bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 14
Judges 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 15 →
1
Saamsoon gara Tamina'aa dhaqee Tamina'atti ijoollee worra Filisxeemii keessatti intala takka arge;
2
inni abba'aa fi haadha ufiitiin, «Ani worra Filisxeemii keessatti intala takka argeera isii natti fuudhaa'a» isaaniin jedhe.
3
Abbaanii fi haati isaa, «Worra Filisxeemii ka hin gadoomne keessaa wonti fuudhu'uuf deemtuuf banii kiyya ijoollee obboleewwan teetii ta intalaa keessaa intala dhabdee?» jedhaniin; Saamsoon garuu abbaa ufiitiin, «Ani isii waan guddisee itti naatayeef isii natti fuudhi» jedheen.
4
Saamsoon akka inni waan kana raawwatu ka isa kakkaase Rabbiin akka ta'e abbaan isaatii fi haati isaa hin beenne; hennaa san worri Filisxeemii worra Israa'elii waan bulcha'aa turaniif Rabbi sababaa isaanitti soqa'aa ture.
5
Achiin maayessa Saamsoon abba'aa fi haadha ufii woliin gara Tamina'aa dhaqanii muka woyini'ii ka Taminaa keessa jiru bira gayan; hennaa san Leenci darmiin muka keessaa bayee aada'aa itti dhufee isa bira gaye.
6
Hafuurri Rabbii hunna gudda'aan isa irra bu'ee akka waan ilmoo re'e'ee kukkutuutitti uduma womaa harkatti hin qabanne harkuma ufiitiin leenca kukkute; Saamsoon waan raawwate kana abba'aa fi haadha ufiititti hin himne.
7
Kanaan maayessa dhaqee mucattii woliin dubbate, isiin guddiftee isa gammachiifte;
8
guyyaa hago'oon maayii isii fuudhu'uuf deebi'e. Reeffa leencaa laalu'uuf karaa irraa gore, yoo leenca du'e bira gawu, ka kinniifni itti tuuchee dammeesseeru arge maalalfate;
9
damma san keessaa fudhatee nyaata'aa gara abba'aa fi haadha ufii dhufee isaaniillee kenne; isaanillee hin nyaatan; damma reeffa leencaa keessaa akka fudhate isaanitti hin himne.
10
Hennaa abbaan Saamsoonii gara mana intala Saamsoon kadhatuu dhaqe, Saamsoon affeerraa guddaa qopheesse;
11
worri Filisxeemii hennaa isa argan isa woliin akka jiraatan ka'imman soddomaa filatanii erganiif.
12
Saamsoon, «Hibboo isinitti hibbifadhaa, hibboo kiyya guyyaa ayyaanaa torban keessatti hiittanii yoo naa deebiftan qambisaa soddomaa fi ka isa woliin uffatan soddoma isinii kenna;
13
kana yoo hiikuu dadhabdan garuu qambisaa soddomaa fi ka isa woliin uffatan soddoma naa kennitan» isaaniin jedhe; isaanillee, «Hibboo kee nutti hibbifadhu» jedhaniin.
14
Innillee «Waan nama nyaatu keessaa wonti nyaataa, waan jabaa keessaa wonti mi'aawu baye» isaaniin jedhe; isaan haga guyyaa sadihii hibboo kana hiikuu hin dandeenne.
15
Guyyaa arfeesso'oo haadha manaa Saamsooniitiin, «Abbaan worraa kee hibboo kana akka nutti himu yabo'oo isa sobi, yoo kana hin taane si'ii fi mana abbeetiillee ibiddaan gubna; isin nu miidhu'uuf as nu fiddanii?» jedhaniin.
16
Haati manaa Saamsoonii Saamsooniin afo'otti kuftee booya'aa, «Ati dhugamaan na jibbite sirima na hin jaalattu, ijoollee worra kiyyaatitti hibboo hibbifatte; garuu hiikkaa isaa natti hin himne» jetteen; innillee, «Ani ka abba'aa fi haadha tiyyattuu hin himne sitti himaa?» jedheen.
17
Guyyaa ayyaanaa torbanuu isa afo'otti boottee waan isa rakkifteef guyyaa torbeesso'ootitti isi'itti hime; isiinillee dhaxxee ijoollee worra ufiititti himte.
18
Guyyaa torbeesso'ootitti uduu aduun hin dhiine, namoonni qachaa sanii, «Wonti damma caalaa mi'aawu maali'i? wonti leenca caalaa jaba'aa maali'i? jedhaniin; innillee uduu raada tiyyaan qotachuu baattanii; hiikkaa hibboo kiyyaa hin beettan ture» isaaniin jedhe.
19
Hafuurri Rabbii waan jajjabeenna isaa kenneef gara Asqaloona'aa dhaqee achitti namoota soddomaa fixe; uffata isaaniillee fuudhee worra hibboo isaa hiikanii kenne; waan ta'e kanatti guddisee aaree gara worra ufii deebi'e.
20
Haati manaa isaa garuu nama hennaa inni fuudhu jaala isaa ta'e tokkotti heerumte.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21