bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 7
Acts 7
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
1
Bulchaan gadootaallee, «Dubbiin kun akkanaa?» jedheen.
2
Innillee akkana jedhe, «Obboleeyyanii fi abboota tiyya, dhagayaa'a! Waaqa ulfinnaa, Abbaa keenna Abrahaamiin uduu inni biyya Kaaraanii hin dhaqin lafa laga lamaan jiddu'utti itti mudhatee,
3
‹Biyya keetii fi Firoota kee keessaa bayiitii gara biyya ani sitti mudhisuu koottu› jedheen.
4
Hennaa san biyya Kaladaawootaatii bayee Kaaraaniin taa'e. Achiillee haga abbaan isaa du'een maayii gara biyya adha isin keessa jiraata'aartan kanatti isa baase.
5
Achitti lafa haga taakkuu takkattii taatuu hin kennineef. Haata'uu ammoo uduu inni ilma hin arganne isaaf worra isaan maayessaallee fiixaa isaatii akka ristii kennuuf waadaa galeef.
6
Rabbillee, ‹Fiixaan isaa biyya biraatitti galtoota akka ta'aniif woggaa dhibba afuriif garboota akka isaan godhaniif akka isaan rakkisan dubbate.
7
Akkasuma Rabbillee akka garbootaatitti banii isaan bulchan irratti ani isaaniitti murteessa. Achiin maayii hin bayan. Bakka kanatti na kaddaaman› jedhe.
8
Waadaa sirna gadoomaallee hin keenneef. Akkasuma Yisaaqiin uumatee guyyaa saddeetaffa'aatitti gadoomse. Yisaaqi Yaaqoobiin, Yaaqoobillee abboota gosa kudha lamaa uumate.
9
«Obboleeyyan Yooseefii isatti hinaaftee garbicha akka ta'uuf biyya Misiriititti gurguratteen. Rabbi ammoo isa woliin ture.
10
Rakkinna maraa keessaa isa baaseenii mootii Misirii afoo Fari'ooniititti gaacheenaa fi ogummaa kenneef, Misirii fi mana isaa maraa irrattillee ajaja'aa fi bulchaa jaalatame godhee isa muude.
11
Biyya Misiriitii fi Kana'aaniin maratuu beelaa fi rakkoo gudda'atu dhufe abbootiin teennallee waan nyaatan dhaban.
12
Yaaqoobi midhaan biyya Misirii jiraachuu haga dhagaye; dura abbootii teenna erge.
13
Hennaa isaan deebi'anii gara Misirii dhaqan; Yooseef eennummaa ufii obboleeyyan ufiititti hime. Fiixaan Yooseefillee Fari'ooniin biratti beekkame.
14
Yooseefillee abbaa ufii Yaaqoobii fi maatii ufii namoota torbaatamii shanii firoota isaa maraa ergee waamsise.
15
Yaaqoobillee gara biyya Misirii bu'e, inniniif ilmaan isaallee achitti du'an.
16
Lafeen isaaniillee gara lafa Seekeem jedhamuu geeffamtee hulee lafa awwaala Abrahaam birrii ufiitiin abbaa Seekeemii ijoollee Eemoorii irraa bitetti isaan awwaalan.
17
Hennaa barri Rabbi Abrahaamiif waada gale dhiyaate, mootiin Yooseefiin hin beenne ka biraa haga mooyuutti baniin Misiritti yookiin Misiriin keessatti baayi'ate.
19
Innillee worra keenna miidha'aati da'imman jireennaan akka hin jiraanne gara diidaa akka gatan godhee abbootii teenna rakkise.
20
Hennaa san Muuseen dhalate. Innillee Rabbiin afo'otti bareedaa ture. Mana abba'aa keessallee ji'a sadihii jiraate.
21
Inni hennaa alatti gatame san mucattiin Fari'oonii kaafteenii akka ilma isi'ii ta'uuf guddifte.
22
Muuseen ogummaa Misirii maraa baratee dubbiia fi huji'iinillee jabaate.
23
Haata'uu ammoo woggaa afurtamaa hennaa guutu obboleeyyan ufii ijoollee Isira'elootaa tooyatu'uuf garaa ufii keessatti yaade.
24
Uduu namni Misirii tokko nama Isiraa'elii tokko miidhu argee, gargaareenii namicha Misirii dhayee ajjeesse.
25
Obboleeyyan isaallee Rabbi karaa isaatiin wolaba akka isaan baasu waan hubatan isatti fakkaate. Isaan ammoo hin hubanne.
26
Bariisaa uduu isaan wol lolan argee, Araarsu'uuf barbaadee jarana isin obboleeyyan maaf wol miitan? isaaniin jedhe.
27
Ka hiriyyaa ufii miidha'aaru ammoo bulcha'aa fi murteessaa akka taatu nurratti eentu si muude?
28
Mo'o akkuma kaleessa namicha Misirii dhooftee ajjeefte nallee ajjeesuu kajeeltee? jedhee darbeen.
29
Muuseenillee sababa dubbii kanaatiif dheesee biyya Midiyaamiititti galtuu ta'ee jiraate. Achiti ijoollee lamaa uumate.
30
Woggaa afurtamaan maayii Maleekkaan Goofta'aa gaara Siina'aa ka lafa udume'ee biratti saatoo gubatu keessaan arraba ibiddaatiin itti mudhate.
31
Muuseenillee argee, waan arge san maalalfatee, laalu'uuf yoo itti dhiyaatu, sagaleen Goofta'aa, ‹Ani Waaqa abboota keetii, Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii ti› jedhee gara isaa dhufe. Muuseenillee hollata'aati laaluu sodaate.
