bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 15
Judges 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 16 →
1
Waan kanaan maayessa hennaa qamadii haaman Saamsoon korbeessa re'e'ee qabatee haadha manaa ufii gaafatu'uuf dhaqee, «Gara golaa seenaa» jedhe; abbaan isi'ii garuu akka inni hin seenne dhoogge;
2
Abbaan isi'ii, «Waan ati isii jibbite seeyee namicha jaala keetiititti isii heerumsiise, obboleettiin isi'ii ta maandha'aa isii caalaa hin bareedduu? bikka isi'ii yabo'oo isii fuudhi» jedheen.
3
Saamsoon, «Ani ammaa achi worra Filisxeemii irratti waan hamaa yoo godhe, waan isaaniitiif hin komatamu!» isaaniin jedhe.
4
Saamsoon dhaqee jeedala dhibba sadihii qabee jeedala lama lamaan eegee isaanii wolitti hidhe; eegee isaanii wodhakka'attillee shawaa hidhe.
5
Shawaa san ibidda itti qabsiisee miidhaan worra Filisxeemii ka dhaabatu keessa gad dhiise; ibiddi sun qixiraa isaanii, midhaan isaanii ka dhaabatu, woyinii isaaniitii fi ejersa isaaniillee hin gube.
6
Worri Filisxeemii garuu, «Eentu waan kana godhe?» jedhan; isaan, «Haadha manaa ta Saamsoonii fuudhee jaalticha isaatitti waan heerumsiiseef Saamsoonii soddaa namicha Tamina'aati» jedhan; worri Filisxeemiillee yaa'anii intalatti'ii fi abbaa isi'iillee ibiddaan guban.
7
Saamsoon, «Isinillee yoo akkana gootan ani halu isin baya; achiin maayessa hara baafadha» isaaniin jedhe.
8
Inni yoma san balaa guddaa isaanitti buusee isaan fixee gad bu'ee goda dhagaa Eexaamii jiru keessa taa'e.
9
Worri Filisxeemii yaa'ee biyya Yihuuda'aatitti quphate, lafa Leehi'iitittillee faffaca'anii keessa jiraatan.
10
Worri Yihuuda'aallee, «Wonti isin gara keenna dhuftaniif maali'i?» jedhan; isaanillee, «Saamsooniin hiinee, waan inni nu godhe nullee isa irratti godhu'uuf dhufneerra» jedhan.
11
Namoonni Yihuuda'aa namoonni haga kuma sadihii gara goda dhagaa Eexaamii bu'anii Saamsooniin, «Worri nu bulchu worra Filisxeemii akka ta'e hin beettuu? wonti ati nu irratti goote kun maali'i?» jedhaniin; innillee «Akkuma isaan na godhan anillee isaan godhe» isaaniin jedhe.
12
Isaanillee, «Nu'u si hiinee worra Filisxeemiititti si kennu'uuf dhufne» jedhaniin; Saamsoonillee, «Isinumti akka na hin ajjeefne naa kakadhaa'a» isaaniin jedhe.
13
Isaanillee, «Nu'u si hiinee isaanitti si kennina malee si hin ajjeefnu» jedhaniin; haada haarawa lamaan isa hidhanii goda keessaa isa baasan.
14
Hennaa inni gara Leehi'ii dhufe, worri Filisxeemii ililfata'aa isa simatan, Hafuurri Rabbii hunna gudda'aan isa irratti bu'e; haanni ciqilee isaatiin hidhan akkuma jirbii ibiddaan gubatee ta'e; wonti isaan hidhaniinillee harka irraa harca'e.
15
Achiin maayessa lafee boqoo harre'ee haarawa argatee hiixatee fudhatee lafee saniin namoota kuma tokkoo fixe.
16
Saamsoon «lafee boqoo harre'eetiin wol irratti isaan tuule, lafee boqoo harre'eetiin namoota kumaa fixe» jedhe.
17
Kanaan maayessa lafee qabatee ture san darbe; hulee wonti kun itti raawwatame san, «Raamaati leehi» jedhee itti baase.
18
Kanaan maayessa inni guddisee waan dheeboteef, «Mootee guddaa kana ana garbicha keetii kenniteerta ani amma dheebisaan du'aara worra hin gadoomne afo'ottillee kufa'aara» jedhee Rabbiin kadhate.
19
Rabbillee lafa dhooqaa ka Leehiin jiru baneefii isa keessaa bisaan burqinaan dhugee baffate; kanaafuu maqaa hulee sanii «Aayin haaqoree» jedhee itti baase; huleen sun haga adhaa Leehii keessa jirti.
20
Bara worri Filisxeemii biyya ufii bulchan, Saamsoonillee worra Israa'elii haga woggaa diddamaa bulche.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21