bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 1
Acts 1
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 2 →
1
Teewoofiloos! Ani waan Yesuus hojjachu'uu fi barsiisuu jalqabe maraa, kitaaba kiyya ka jalqabaa keessatti barreesseera; sunniinillee waan ergaa Yesuus ergamoota filate saniif karaa Ayyaana Woyyu'uutiin ajaja haga kenneen maayessa waan haga gaafa inni sami'itti ol bayuutitti ta'e.
3
Akkasuma ammoo guyyaa afurtamaaf waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ragaa hedduun rakkinna fanno'ootiin maayii jiraataa ta'ee isaanitti uf mudhise.
4
Hennaa isaan woliin jiru Yeruusaalemiin keessaa akka hin baane isaan ajaje. Haata'uu ammoo, «Ka narraa dhageettan dubbii abdi'ii ka Aabbaan kenne eegaa'a»
5
«Yohaannis waan bisaaniin cuupheef, isin ammoo guyyaa diqqo'oon maayii Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan» jedhe.
6
Isaanillee hennaa wolgayan, «Gooftaa kennaa! Ji'a kanatti mootummaa Isiraa'elii hin deebiftaa?» jedhanii gaafatan.
7
Innillee, «Ji'oota fi woggoota Aabba baallii ufiitiin murteesse beekuun isinii hin kennamne.
8
Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hennaa isin irratti bu'e, hunna argattan; Yerusaalemii fi Yihuudaa maraatti Samaariya'aa haga daangaa lafaa ragaa kiyya taatan» jedhe.
9
Kana haga dubbateen maayii uduma isaan isa argan gara sami'ii ol fudhatame; duumeessillee ija isaanii afo'oo isa dhosse.
10
Inni deemnaan gara sami'ii xiinxallanii uduu lala'aaran namoonni lamaan uffata adii uffatan ladda isaanii dhaabatan.
11
«Namoota Galiila'aa, maaf dhaabattanii gara sami'ii laaltan? Yesuusiin isin biraa gara sami'ii baye kun akkuma hennaa deemu argitan akkasuma deebi'ee hin dhufa» isaaniin jedhe.
12
Hennaa san gaara ejersaa ka jedhamu irraa gara Yerusaalemii deebi'an. Inni kun Yerusaalemiin irraa diqqoo fagaata.
13
Hennaa seenan gara mana mana gubba'aa ol bayan. Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiriyaas, Filiphoos, Tomaas, Bertelomeewoos, Maatewoos, ilmi Ilfiyoosii Yaaqoob, ka hinaafaa jedhamu Simoonii fi Yihuudaa ilma Yaaqoobii fa'a.
14
Kunniin maruu dubartootaa fi haadha Yesuusii Maariyaamii fi obboleeyyan woliin yaada tokko ta'anii faateffachu'uun jabaatan.
15
Ji'a sanniin keessa Pheexroosii fi namoota dhibbaa fi diddamaa obboleeyyan isa woliin jiran wodhakkaa dhaabateeti akkana jedhe.
16
«Obboleeyyan tiyya! Worra Yesuusiin qabaniif bulchaa ta'ee Ayyaana woyyu'uun afaan Daawitiitiin dura wonti dubbatame sun haa raawwatamuu.
17
Nu keessatti laakkawamee waan tureef, tajaajila kanaaf hiree argate.
18
Namichi kun gatii hujii hammeennaan hojjatee argateen lafa bite, kalachaanillee kufee wodhakka'atti baqaqee, madhumaan garaa isaa martinuu hin jige.
19
Wonti kun worra Yerusaaleemiin jiraatan maraa biratti hin beekame. Kanaafuu lafti sun afaan isaaniitiin «Akeldaamaa» jedhamee waamame. Hiikkaan isaallee «Lafa dhiigaa» jechu'u.
20
Kitaaba faarfanna'aa keessatti, ‹Jireenni isaa lafa gammoojji'ii haa ta'u; womaa keessa hin jiraatin›; akkasuma ammoo, ‹Baallii isaallee ka biraa haa fudhatuu› jedhamee waan barraayeeruuf.
21
Kanaafuu cuuphaa Yohaannisiitii jalqabee haga guyyaa nu biraa ol bayeetitti Gooftaan Yesuus nu jidduu bara jiraate namoota nu woliin jiran keessaa, tokko nu woliin ragaa du'aa ka'uu isaa ta'uu barbaachisa.
23
Iyoosxos barsiyaa Yooseef jedhamuu fi Maatiyaasiin lamaanuu dhaabsisanii,
24
Hennaa faateffatan, «Gooftaa'a, ati ka garaa nama maraa beettu hulee Yihuudaan dhiisee gara fedha ufii deeme saniif hujii ergamu'uu kana akka huju,
25
namoota lamaan filatte kanniin keessaa tokko muudi» jedhan.
26
Hixaa isaanii buusanii, hixaanillee Maatiyaasiin gayee, ergamtoota kudha tokkoon wolitti laakkayame.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28