bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 6
Judges 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 7 →
1
Ijoolleen Israa'elii Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjannaan, Rabbi woggaa torbaaf dabarsee harka worra Miidiyaamii jala isaan galche;
2
Worri Miidiyaamii guddisanii ijoollee Israa'elii miidhan; Sababa worri Miidiyaamii isaan miidhaniif gaara gubba'atti boollaa fi goda midhaaffatan.
3
Waan hennaan worri Israa'elii midhaan facaafatan gayeef, worri Miidiyaamiitii fi worri Amaaleqii ka gara mirgaa jiraatan dhufanii,
4
Isaan irratti quphatanii haga Gaaza'aatitti midhaan, horii, hoolota, sangoota, harriinii fi horii isaanii maraa jalaa balleessan.
5
Worri Miidiyaamiitii fi worri Amaaleqii daase'ee fi horii isaanii fudhatanii akka gurmuu Awwaannisaatitti isaanitti duuda'aa turan; laakkobsi isaaniitii fi ka gaala isaanii bikka hin qabu; kunniin maruu lafa isaanii jalaa balleessu'uuf dhaqa'aa turan.
6
Worri Miidiyaamii waan ijoollee Israa'elii guddisanii miidhaniif ijoolleen Israa'elii gara Rabbii iyyatan.
7
Hennaa ijoolleen Israa'elii sababa worra Miidiyaamiitiif gara Rabbii iyyatan,
8
Rabbi Waandhi gara ijoollee Israa'elii raagaa erge; innillee akkana jedhe; «Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha, ani biyya Misiriitii garbummaa jalaa isin baase.
9
Ani biyya Misiriititti harka worra isin dhiibuu jalaa isin baase, isaanillee isin afo'oo ari'ee biyya isaanii isinii kenne.
10
Ani Rabbi Waaqa keessan, waaqolee tolfamaa biyya Amoorotaa ka keessa teettanii san hin sodaatinaa'a» jedhe; isin garuu waan ani isiniin jedhe hin dhageenne.
11
Kanaan maayessa maleekkaan Rabbii dhufee ganda «Oofraa» jedhamtee waamamtuu dhufee muka qilxu'uu ka Iyyo'aasii nama gosa Abi'eezarii jala taa'e; ilmi Iyyoo'aasii Geedewoon hulee woyinii itti cuunfan keessatti worra Miidiyaamii jalaa dhokatee qamadii dhayata'aa ture.
12
Maleekkaan Rabbii itti mudhatee, «Ati nama jabaa'a! Rabbi si woliin jira» jedheen.
13
Geedewoonillee, «Gooftaa kiyya! uduu Rabbi nu woliin jiraatee, maaf wonti akkanaa kun nu irra gaya? Maalaleen abboonni teenna Rabbi biyya Misirii keessaa nu baase jedhanii nutti himan meeti? amma garuu Rabbi nu dhiiseera, dabarsee harka worra Miidiyaamiititti nu kenneera» jedheen.
14
Kanaan maayessa Rabbi, «Hunnuma qabdu kanaan deemiitii Israa'eliin harka worra Miidiyaamii jalaa baasi, ani si ergeeraa» jedheen.
15
Geedewoon garuu, «Gooftaan kiyya, ani Israa'eliin worra Miidiyaamii harkaa attamiin oolcha ree? Gofti kiyya gosa Minaase'ee keessaa gosa diqqa'a, anillee mana abbaa kiyyaa keessatti maraayyuu maandha'a.» jedhee deebiseef.
16
Rabbi, «Ani si woliin jiraa waan ani si gargaaruuf worra Miidiyaamii akka namni tokko nama tokko dhawutti dhoofta» jedheen.
17
Geedewoon Rabbiin, «Yoo ani si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe, ka natti dubbata'aaru kun si ta'uu akka beeku malkata natti mudhisi;
18
haga ani kennaa midhaanii sii dhiyeessutti yabo'oo asii hin socho'in» jedheen; Rabbillee, «Haga ati deebitutti si eega» jedheen.
19
Geedewoon gara manaa galee korbeessa re'e'ee qalee, daakuu iifii kudhanii fuudhee xoroshoo raacitii hin qabne, foon koobo'otti, bisaan foonii xuwwe'etti buusee kanniin maraa qabatee muka qilxu'uu jalatti maleekkaa Rabbiitii dhiyeesse.
20
Maleekkaan Rabbii, «Foonii fi xoroshoo kana fuudhiitii dhagaa kana irra kaayiitii bisaan foonii kana garuu fuudhii isa irratti jissi» jedheen; innillee akkasuma godhe.
