bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 9
Judges 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 10 →
1
Ilmi Geedewoonii Abemelek gara eessumman ufii gara worra haadhaa Seekeemiin dhaqee,
2
«Banii firoota ufii ka biyya Seekeemii jiraatan sanniiniin akkana jedha'aa gaafadhaa'a jedhee isaanitti hime; ‹Ka ijoolleen Geedewoonii torbaatamni isin bulche woyya mo'o ka namni tokkochi isin bulche woyya? kanniin keessaa kamiin filattan? Abemelek akka fira keessan ka foonii ta'e hin dagatinaa'a.› » jedhee isaanitti dubbate.
3
Eessumman isaa waan kanniin maraa namoota Seekeemii marattuu himan; hennaa tana isaanillee, «Inni obboleessa keenna» jedhanii garaa ufiitiin gara Abemelekii goran.
4
Maatiin Ba'aalbiriitii birrii torbaatamaa kennaniif; innillee birrii saniin saamtota boru hin beenne bitee isaanillee akka isa duukaa deeman godhe.
5
Gara hulee oofraa jedhamtuu gara qe'ee abbaa ufii dhaqee, ijoollee Yiruba'aalii obboleewwan ufii torbaatammanuu dhagaa tokkocha irratti goorra'e; Iyyo'aataam obboleessi isaa ka maandha'aa garuu dhokatee hafe.
6
Achiin maayessa namoonni Seekeemiitii fi namoonni Beetimi'oolii maruu wol gayanii gara muka qilxu'uu ka Seekeemiin keessa jiruu dhaqanii Abemelekiin moosifatan.
7
Haga waan kana Iyyoo'aatamitti himan, inni gaara Gaariizaanii irra dhaabatee laagaa ufii ol fudhatee akkana isaaniin jedhe; «Namoota Seekeemii! akka Rabbi isin dhagawu na dhagayaa'a;
8
hennaa tokko mukkiin mootii uf irratti moosisuu fedhan; achiin maayessa ejersaan nu irratti mooyi jedhaniin.
9
Ejersi garuu, ‹Dhadhaa kiyya ka Rabbii fi namoonni itti gammadan dhiisee mukkiin irratti mooyaa?› isaaniin jedhe.
10
Mukkiinillee muka hurbu'uutiin, ‹Koottuu nu irratti mooyi jedhaniin.
11
Munni hurbu'uu garuu mi'aa kiyyaa fi daraaraa kiyya mishaa dhiisee mukkiin irratti mootii ta'u'uuf deemaa?› isaaniin jedhe.
12
Mukkiin woyini'iitiin, koottuu nu irratti mooyi› jedhaniin.
13
Woyiniinillee, ‹daadhii woyini'ii kiyya ka Rabbii fi namallee gammachiisu dhiisee mukkiin irratti mooyaa?› isaaniin jedhe.
14
Ammallee mukkiin maruu qore'een, ‹koottuu nu irratti mooyi› jedhaniin.
15
Qoreen mukkiiniin, ‹Yoo ka dhuga'aan uf irratti na moosisuu feetanii kootta'aa na jalatti wol gayaa'a jedheen; yoo kana ta'uu baate ibiddi qoree keessaa bayee birbirsa Libaanosii haa fixuu› isaaniin jedhe» jedhee isaanii deebise.
16
Amma maarre Abemelekiin moosisuu keessaniin waan dhuga'aatii fi waan qajeelaa gootan seetan, Geedewoonii fi maatii isaatii waan mishaa barbaachisu waan gootaniif yoo seetan,
17
Abbaan kiyya isiniif jedhee duuleera; worra Miidiyaamii harkaa isin oolchu'uuf jedhee lubbuu ufii kenneera;
18
Isin adha maatii abbaa kiyyaa irratti diinumma'aan kaatanii ijoollee isaanii fixxaniirtan, ajjeeftaniirtan, horii isaanii ka coomellee dhagama tokko irratti qaltan, Abemelek obboleessa keessan waan ta'eef isa ilma garbitti'ii worra Seekeemii irratti moosiftaniirtan.
