bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 19
Judges 19
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 20 →
1
Bara san hennaa worri Israa'elii mootii hin qabne, nama Leewwi'ii ka biyya Efreemii ka gaara gamaa jiraatu tokkotu ture; inni biyya Yihuudaa Beetaliheemii keessaa ta mata gala itti galu takka fuudhe.
2
Ta inni fuudhe sun jalaa seebartee, isa dhiiftee gara mana abbaa ufii gara Yihuudaa Beetaliheemii dhaxxee ji'a afurii achi teette.
3
Abbaan worraa ka isii fuudhellee diqqoo turee gara mana abbaa isi'ii dhaqee isii fudhachu'uuf murteeffate; hennaa achi deemu tajaajilaa ufiitii fi harriin lamaa qabatee deeme; hennaa achi gaye mucattiin isa reebbattee mana seensifte; abbaan mucatti'iillee hennaa isa arge guddisee gammadee isa simate.
4
Akka haga guyyaa sadihii achi bulu godhe; nyaata'aa, dhuga'aa achuma turan.
5
Guyyaa arfeesso'ootitti ganama ka'anii deemu'uuf qophaayan; abbaan mucatti'ii soddaa ufiitiin, «Akka jabaattu, dura midhaan nyaadhu! achiin maayessa hin deemtaa» jedheen.
6
Kanaafuu namoonni lamaanuu taa'anii woliin nyaatanii dhugan; abbaan mucatti'ii namicha gosa Leewwi'ii saniin, «Yabo'oo adhallee gammadii asuma buli» jedheen.
7
Soddaan hin dhooggeen; inni garuu deemu'uuf ka'e; inni isa dhoogginaan achuma bule.
8
Guyyaa shaneesso'ootitti deemu'uuf ganamaan ka'e, abbaan mucatti'ii garuu, «Yabo'oo waa nyaadhu t aduun sii haa qabbanooftuu» jedheen; kanaafuu namoonni lachuu woliin nyaatan.
9
Namichi gosa Leewwi'ii, ta inni mata gala itti galuu fi tajaajilaan isaa deemsaaf hennaa ka'an abbaan mucatti'ii, «Laalaa'a! kunoo amma lafti galgalaaye, lafti waan isinitti halkanaawuuf edana asuma buluu isinii woyya boru ganamaan kaatanii deemtanii» isaaniin jedhe.
10
Namichi Leewwi'ii sun garuu halkan san achi buluu hin barbaanne; kanaafuu achii ka'ee harriin fe'a'aa lamaanii fi ta inni mata gala itti galu woliin deemanii Iyyaabuusii qachaa Yerusaalemiin ladda jirtuu gayan.
11
Hennaa Iyyaabuusiin gayan waan isaanitti halkanaayeef tajaajilaan isaa gooftaa ufiitiin, «Koottaa gara qachatti Iyyaabuusii gorree achi haa bulluu» jedheen.
12
Gooftichi isaallee, «Gara qachaa gosa Israa'elii hin taanee hin gorruu, gara Gibi'a'aa haa lufnuu» jedheen.
13
Inni garbicha ufiitiin, «Qachoota kanniin keessaa gara qachaa takkaa Gibi'aa yookaan Raamaa keessa haa bulluu» jedheen.
14
Karaa qabatanii deemanii qachattii gosa Biiniyaamii bira yoo gayan aduun isaanitti dhiite.
15
Gibi'aa keessa seenanii achi bulu'uuf goran; haga inni qachattii keessa seene namni isa bulchu'uuf isa simate waan hin jirreef qachattii afoo taa'an.
16
Uduma isaan achi taa'a'aaran jaarsi tokko lafa qotata'aa oolee gara galgalaa isaanitti dhufe; namichi kun nama biyya gaaraa ka Efreemiitii keessummummaa dhufee achi taa'a'aaru; namoonni biyya sanii garuu namoota gosa Biiniyaamiiti.
17
Jaarsi sun ol jedhee namicha karaa deemu afoo qachatti'iititti argee, «Eessa dhaqa'aarta? eessaa dhuftelle'e?» jedheen.
18
Namichi gosa Leewwi'iillee akkana jedhee deebiseef, «Nu'u Yihuudaa Beetaliheemii irraa gara biyya gaaraa ka Efreemii lufa'aarra; ani achii dhufe gara Yihuudaa Beetaliheemii dhaqee ture; amma gara mana Rabbii dhaqa nama mana ufii nu bulchu dhabe.
19
Nu'u harriin teennaa okayaa fi buraa qabna, na'aa fi garbittii teetii akkasuma garbicha kiyyaa fi ufiillee buddeenaa fi daadhii woyini'ii qabna; waan nu barbaachisu maraa hin qabna womaa hin dhabne» jedheen.
20
Jaarsichi, «Nageenni siif haa ta'u! waan ati barbaaddu maraa ani sii kennaa ati garuu diida hin bulin» jedheen.
21
Kanaaf mana ufii isaan seensisee harriin isaatiillee okaya buuseefii isaanillee luka dhiqatanii nyaatanii dhugan.
22
Uduma isaan akkanatti gammada'aaran worri adaba hin qabne ka qachaa keessa jiran dhufanii mana isaan keessa jiran san marsanii balbala tuttuma'aa jaarsicha abbaa mana saniitiin, «Nama mana kee seene hin fafeessinaa gad nuu baasi» jedhaniin.
23
Jaarsichi abbaan manaallee isaanitti gad bayee, «Obboloowwan tiyya! yabo'oo waan hamaa akkanaa kana hin godhinaa'a; namni kun waan mana kiyya seeneef cubbuu akkanaa kana isa irratti hin hojjatinaa'a;
24
Mucattiin tiyya ta durbaatii fi ta inni mata gala itti galu kunoo mana jiranii, ani gad isinii baasaa isaan salphisa'aatii waan barbaaddan isaan irratti godhaa'a, garuu nama kana irratti cubbuu akkanaa kana hin godhinaa'a» isaaniin jedhe.
25
Namoonni sunniin garuu waan inni isaaniin jedhe jalaa dhagawuu didan, namichillee ta inni mata gala itti galu gad baaseefii jennaan isaan bira gayanii haga lafti bariituu koro koroo isii irratti seebaranii lafti gagaarrannaan gad isii dhiisan.
26
Intalattiin sun ganamaan gara mana gooftaan isi'ii jiruu dhuftee balbala isaatitti kuftee haga lafti bari'uu achumatti hafte.
27
Bariisaa san abbaan worraa isi'ii deemu'uuf hennaa balbala banatu, isiin akkuma harka ufii gara manaa deebiftee badhifteen ka kufteertu argee,
28
«Ka'i hin deemnaa!» jedheen; isiin garuu waan duuteertuuf isa hin dhageenne; hennaa san reeffa isi'ii harre'etti fe'ee gara hulee dhaqa'aaruu deeme.
29
Haga mana ufiititti gale reeffa ta mata gala itti galee billawa fudhatee hulee lafeen itti wol gawu hulee kudha lamatti kukkutee gara biyya Israa'elii marattuu erge.
30
Achiin maayessa «Worri Israa'elii ka waan kana arge maruu, urga biyya Misiriitii baanee jalqabee wonti akkanaa kun sirima ta'ee hin beeku, wonti akkanaa kun hin argamnelle'e waan kana itti yaadaa'a, mari'adha'alle'e» woliin jedha'aa turan.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21