bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 12
Judges 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 13 →
1
Namoonni Efreemii lolaaf qophaayanii laga Yoordaanosii ceeyanii haga Tsifooniin gayan Yooftaahe'een, «Ijoollee Amooniitiin lolu'uuf hennaa daangaa luftee deemtu nu akka si woliin deemnu maaf nu waamuu didde? mana kee si irratti gubna!» jedhaniin.
2
Yooftaaheen, «Anii fi baniin kiyya ijoollee Amoonii woliin gadoo guddaa qabna, hennaan ani isin waame, isin isaan jalaa na hin oolchine;
3
akka isin na oolcha'aa hin jirre argee lubbuu tiyya irraa bayee gara ijoollee Amoonii ceeye; Rabbillee harka kiyya irratti isaan kuffise; isin garuu adha maaf naan lolu'uuf gara kiyya dhuftan?» isaaniin jedhe.
4
Achiin maayessa Yooftaaheen namoota Gala'aadii wolitti qabee namoota Efreemiititti balaa buusee isaan mooyate; namoonni Efreemii, «Isin worra Gala'aadii ka bulchiinsa Efreemiitii fi Minaase'ee keessa jiraattan ka Efreemiin waakkattanii dhuftan» isaaniin jedhee isaan dhaye.
5
Worri Gala'aadii karaa laga Yoordaanosii ka worri Efreemii ceewuun isaan jalaa qaban; namni Efreemii dheessee dhufee tokko na ceesisaa'a hennaa jedhuun namoonni Gala'aadii, «Ati nama Efreemiitii?» jedhaniin; inni garuu, «Ani nama Efreemiitii miti» jennaan,
6
isaan, «Shibooleet jedhi» jedhaniin; inni garuu kolbatti qajeelchee jechuu waan hin dandeenneef, «Siibooleet» jedhe; yoo san isa qabanii laga Yoordaanosii karaa ceeyaniin biratti goorra'aniin; hennaa san namoota Efreemii keessaa namoota kuma afurtamii lamaa akka kanaan fixan.
7
Namni gosa Gala'aadii Yooftaaheen Israa'eliin haga woggaa jahaa bulcheen maayessa du'ee qachoota Gala'aadii keessaa qachaa tokkotti awwaalame.
8
Isaan maayessa Ibxaanii nama Beetaliheemiititu bulchaa Israa'elii ta'e;
9
inni ijoollee dhiiraa soddomaa fi ijoollee intalaa soddoma qaba; ijoollee intalaa soddomman isaa sanniin nama gosa isaa hin taanetti heerumsiise; ijoollee ufii ta dhiiraatiifillee akkasuma nama gosa biraa isaanitti fuudhe.
10
Ibxaan, Israa'eliin woggaa torbaa bulchee du'ee Beetaliheemitti awwaalame.
11
Isaan maayessa Eeloomii nama gosa Zaabilooniititu Israa'eliin irratti mootii ta'e; inni haga woggaa kudhanii Israa'eliin bulche.
12
Eeloomiin nama gosa Zaabiloonii du'ee lafa biyya Zaabiloonii jirtu ta Eeloomiititti awwaalame.
13
Isaan maayessa Abdoonii ilma Hileelii nama gosa Phiri'aatooniititu Israa'eliin bulche;
14
inni ijoollee afurtamaa fi ilmaan ilmaan isaa soddoma qaba; kunniin maruu namoota harriin torbaatamaa yaabbatan turan; Abdoon Israa'eliin woggaa saddeeti bulche.
15
Kanaan maayessa Abdoon ilmi Hileelii nama gosa Phiri'aatoonii du'ee lafa Amaaleqii ka biyya gaaraa Phiri'aatoonii ta Efreemiin keessa jirtutti awwaalame.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21