bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 21
Judges 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
1
Namoonni Israa'elii, «Nu keessaa eennullee durba ufii worra gosa Biiniyaamiititti akka hin heerumsiifne» jedhanii Mitsipha'atti wolii kakatan.
2
Baniin maruu gara Beeteelii dhaqanii achitti haga galgalaa Rabbiin afoo taa'anii laagaa ufii ol qabatanii booya guddaa booyan.
3
«Yabo'oo Waaqa Israa'elii, gofti tokko Israa'eliin keessaa dhabamuun kun maali'i?» jedhan.
4
Haga bariite baniin ganamaan ka'anii achitti waan ciincaa irratti dhiyeessan hojjatanii kennaa fayyumma'aaf ciincawu dhiyeessan.
5
Ijoolleen Israa'elii, «Namni gara Mitsipha'aa hin baane haa du'uu» jedhanii waan guddisanii wolii kakataniif, «Gosa Israa'elii maraa keessaa namni gara gumii Rabbii Waaqa afoo hin baane eennu?» jedhan.
6
Ijoolleen Israa'elii waan obboleewwan ufii waan worra Biiniyaamiitiif guddisanii gaabbanii, «Nu adha worra keenna ka Israa'elii keessaa gosa tokko dhabneerra,
7
nu akka ijoollee teenna ta durbaa isaanitti hin heerumsiifne waan kakanneerruuf worri hafan haadha manaa akka argatan maal haa goonu?» woliin jedhan.
8
Isaan, «Gosa Israa'elii keessaa gara Rabbii gara Mitsipha'aa ka hin baane eennu? jedhan; hennaa san Iyyaabisii Gala'aadii keessaa namni tokkollee gara gumii Rabbii hin baane ture.
9
Hennaa banii tooyatan, namni Iyyaabisii Gala'aadii keessa jiraatu achitti hin argamne.
10
Baniin achitti wol gaye, «Namoota duulu jajjabaa, namoota Iyyaabisii Gala'aadii keessaa, dubaraa fi daa'immanillee guraade'een fixaa'a» jedhanii namoota kuma kudha lamaa ergan.
11
Wonti isin gootan, dhiira maraa, durba dhiirti bira geette maraa sirima balleessaa'a jedhanii isaan ajajan.
12
Durba babbareeddan dhiira bira hin geenne dhibba afurii worra Iyyaabisii Gala'aadii keessa jiraatu keessatti arganii gara Seeloo biyya Kana'aanii jirtuu gara qe'ee ufii isaan fidan.
13
Achiin maayessa baniin maruu gara banii hulee dhagaa Riimoonii bira jiraatuu gara worra Biiniyaamii akka lolli dhaabatuuf dhaamsa isaanitti ergan.
14
Hennaa san worri gosa Biiniyaamii deebi'anii dhufan; worri Israa'elii durba Iyyaabisii Gala'aadiititti du'a irraa hambisan isaanitti fuudhan; garuu durbi sunniin laakkobsaan hagoo waan ta'aniif wol isaan hin geenne.
15
Rabbi tokkummaan gosa Israa'elii akka addaan citu waan godheef, baniin maruu waan Biiniyaamiitiif guddisanii gaddan.
16
Jaarsonni gumi'ii, «Worra Biiniyaamii keessaa dubartoonni waan dhabamaniif namoonni hafan akka haadha manaa argatan nu maal haa goonu?» jedhan.
17
Gosa Israa'elii keessaa gofti tokkollee akka hin banne, worri gosa Biiniyaamii worra isaan dhaalu qabaatuu barbaachisa.
18
Worri Israa'elii, «Namni ijoollee Biiniyaamiititti ijoollee durbaa mucattii ufii heerumsiise haa abaaramu» jedhanii waan kakataniif, «Nu'u ijoollee teenna isaanitti hin heerumsiifnu» jedhan.
19
Kanaan maayessa, «Ayyaanni wogga wogga'aan Seelo'otti Rabbii qophaayu hin jira» jedhanii yaadan; Seeloon Beeteeliin irraa gara kaabaa, Laabonaa irraa gara kibbaa, karaa gara baya biiftu'uutiin Beeteelii fi Seekeemiin jiddu'utitti argamti.
20
Kanaafuu worra Biiniyaamii akkana jedhanii ajajan, «Deema'aatii muka woyini'ii keessatti dhokadhaa'a,
21
Dubartoonni Seelo'oo guyyaa ayyaanaatiin dibbee qabatanii sirbu'uuf yoo dhufan, isinillee muka woyini'ii keessaa baya'aatii dubartoota yaa'an sanniin keessaa tokko tokko buta'aatii haadha manaa taasifadha'aatii gara bulchiinsa biyya Biiniyaamii fidaa'a.
22
Abboonni isaaniitii fi obboleewwan isaanii isiniin lolu'uuf yoo isinitti dhufan, «Nu isaan hunnaan waan hin fudhanneef yabo'oo nuu dhiisaa'a; garuu nu'u fedhaan waan isin irraa isaan hin fuuneef yakka jalaa hin baatan jechuu dandeettan»
23
Ijoolleen Biiniyaamii akkuma isaan jedhan godhan, haga laakkobsa isaaniitiin durba sirbu'uuf yaate butanii haadha manaa taasifatanii gara lafa ufii deebi'anii qachoota ijaaratanii keessa jiraatan.
24
Hennaa san ijoolleen Israa'eliillee achii ka'anii gara gosaa fi worra ufii deeman; namni maruu hulee san dhiisee gara lafa ufii deebi'e.
25
Bara san worri Israa'elii mootii hin qaban ture; namni maruu woma isatti mishaa fakkaate godha ture.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21