21
Maleekkaan Rabbii sunillee ulee harkaa qabuun hiixatee qaccee ule'eetiin foonii fi xoroshoo tuqe; hennama san dhagaa keessaa ibiddi bayee foonii fi xoroshoo sanniin nyaate; achiin maayessa maleekkaan Rabbii sun isa afo'oo dhokate.
22
Geedewoonillee hennaa san akka inni maleekkaa Rabbii ta'e hubatee, «Rabbii guddaa'a! ani maleekkaa kee argeeraa na hobbaasi!» jedhe.
23
Rabbi garuu, «Nageenni siif haa ta'u; hin sodaatin hin duutuu» jedheen.
24
Geedewoon achitti hulee ciinca'aa hojjatee, «Rabbi Waaqa nagayaati» jedhee moggaase; huleen ciinca'aa sun haga adhaallee lafa worra Abi'eezarii hulee oofraa jedhamtu san jira.
25
Rabbi galgaluma san Geedewooniin, «Sangaa abbeetii ka woggaa torbaatii fi sangaa biraallee fuudhii hulee ciinca'aa ka abbaan kee ba'aaliif ijaare diigi; waaqa tolfamaa isa bira jirtu ta ‹Asheeraa› jedhamtee waamamtu ta fakii intalaallee diigii balleessi.
26
Hulema sanitti Rabbii Waaqa keetii hulee ciinca'aa midhaassii hojjadhu; achiin maayessa sangaa lammeesso'oo fuudhiitii fakii caccabsite sanniiniin ibidda qabsiisii korma san achi irratti ciincaa aaru godhii dhiyeessi» jedheen.
27
Geedewoon garboota keessaa namoota kudhanii fuudhee akkuma Rabbi jedheen godhe; waan kana namoota qachaa san keessa jiraatanii fi gosa abbaa ufii waan sodaateef guyyaa sodaatee halkan hojjate.
28
Worri qachaa sanii ganama yoo ka'an ba'aal waandhi tolfamaan diiggamee, fakiin intalattii Asheeraa ka naannaya hulee arsa'aatitti hojjatamee ture ka diiggameeru arganii,
29
«Waan kana maaltu akkana godhe?» woliin jedha'aa yoo wol gaafatan, ka kana godhe ilma Iyyoo'aasii Geedewoon jedhan.
30
Worri qachattii sanii Iyyoo'aasiin, «Ilmi kee hulee ciinca'aa ka ba'aalii diigee fakii Asheera'aallee diigee waan caccabseeruuf ilmi kee haa du'uu gad baasi!» jedhaniin.
31
Abbaan Geedewooniillee deebisee, «Ba'aalii isintu mormaa? mo'o isintu isa hambisa? namni isaa mormu maruu boru ganama haa ajjeeffamuu; ba'aal garuu yoo Rabbiin ta'e, nama hulee ciincaa isaa diige woliin haa falmatuu!» jedhe.
32
Kanaafuu gaafuma san «Hulee ciinca'aa ka ba'aalii diigee isa woliin haa falmatuu» jedhee Geedewooniin Yiruba'aal jedhee itti moggaase.
33
Achiin maayessa worri Miidiyaamii, worri Amaaleqiitii fi namoonni baya biiftu'uu jiran wol gayanii laga Yoordaanosii ceeyanii dhooqa Iyiziraa'elii keessatti quphatan.
34
Hafuurri Rabbii Geedewooniin keessa seennaan inni xurumbaa afuufee, namoota Abi'eezarii waame; isaanillee isa faanaa deeman.
35
Gara gosa Minaase'ee maraa dhaamsa ergee isaanillee wol waaman, gara gosa Aseeriitii fi gara worra Zaabiloonii, gara gosa Niftaalemii dhaamsa erge; isaanillee yaa'anii gara isaa dhufan.
36
Kanaan maayessa Geedewoon Rabbiin, «Yoo ati ijoollee Israa'elii karaa kiyyaan isaan hambisu'uuf taate,
37
kunoo ani rifeensa hoola'aa obdii keessa kaayaa, yoo lafti gogaa ta'ee rifeensa hoola'aa caallaa irratti fixeensi bu'e, akka ati ijoollee Israa'elii naan oolchitu hin hubadha» jedhe.
38
Wonti sunillee akkuma inni jedhe ta'e; innillee ganama ka'ee rifeensa hoola'aa irraa fixeensa itti bu'e cuunfee waan bisaan itti woraaban tokko guute.
39
Geedewoon ammallee Rabbiin «Ani waa si gaafadhaa naan hin lolin; yabo'ootii ammallee qoree laalaa rifeensi gogaa ta'ee lafti martuu fixeensaan haa jiituu; kun akka malkata naa ta'u» jedheen.
40
Halkan san Rabbi akkuma inni jedhe lafa maraa fixeensaan jiisee rifeensi callaan gogaa ta'e.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21