bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Judges 4
Judges 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 5 →
1
Haga Eehuud du'een maayessa ijoolleen Israa'elii Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatan;
2
Kanaaf Rabbillee mootii biyya Kana'aanii ka Atsooriin irratti mooye harka Iyyaabiisii jala isaan galche; ajajaan loltoota orma sanii Sisaaraa Aarsootiin keessa taa'u.
3
Ijoolleen Israa'elii gara Rabbii iyyan; Iyyaabiis waan konkolaataa sibiilaa dhibba sagal qabuuf ijoollee Israa'elii woggaa diddamaaf guddisee isaan rakkisa'aa ture.
4
Hennaa san raattittiin intalti Laafdootii Dibooraan haadha murti'ii ta worra Israa'elii turte.
5
Isiinillee biyya gaaraa ka Efreemii Raama'aa fi Beeteeliin jidduu muka Meexxi'ii ka muka Diboora'aa jedhamu jala teetti; achitti ijoolleen Israa'elii murtii argatu'uuf isii bira dhufa'aa turan.
6
Qaadesiin keessaa Niftaalemii fi ilma Abini'eeminii Baarqiin waamtee, «Rabbi Waandhi Israa'elii ‹Deemii gara gaara Taaborii ol bayi; «Ijoollee Niftaalemiitii fi ijoollee Zaabiloonii keessaa namoota kuma kudhanii fudhadhuutii,
7
Ani bulchaa loltoota Iyyaabisii Siisaaraa laga Qisoonii biratti isa, konkolaataa fardaatii fi banii maraa dabarsee sii kennaa› jedhe» jetteen.
8
Kanaan maayessa Baarqillee, «Yoo ati na woliin deemte, anillee hin deema, garuu yoo ati na woliin deemuu baatte anillee hin deemu› » isi'iin jedhe.
9
Isiinillee, «Ani dhugamaan si woliin deema› » garuu waan Rabbi Siisaaraa dabarsee harka dubarti'ii jala galchuuf wonti kun siif ulfinna hin ta'u jetteenii Dibooraan kaatee Baarqiin woliin gara Qaadesii deemte.
10
Baarqi Zaabiloonii fi Niftaalemiin gara Qaadesii waame. Namoonni kuma kudhaniillee isa faanaa yaa'an, Dibooraanillee isuma woliin duulte.
11
Hebeer namni gosa Qeenee ijoollee Obaabii soddaa Muuse'ee worra gosa Qeene'ee irraa fooyame; Qaadesitti dhiyaatee muka guddaa Saa'inaahimiin bira jiru biratti daasee dhaabe.
12
Ilmi Abini'eemii Baarqi akka inni gara gaara Taaborii ol baye Siisaara'atti himan.
13
Siisaaraan garuu konkolaataa fardaatii fi konkolaataa sibiilaa dhibba sagalii banii isa woliin jiran maraa Ariisootii gara laga Qisooniititti wolitti isaan qabe.
14
Dibooraan Baarqiin, «Ka'i! guyyaan Rabbi Siisaaraa harka kee jala galchu adha waan ta'eef Rabbi si afoo bayeeraa» jetteen; Baarqillee namoota kuma kudhanii qabatee gaara irraa gad bu'e.
15
Rabbi Siisaaraa konkolaataa fardaatii fi loltoota isaa maraa guraade'een Baarqiin afo'oo ari'e; hennaa san Siisaaraan konkolaataa fardaa irraa bu'ee lukaan dheesse.
16
Baarqi konkolaataa fardaatii fi loltoota isaa haga Ariisootii ari'e. Loltoonni Siisaara'aa maruu tokkollee uduu hin hafin guraade'een dhuman.
17
Mootii Azoorii Iyyaabisii fi mana Hebeerii gosa Qeenii jiddu'utti waan nageenni tureef Siisaaraan dheessee gara daasee Iyyaa'elii haadha manaa Hebeerii gosa Qeenii gaye.
18
Iyyaa'elillee Siisaaraa reebbattee, «Gooftaa kiyya homaa hin sodaatinii seeni» jetteenii jennaan, innillee daasee isi'ii keessa seene, isiinillee golga keessatti isa dhossite.
19
Innillee, «Yabo'oo dheebodheera bisaan diqqoo naa kenni» isi'iin jennaan isiinillee ottee raaso'oo afaan hiittee aannan obaaftee isa dhossite.
20
Kanaan maayessa innillee isi'iin «Gad bayii balbala daase'ee afoo dhaabadhuu yoo namni dhufee si gaafate hin jiru jettaanii» jedheen.
21
Haati manaa Hebeerii Iyyaa'el xiribbaa daase'een dhaabanii fi sukkaya ittiin gad dhooftuun fudhattee suutaan itti dhiyaattee isaa dadhabee rafa'aaru xiribbaa sibiilaatiin gurra keessaan lafatti gad hodhitee ajjeefteen.
22
Hennaa Baarqi Siisaaraa faana dhayee dhufu, Iyyaa'el ijatti baatee, «Koottu! nama ati soqa'aartu sitti mudhisaa» jetteen; innillee hennaa gara daase'ee seenu, Siisaaraa ka woraannamee du'eeru arge.
23
Gaafas Rabbi mootii Kana'aanii Iyyaabisiin ijoollee Israa'elii jalatti isa kuffise.
24
Haga mootiin Kana'aanii Iyyaabis badutti ijoolleen Israa'elii guddisanii jabaatan.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21