bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 8
Judges 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 9 →
1
Kanaan maayessa namoonni Efreemii Geedewooniin, «Maaf akkana nu goote? hennaa worra Miidiyaamiitiin lolu'uuf baate maaf nu waamuu didde?» jedhanii mararamanii gara hanqoo ufii himatan.
2
Inni garuu deebisee, «Haga ani godhe caalaa ka isin gootan hin caaluu? waan worri gosa kiyyaa godhe caalaa wonti isin worri Efreemii gootan diqqoonuu hin caala;
3
Rabbi jajjaboota Miidiyaamii Heereebii fi Zeebiin harka keessan jala oolcheera; wonti ani godhe ka waan isin gootan fakkaatu mee kami?» isaaniin jedhe; inni kana jennaan isaan lash jedhanii aaruu dhiisan.
4
Hennaa san Geedewoonii fi namoonni dhibba sadihii Yoordaanosiin gayanii ceeyanii yoo hagamillee dadhaban ari'a'aa turan.
5
Hennaa gara Suukootii gayan Geedewoon mootota Miidiyaamii Zaabiheelii fi Silmaanaa uduu ari'an waan dadhabaniiraniif, «Yabo'ootii banii na duukaa deeme kanniiniif waan nyaatan kenna'aafii» isaaniin jedhe.
6
Bulchoonni Suukootii, «Akka nu'u loltoota keetii waan nyaatan kenninu Zaabiheelii fi Silmaanaan amma harka kee jala jiranii?» jedhan.
7
Geedewoonillee, «Yoo Rabbi Zaabiheelii fi Silmaannaa dabarsee harka kiyya jala oolche, ani lafa gammoojji'ii keessatti qore'ee fi qummuuddu'uun nafa keessan tuma!» jedhe.
8
Achiin maayessa gara Phini'eelii deemee namoota Phini'eeliitiinillee akkasuma jedhe; namoonni Phini'eeliillee akkuma namoonni Suukootii jedhaniin isaanillee akkasuma jedhanii deebisaniif.
9
Innillee namoota Phini'eeliitiin, «Yoo nagayaan deebi'e ani kaloo dhaga'aa kana hin jissa!» jedhee isaanitti dubbate.
10
Zaabiheelii fi Silmaanaan loltoota isaanii woliin hulee Qarqaar jedhamtu turan; worri guraadee harkaa qaban namoota kuma dhibba tokkootii fi namoota kuma diddamaatitu dhume.
11
Geedewoonillee gara cinaa worra daasee keessa taa'aniiranii Noobaahii fi Yoogibihaa gara cinaa baya biiftu'uutiin bayee uduma isaan isa hin argine dimmaa loltoota san dhaye.
12
Zaabiheelii fi Silmaanaan garuu hin dheessan; innillee isaan ari'ee mootota lamaanuu loltoota isaanii sodaachise.
13
Ilmi Iyyoo'aasii Geedewoon goodda heeresii irraa hulee lolaatii deebi'ee,
14
worra Suukootii keessaa mucaa tokko qabee gaafate; innillee bulchoota Suukootiitii fi jaarsota torbaatamii torbaa maqaa isaanii barreesseef.
15
Kanaan maayessa Geedewoonillee gara namoota Suukootii dhaqee, «Namoota kee ka beelayanii dadhabanii akka buddeena kenninu Zaabiheelii fi Silmaanaan harka kee jala jiranii? jettanii natti coortan; Zaabiheelii fi Silmaanaan amma kunooti» jedhe.
16
Inni jaarsota qachaa sanii qabee qore'ee fi qummuudduu lafa gammoojji'iitiin namoota Suukootii tume.
17
Kaloo dhaga'aa ka Phini'eelii diigee namoota qachaa saniillee ajjeese.
18
Kanaan maayessa Geedewoon Zaabiheelii fi Silmaana'aan, «Namoonni isin Taabooritti ajjeeftan namoota attamii turan?» isaaniin jedhe. Isaanillee «Namootuma akka keetiiti, sima fakkaatanille'e; bifti isaaniillee akka bifa ijoollee mooti'iiti» jedhanii deebisaniif.