19
Eeganaa isin Geedewoonii fi maatii isaatii yoo dhuga'aa fi qajeellumma'aan waan mishaa gootan seetan, Abemelekitti gammadaa'a; innillee isinitti haa gammaduu.
20
Yoo kana ta'uu baate garuu ibiddi Abemelekiin keessaa bayee namoota Seekeemiitii fi Beetimiilooniin haa fixuu, namoota Seekeemii Beetimiilooniin keessaallee ibiddi bayee Abemelekiin haa fixuu.
21
Iyyoo'aataan dheessee jalaa baye; obboleessa ufii Abemelekiin sodaatee gara biyya Bi'eerii dhaqee achi taa'e.
22
Abemelek worra Israa'elii irratti woggaa sadihii mooye;
23
Kanaan maayessa Rabbi Abemelekii fi banii seekeemii wodhakka'atti hafuura hamaa erge; namoonni Seekeemii isa irratti ka'anii waan hamaa isa irratti hojjatan.
24
Wonti isaan waan kana godhaniif dhiiga ijoollee Geedewoonii torbaatama ta obboleessi isaanii Abemelek ficcisiisee fi akka isaan fixaniif worra Seekeemii ka isaan jajjabeesse haluu bawu'uuf.
25
Namoonni Seekeemii Abemelekitti sababaa kaasu'uuf gaara irratti lola dhossa'aa lolan, worra imala deemu hin saaman; Abemelekillee waan kana dhagaye.
26
Kanaan maayessa Ga'aal ilmi Abeedii obboleewwan ufii woliin dhufee gara Seekeemii seene; namoonni Seekeemiillee isa hedatan.
27
Maruu gara maasaa ufii dhaqanii woyinii ufii guuratan, daadhii woyini'ii naqanii ayyaanteeffatan; mana woyyuu ka Rabbiin itti waaqeffatan seenanii nyaata'aa dhuga'aa waan Abemelekii balda'aa dubbatan.
28
Ga'aal ilmi Abeedii, «Abemelekiin nu jalatti bullu eennu? Seekeemillee maali'i? Inni ilma Geedewooniitii mii? Zeebuul ka inni muudee mii? Abbaa Seekeemiitii, namoota Eemooriitiillee hin bitaman.
29
Maaf Abemelekii bitamna? baniin kun uduu ka na jalatti bulu ta'ee silaa ani Abemelekiin hin ari'a jedhe; Abemelekiinillee ‹Duula kee yaafadhuu koottu!» jedheen.
30
Zeebuul ka qachattii bulchu jecha Gala'aadii ilma Abeedii haga dhagaye guddisee aare.
31
Akkana jedhee Abemelekitti dhaamsa erge; «Ilmi Abeedii Gala'aalii fi obboleewwan isaa kunoo gara Seekeemii dhufaniiran, worra qachattii keessa jiran sitti kakkaasa'aaran.
32
Kanaafuu atii fi worri si woliin jiran halkaniin ka'a'aatii raasa'atti riphaa'a;
33
boru yoo bariitee aduun baate, qachatti irratti dimmaa balaa guddaa buusaa'a; Gala'aadii fi worri isa woliin jiru hennaa isin woraanu'uuf yaa'an haguma dandeettanitti jabaadha'aa isaan rukuttaa'a» isaaniin jedhe.
34
Abemelekii fi baniin isa woliin jiran martinuu halkaniin ka'anii Seekeemitti dhiyaatanii kallattii arfaniinuu riphanii eegan;
35
ilmi Abeedii Ga'aal bayee balbala qachatti'ii geennaan Abemeleekii fi worri isa woliin jiran hulee itti riphanii ka'an.
36
Ga'aal haga banii arge Zeebuuliin, «Kunoo! qaccee gaaraa irraa baniin gad bu'a!» jedheen. Zeebuulillee, «Gaaddidduu gaaraa ka nama fakkaatu arga'aarta» jedheen.