33
Gooftaanillee, ‹Bakki dhaabatteertu bakka qulqulloofte waan taateef kophee luka keetii baafadhu.
34
Rakkinna banii kiyyaa ka Misiriin keessa jiran maraa argeera; iyyansa isaanii dhagayu'uuf bu'eera; ammallee koottu gara Misirii si ergaa› jedheen.
35
Bulcha'aa fi abbaa murte'ee akka taatu eentu si muudee? jedhanii Muusema ganan kana Rabbi karaa maleekka'aatiin saatoo keessatti itti mudhatee, muudama'aa fi furaa taasisee isa erge.
36
Namni kun biyya Misiriititti galaana diimaa lafa gammoojji'iititti woggaa afurtamaa maalale'ee fi malkata godha'aa isaan baase.
37
Namni kun ijoollee Isiraa'eliitiif, ‹Rabbi obboleeyyan keessaa, raaga akka kiyyaa isinii kenna› isa dhagayaa'a jedhee namni isaanitti dubbate Muusema kana.
38
Namni kun ka gaara Siina'aatitti Maleekkaan itti dubbate saniif ka abboota keenna woliin lafa gammoojji'ii keessa ture. Dubbii jireenna qabu kana nuu kennu'uuf Rabbiin irraa fudhate.
39
Abbootiin keenna isaa ajajamuu didan. Haata'uu ammoo uf irraa isa dhiiban. Yaada ufiitiin gara biyya Misirii deebi'an.
40
Isaan Aarooniin, ‹Muuseen biyya Misirii keessaa nu baase waan ta'e wollaallee, ka'ii waaqota nu afoo deeman nuu huji› jedhaniin.
41
Hennaa san keessa waaqa tolfamaa ka waatii irraa tolfame fakkeessanii hojjatanii, waaqa tolfamaa sanii ciincaa dhiyeessanii, hujii harka ufiititti gammadan.
42
Rabbi ammoo isaan irraa garagalee urjoota sami'iitiif akka sagadan dabarsee isaan kenne. Kunillee akkuma Kitaaba raattotaa keessatti barreefame, isin banii Isiraa'elii woggaa afurtamaa gammoojjii keessatti horii qalmaatii fi ciincaa naa dhiyeesitanii?
43
Fakii itti sagadu'uuf hojjatan, dukaanaa «Molookii» tii fi fakii urjii waaqa keessanii ka «Reemifuum» jedhamu harka keessaniin hojjattanii kaddaamtaniirtan. Kanaaf Anillee gara biyya baabilooniin gamaa isin dabarsa jedhamee barreeffameera.
44
«Akkuma fakii argitee san Abbootiin teenna gammoojjii keessatti dukkaana ragaa bayu'uu qaban. Dukkaanaan sunillee akka Rabbi Muuse'eetti mudhisetti ta hojjatamte.
45
Abbootiin teennallee akkasuma abbootii ufii irraa fudhatanii, biyya banii Rabbi isaan afoo ari'ee baase sanitti Iyyaasuu woliin galchan. Dukkaanaan sunillee haga bara Daawitii jiraatte.
46
Innillee Rabbiin afo'otti gacheena argatee Waaqa Yaaqoobiitii mana ijaaru'uuf Waaqa kadhate.
47
Haata'uu ammoo Salamoontu Rabbii mana ijaare.
48
Haata'uu ammoo raattichi, ‹Samiin teessoo tiyya; laftillee ejjata luka kiyyaa ti. Mana attamii naa ijaartan? Yookiin bakki itti harabaafadhu kam? Kana maraa harka kiyyatu hojjatee mii? Akkuma jedhe; Rabbiin guddaan mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu.›
51
«Isin worra mataa jabeeyyi'iitii fi worra onneen teessan duude fi worra gurri keessan hin dhageenne, isin akkuma abboota keessanii hennaa maraa Ayyaana Woyyuu mormitan.
52
Raattota keessaa namni abbootiin keessan itti ka'anii hin ariine eennu? worra dhufa woyyichaa firrisanii dubbatan ajjeesaniiru. Worri karaa Maleekkotaatiin seera fudhatanii fayyadamuu hin eenne. Isinillee amma dabarsitanii isa kennitan hin ajjeeftaniinillee.»
54
Hennaa kana dhagayan guddisanii aaranii ilkaan itti ciniinnatan.
55
Inni Ayyaana Woyyu'uun guuttamee gara sami'ii xinxallee hennaa ol laalu ulfinna Rabbiitiif Yesuusiinillee mirga Rabbii ka dhaabate argee,
56
Samiin banamtee Ilmi Namaa mirga Rabbii ka dhaabateeru arga'aara jedhe.
57
Guddisanii Laagaa ol qabatanii iyya'aa gurra isaanii qabatanii yaada tokkoon ta'anii gara isaa fiigan.
58
Qachaa keessaa gara diidaa baasanii dhaga'aan tuman. Worri raganillee uffata isaa luka dargaggeessa Saa'ool jedhamu tokko jala kaayan.
59
Hennaa isaan Isxifaanosiin dhaga'aan tuman, inni Gooftaa kiyya lubbuu tiyya fudhadhu jedhee kadhate.
60
Jilbiinfatee Gooftaa kiyya cubbuu kana isaanitti hin laakkayin jedhee laagaa ol qabatee iyyee du'e. Saa'oolillee ajjeefamuu isaatitti jaraan woliigale.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28