19
Geedewoonillee, «Obboleewwan tiyya ta haati tiyya deette, uduu isin isaan ajjeesuu baattanii dhugaa Rabbii isinitti himaa silaa ani isin hin ajjeesu ture» isaaniin jedhe.
20
Kanaan maayessa inni Yootoorii hangaftichaan, «Ka'ii isaan ajjeesi!» jedheen; mucaan garuu daa'ima waan ta'eef sodaatee guraadee itti hin luqqifanne.
21
Zaabiheelii fi Silmaanaan garuu Geedewooniin, «Hunni namaa akkuma guddinna nafaatiinii ati ka'iitii nu ajjeesi» jedhaniin; Geedewoonillee ka'ee Zaabiheelii fi Silmaanaa ajjeesee mixaabirrii gara garaa ka morma gaalaa irra jiru maraa fudhate.
22
Kanaan maayessa namoonni Israa'elii Geedewooniin, «Waan worra Miidiyaamii jalaa nu baafteef ati, ilmi keetii fi ilmaan ilma keetiillee nu bulchaa'a» isaan jedhan.
23
Geedewoon garuu, «Ani isin hin bulchu, ilmi kiyyallee isin hin bulchu, Rabbitu isin bulcha» isaaniin jedhe.
24
Achiin maayessa Geedewoon worra Ismaa'eliitiin, «Worqii gurra irraa qabdanii fi waan boojitan keessaa worqii gurraa keessan naa kennaa'a» isaaniin jedhe.
25
Isaanillee, «Fedha keennaan sii kennina» jedhaniin; achiin maayessa uffata ufii mulqatanii lafatti afaanii namni maruu worqii gurraa ka booji'an uffata sanniin irratti guuran.
26
Worqiin gurraa ka Geedewoon fudhate saqilii kuma tokkoo fi dhibba torba ta'e; kunillee faaya kaawwan worqii mormaatii fi uffata diimaa dhiilgee, hamara mootonni worri Miidiyaamii uffatan; kun garuu mixaabirrii gara garaa ka morma gaalaa irra jiru uduu itti hin edaane.
27
Geedewoon waan kanniin uffata faayaa ka gad diratan hojjatee qachattii keessa hulee oofraa jedhamtu kaaye; worri Israa'elii maruu Rabbiin dhiisanii uffata faayaa ka Geedewoon hojjate sanii sagannaan uffanni kun Geedewoonii fi maatii isaatitti siiboo isaan qabu ta'e.
28
Akkaataa kanaan worri Miidiyaamii ijoollee Israa'elii jalatti kufanii ka'uu dadhaban; bara Geedewooniititti worri Israa'elii woggaa afurtamaaf nagaya argatan.
29
Ilmi Iyyoo'aasii Yiruba'aal galee mana ufii taa'e.
30
Geedewoon haawwota manaa heddu waan qabuuf ijoolleen isaa dhalatan torbaatama.
31
Ta inni mata gala itti galu ta Seekeemiin jiraattu ilma deetteef; inni maqaa isaa Abemelek jedhee itti baase.
32
Ilmi Iyyo'aasii Geedewoon akka mishaa jiraatee jaaree du'e; huleen isa itti awwaalanillee qachaa worra Abi'eezirii bakka oofraa jedhamtu hulee abbaan isaa Iyyoo'aas itti awwaalametti awwaalame.
33
Geedewoon haga du'een maayessa ijoolleen Israa'elii Rabbii Waaqa ufii dhiisanii waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffatu'utti deebi'an, ba'aalbiriitiinillee waaqa godhatan.
34
Ijoolleen Israa'elii Rabbii Waaqa diintota isaanii jalaa isaan oolche hin irraanfatan.
35
Akka inni worra Israa'eliitii waan mishaa mara godhe, isaan garuu maatii Geedewoonii mana Yiruba'aaliitii jasaa hin deebifne.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21