bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 10
Judges 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 11 →
1
Haga Abemelek du'een maayessa nama gosa Yisaakoorii keessaa Tolaan ilmi Foohaa Duudii worra Israa'elii oolchu'uuf ka'ee Saamirii biyya gaaraa ka Efreemii keessa jiraate.
2
Inni worra Israa'elii haga woggaa diddamii sadihii bulchee du'ee Saamiriin keessatti awwaalame.
3
Tola'atti aanee Iyyaa'irii nama gosa Gala'aadiititu mooyee woggaa diddamii lamaaf Israa'eliin bulche.
4
Inni ijoollee dhiiraa soddomaa ta harriin soddomaa yaabbattu qaba; isaan biyya Gala'aadiititti qachoota soddoma qaban; qachoonni kunniin haga adhaa gandoota Iyyaa'irii jedhaman.
5
Iyyaa'ir du'ee Qaamoonitti awwaalame.
6
Ijoolleen Israa'elii ammallee deebi'anii Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatan; waaqolee tolfamaa worra Sooriya'aa ba'aaliimii fi Astaarootiin, waaqa tolfamaa siidoona'aa, waaqa tolfamaa worra Moo'aabii, waaqa tolfamaa ijoollee Amooniitii fi waaqa tolfamaa worra Filisxeemii waaqeffatanii Rabbiin waaqeffachuu dhiisan;
7
Rabbi guddisee worra Israa'eliitiin lolee, worra Filisxeemiitii fi ijoollee Amooniititti dabarsee isaan kenne.
8
Bara san isaan ijoollee Israa'elii guddisanii rakkisanii leelalchan; worra Israa'elii ka laga Yoordaanosiitiin gama jiranii fi worra lafa Gala'aadii biyya worra Amoorotaa keessa jiraatan maraa haga woggaa kudha saddeetii isaan miidhan.
9
Ijoolleen Amoonii gosa Yihuudotaa fi gosa Efreemiitii fi gosa Biiniyaamiitiin lolu'uuf laga Yoordaanosii gama ceeyan; worri Israa'eliillee guddisanii rakkatan.
10
Kanaan maayessa ijoolleen Israa'elii, «Rabbii keenna dhiifnee ba'aaliimiin waaqeffanneerra; sillee guddifnee yakkineerra» jedhanii gara Rabbii iyyan.
11
Rabbi garuu ijoollee Israa'eliitiin akkana jedhe; «Worri biyya Misirii, worri Amoorotaa, ijoolleen Amoonii,
12
worri Filisxeemii, worri Siidoona'aa, worri Amaaleqiitii fi worri Maa'onootaa isin hin rakkifnee? Isin gara kiyya iyyinaan, ani harka isaanii jalaa isin baase.
13
Isin garuu ana dhiiftanii waaqa tolfamaa biraa waaqeffattan; kanaafuu ani isin hin oolchu;
14
deema'aatii waaqolee tolfamaa filattan waamadhaa'a, isaan gaafa isin rakkattan isin haa oolchanii» isaaniin jedhe.
15
Ijoolleen Israa'elii Rabbiin, «Nu'u cubbuu hojjanneerra, Ati waan si gammachiisu nu irratti godhi; garuu yabo'oo adhuma nu oolchi» jedhaniin.
16
Isaan waaqa tolfamaa uf jiddu'uu dhoogganii Rabbiin waaqeffatan, Rabbillee rakkachuu worra Israa'eliititti guddisee gadde.
17
Ijoolleen Amoonii wol gayanii Gala'aaditti quphatan; ijoolleen Israa'eliillee wol gayanii Mitsipha'atti quphatan.
18
Baniinii fi bulchoonni bani'ii, «Nu'u keessaa eentu ijoollee Amooniitiin loluu jalqaba? woliin jedhan; inni namoota Gala'aadii maraa irratti bulchaa ta'a» woliin jedhan.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21