bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 18
Judges 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 19 →
1
Bara san worri Israa'elii mootii hin qaban ture; haga guyyaa sanii worri gosa Daanii worra Israa'elii keessatti waan lafa hin qabneef lafa keessa jiraatan soqata'aa turan.
2
Kanaafuu worri gosa Daanii gosa ufii keessaa namoota jajjabaa shanii lafa akka gaadanii fi akka qoratan, «Deema'aa lafa gaadaa'a» jedhanii gara Tsoor'a'aatii fi Eeshtaa'olii ergan; namoonni ergaman sunniin biyya gaaraa ka Efreemiititti mana Mikka'aa dhufanii achi bulan.
3
Hennaa isaan mana Mikka'aa bira gayan, laagaa ka'imticha gosa Leewwi'ii beekanii gara isaa dhiyaatanii, «Eentu as si fide? asii maal goota? as maaltu jira?» jedhaniin.
4
Inni «Mindaa naa kaffala'aa, akka gadicha isaa ta'ee bakka isaa hojjadhu Mikka'aan wolii galeera» jedhee isaanii deebise.
5
Isaanillee, «Karaan amma nu deema'aarru kun qajeelaa ta'uu isaa akka beennu yabo'oo Rabbiin nuu gaafadhu» jedhaniin.
6
Innillee, «Deemaa'a karaa deemtanitti rakkoon tokkollee isin irra hin gawu Rabbi isin afoo waan jiruuf nagayaan deemaa'a» isaaniin jedhe.
7
Kanaan maayessa namoonni shanan sunniin achii deemanii gara Leesaamii dhufan; baniin achi keessa jiru akkuma namoota Siidoonii namoota nagayaati; ka isaan bulchuu fi ka isaan rakkisullee hin jiru; worra Siidoonii irraa fagaatanii namoota irraallee fooyamanii hojja ufii jiraata'aa turan.
8
Deebi'anii gara obboleewwan ufii gara Tsoor'a'aatii fi gara Eshtaa'olii dhaqan; obboloowwan isaanii, «Oduu maal qabdan? mee nutti odeessaa'a» isaaniin jedhan.
9
Isaanillee, «Lafti guddiftee michuu akka taate nu waan argineef, ka'aa haa baanuu! isin maaf cadhiftan? deemtanii lafattii dhaaluu lash itti hin jedhinaa'a;
10
hennaa gara biyya sanii dhaxxan, biyya nagayaan jiraatu argitan; lafti badha'a; Rabbi wonti lafa irra jiru maruu akka isin jalaa hin hanqifneef lafattii dabarsee isinii kenneera» jedhan.
11
Kanaaf gosa Daanii keessaa worri meeshaa woraanaa hidhatan namoonni dhibba jahaa Tsoor'a'aa fi Eshtaa'olii ka'anii deemanii,
12
Qiriyaatiyi'aarimii Yihuudaa keessa jirtutti quphatan; kanaafuu maqaan hulee sanii haga adhaa «Mandara Daanii» jedhama; huleen sun Qiriyaatiyi'aarimiin duuba.
13
Achiillee ka'anii biyya gaaraa ka Efreemii bira lufanii haga mana Mikka'aa dhaqan.
14
Namoonni shanii worri lafa Leesaanii gaadu'uuf dhaqan obboloowwan ufiitiin, «Manniin kanniin keessa Eefuud, Taaraafiimii fi fakiin waaqa tolfama'aa ka sibiila bassanii hojjatan akka jiru beettuu? amma waan godhu'uuf taatan woliin mari'adhaa'a» jedhanii isaanitti himan.
15
Karaa irraa goranii gara mana Mikka'aa ka ka'imtichi Leewwi'ii keessa jiraatuu dhufanii nagaya gaafatan.
16
Namoonni gosa Daanii worri meeshaa woraanaa hidhatan dhibbi jahaa balbala bira dhaabata'aa turan.
17
Namoonni shanii worri lafa gaadu'uuf dhaqan bayanii achi keessa seenanii fakii bocame, Eefuudi'ii fi Taaraafiimiin, fakii waaqa tolfama'aa ka sibiila bassanii hojjatanillee fudhatan; gadichillee namoota dhibba jahaa ka meeshaa woraanaa hidhatan woliin balbala dhaabata.
18
Hennaa namoonni mana Mikka'aa seenanii fakii bocame, Eefuudii, Taaraafiimii fi fakii waaqa tolfama'aa ka sibiila bassanii hojjatan fudhatan gadichi, «Maal gootan?» isaaniin jedhe.
19
Isaanillee, «Cadhisi! afaan qabadhu! nu woliin deemiitii abba'aa fi gadicha nuu ta'i, gadicha nama tokkoo ta'uu woyya mo'o gadicha Israa'elii worra keetiitii fi gosa keetii ta'uu woyya?» jedhaniin.
20
Gadichillee garaa ufii keessatti hin gammade; gadichi Eefuudii, Taaraafiimii fi fakii waaqa tolfama'aa ka bocame fudhatee banii woliin deeme.
21
Isaan daa'imman, hori'ii fi meeshaa ufii qabatanii uf irra gara galanii lixan.
22
Hennaa mana Mikka'aa irraa fagaatan, ollaan Mikka'aa wol gayanii ijoollee Daanii hordofanii bira gayan.
23
Isaan gara ijoollee Daanii iyyan, ijoolleen Daaniillee uf irra gara galanii Mikka'aan, «Maal taatee iyya'aarta?» jedhaniin.
24
Innillee, «Waaqa tolfamaa kiyya, gadichallee qabattanii deema'aartan ani waan biraa maal qaba? isin maal taate? maaf naan jettaan?» jedhe.
25
Ijoolleen Daanii, «Worri guddisanii aaran akka siin hin lolle, lubbuun teetii fi lubbuun worra keetiillee akka hin banne nu jiddu'utti laagaa kee hin dhageessisin» jedhaniin.
26
Ijoolleen Daanii karaa qabatanii deeman; Mikkaan isaan akka isa irra jabaatan argee gara mana ufii deebi'e.
27
Isaan waaqa tolfamaa Mikkaan hojjate, gadicha isaallee qabatanii gara banii nagayaan Leesaaniin taa'uu dhaqanii guraadee qara qabuun isaan dhayan; qachattiillee ibiddaan guban.
28
Qachattiin Siidoonaa irraa waan fagaattuuf, isiinillee biyya irraa waan fagaatteef namni dhaqqabee isii oolchu hin argamne; Leesaan dhooqa Beetiroobii keessa jirti; qachattiillee ijaaranii keessa jiraatan.
29
Maqaa qachattii sanii maqaa abbaa isaanii Israa'elii irraa dhalataniin Daan jedhanii itti baasan; maqaan qachattii sanii ka duraa Leesa'a jedhama.
30
Ijoolleen Daanii fakii bocame san ufii dhaabatan; Yoonaataan ilmi Geersaamii ilma Muuse'ee haga baniin biyya sanii booji'amutti inninii fi ijoolleen isaa gadoota worra Daanii turan.
31
Fakii bocame ka Mikkaan hojjate haga manni Rabbii ka Seeloo jiru achi jiru achuma dhaabsisan.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21