37
Ga'aalillee, «Laali baniin gaara irraa gad bu'a'aaranii banii cinaa tokkoo karaa qilxuu falaa ka worra asmaa hojjatuu dhufa'aaran» jedhee dubbate.
38
Kanaan maayessa Zeebuul, «Dhaaduun kee sun martuu eessa dhaqe? ‹Nama Abemelek jedhamuuf wonti hojjannuuf maali'i?› jedhee namni gaafate si'ii mii? namoonni balda'aa isaanitti dubbatte kanniin; ka'ii amma isaaniin loli» jedheen.
39
Ga'aal namoota Seekeemii afoo bayee Abemelekiin lole.
40
Abeemelekillee isa ari'e, innillee isa jalaa dheesse; haga balbala qachattii sanii nama baay'e'etu miidhamee kufe.
41
Abemelek Aarumaa keessa jiraate; Zeebuul garuu Ga'aalii fi obboloowwan isaa Seekeemiin keessaa ari'ee isaan baase; achiin maayii isaan achi keessa jiraachuu hin dandeenne.
42
Bariisaa san baniin Seekeemii gara maasaa ufii akka deeman Abemelek dhagaye.
43
Namoota isa hordofan fudhatee garee sadihitti isaan qoodee akka riphanii eegan godhe; worri Seekeemii hennaa qachaa keessaa bayan arge, hulee ufii itti riphanii ka'anii isaan fixan.
44
Abemelekii fi worri garee isaa ta'an dallawa qachatti'ii eegu'uuf jarjaranii yaa'anii balbala qachatti'ii bira dhaabatan; gareen lamaan hafan garuu worra raasaa jiran fixan.
45
Guyyaa san maraa Abemelek worra qachaa sanii maraan wol lole; Abemelek qachattii qabatee worra isii keessa jiran fixe; qachattiillee diigee sooqidda itti facaase.
46
Namoonni kaloo Seekeemii keessa jiran haga waan kana dhagayan, kushee mana Elbiriitiititti dhokatan.
47
Abemelekillee namoonni kaloo Seekeemii keessa jiran akka wol gayan dhagaye.
48
Abemelekii fi baniin isa woliin jiru maruu gara gaara Salmoonii ol bayan; Abemelek qottoo harkatti qabatee damee mukaa muree ceekuu irra kaayatee banii isa woliin jiruun akkuma hennaa waan kana ani godhu argitan kana, isinillee daddafa'aa godhaa'a isaaniin jedhe.
49
Baniin maruu akkuma inni isaaniin jedhe deemanii damee mukaa muranii Abemelekiin faanaa deemanii naannoo kushe'eetitti tuulanii ibiddaan guban. Namoonni Seekeemii guyyaa san dhiirrinii fi dubartoonni namoota kuma tokkootitu dhume.
50
Achiin maayessa Abemelek gara Tebesii dhaqee qachattii marsee qabe.
51
Qachattii keessa dalloofni dhaga'aan dallawame guddaan tokko waan jiruuf namoonni qachattii sanii dhiirrinii fi dubartoonni maruu gara qachattii sanii dheessanii balbala qachattii sanii duubaan cufanii mana manaan gubba'aa irra ol bayan.
52
Abemelek gara gamoo sanii dhiiyaatee lola'aa ture; ibiddaanillee isaan fixu'uuf gara gamo'oo gaye.
53
Intalti takka majjee dhaga'aatiin Abemeleekiin mataa burussite.
54
Innillee daddafee loltuu isa eegu waamatee, «Akka namni dubarti'itu isa ajjeese hin jenne, guraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi» jedheen. Ka'imtichi hin woraaneen, innillee hin du'e.
55
Namoonni martinuu gara qe'ee ufii deebi'an.
56
Akka kanaan yakka Abemelek obboloowwan ufii torbaatamman ajjeeseef Rabbi haluu isa baye.
57
Akkasuma Rabbi dhara namoota Seekeemii maraa isaanumatti deebise; Akka kanaan wonti ilmi Geedewoonii Iyyoo'aataam akka isaan irra gawu dubbate isaan irratti raawwatame.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21