Rabbi loltoota Miidiyaamii harka keessan jala galcheeraa ka'aa'a» isaaniin jedhe.
16
Geedewoon namoota dhibba sadihii bakka sadihitti addaan qoodee namoota marattuu xurumba'aa fi ottee duwwaa keessa shawaa kaayee namootatti kenne.
17
Achiin maayessa, «Na laala'aatii waan ani godhe godhaa'a,
18
hennaa gara gandaa dhiyaanne yoo anii fi worri na woliin jiran xurumbaa afuufnu, isinillee naannoo ganda saniititti xurumbaa keessan afuufa'aa, ‹Rabbii fi Geedewooniif› jedhaa'a!» isaaniin jedhe.
19
Halkan qixxeen uduu hin geenneen dura hennaa worri eegu wol jijjiirutti, Geedewoonii fi namoonni dhibbaa ka isa woliin jiran gara qe'ee dhufanii xurumbaa ufii afuufanii ottee harkaa qabanillee caccabsan.
20
Namoonni bakka sadihitti qoodaman sunniin xurumbaa afuufanii ottee caccabsan; harka bita'aatitti garuu xurumbaa qabatanii Rabbii fi Geedewooniif» jedha'aa iyyan.
21
Namni maruu naannoo isaanii marsanii dhaabatan; loltoonni maruu iyya dhageessisa'aa dheessan;
22
Namoonni dhibba sadihii Geedewooniin woliin xurumbaa afuufan; Rabbi namoonni Miidiyaamiitii fi loltoonni isaanii maruu wolitti gara galanii guraade'een akka wol fixan godhe; loltoonni isaanii karaa Sireeroo'aatiin haga Beetishixa'aa, achiillee haga daangaa Abelimihoola'aa dheessan.
23
Worri Israa'elii, Niftaaleem, Aseerii fi Minaaseen fa'a wol gayanii worra Miidiyaamii ari'an.
24
Achiin maayessa Geedewoon worra gaara Efreemii gubbaa jiran maratti ergee «Koottaa gad bu'aatii laga Yoordaanosiititti gad bu'aa karaa Beetibaara'aatiin gad bu'aa karaa worri Miidiyaamii laga Yoordaanosii ceewuun qabadhaa'a» jedhe. Namoonni Efreemiillee wol gayanii karaa worri Miidiyaamii laga Yoordaanosii ceewuun Beetibaara'aa haga Yoordaanosii qabatan.
25
Namoota gugurdaa Miidiyaamii lamaan Heereebii fi Zeebiin qabanii Heereebiin dhagaa qarsa'aa ka «Heereeb» jedhamu biratti ajjeessan; Zeebiiniin garuu, «Hulee woyinii itti cuunfan ta «Zeeb» jedhamtu biratti ajjeesan; worra Miidiyaamii ari'anii mataa Heereebiitii fi mataa Zeebiinii kutanii laga Yoordaanosii gamatti Geedewoonitti fidan.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21