bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 11
Acts 11
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 12 →
1
Ergamtoonniinii fi obboleeyyan Yihuudaa jiran akkasuma worri Yihuudota hin taane dubbii Rabbii akka fudhatan dhagayan.
2
Pheexroosillee gara Yerusaalemii hennaa dhufe, worri gara worra gadoomanii isaan wol mormanii,
3
«Ati mana worra hin gadoomnee sentee isaan woliin nyaatte» jedhaniin.
4
Pheexroos ammoo jalqabaa kaasee duraa duubaan akkana jedhee isaanii ibse.
5
«Ani qachaa Iyyoophe'eetitti uduu faateffata'aaru, yaada keessa ta'ee manaaba arge; meeshaan guddaan woccuu fakkaatu kallattii arfaniinuu wol qabatee sami'ii bu'eeti gara kiyya dhufe.
6
Waan sanillee yoo guuttadhee laalu beelladoota luka afurii, bineensota bosonaa, uumama lafa irra looyanii fi simbirroota sami'illee arge.
7
‹Pheexroos, ka'ii gorra'ii nyaadhu!› laagaa jedhu dhagaye.
8
Anillee, ‹Gooftaa kiyya! Hin ta'u; waan battaaya'aa fi ka tuffatame horomaa afaaniin qabee waan hin beenneef› jedhe.
9
Ammallee ka Rabbii qulqulleesse ati hin batteessin laagaan jedhu sami'ii naa dhufe.
10
Wonti kun hennaa sadi ta'e, deebi'ee maruu gara sami'ii fudhatame.
11
Hennaa san namoonni sadihii Qisaariya'aa gara kiyya ergamanii gara mana ani jiruu dhufan.
12
Ayyaanni uduu hin mamin isaan woliin akka deemu natti hime, obboleeyyan jahan kunniin ammoo na woliin dhufanii gara mana nama sanii seene.
13
Innillee akka Maleekkaan mana isaa keessa dhaabate arge, Maleekkaanillee gara Iyyoophe'ee namoota ergiitii Simo'oonii Pheexroos jedhamu waamsisi;
14
innillee atii fi namoonni mana keetii maruu waan ittiin fayyitan isinitti hima akka jedheen nutti hime.
15
Akkuma ani dubbachuu jalqabeen Ayyaanni Woyyuun akkuma duraan nurratti bu'e isaan irrattillee bu'e.
16
‹Yohaannis bisaaniin cuuphe, isin ammoo Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan› ka jedhu dubbii Goofta'aa qaabadhe.
17
Eeganaa Rabbi nu worra Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanne kanaa akkana yoo kenne, isaaniillee akkasuma yoo kenne waan kana Rabbiin dhooggu'uuf ani dandeettii qabaa?»
18
Isaan hennaa kana dhagayan cadhisaniiti, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galateeffatan.
19
Sababaa rakkinna Isxifaanoosiin irra gayeetiin worri bittinaayan finiqee Qophiroosiif, haga Anxookiya'aa deemanii dubbii Rabbii Yihuudota calla'atti himan malee, ka biraa eennuttuu hin himne.
20
Isaan keessaa ammoo namoonni Qophiroosiitii fi Qareenaa taa'an tokko tokko gara Anxookiya'aa dhufanii Oduu Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii lallaba'aa namoota Giriikiitittillee himan.
21
Harki Goofta'aallee isaan woliin ture. Namoonni hedduu amananii gara Goofta'aa deebi'an.
22
Oduun kun Woldaa kiristaanaa ta Yeruusaalemiin keessa jirtutti dhagayame, Barnaabaasiinillee gara Anxookiya'aa ergan.
23
Innillee achi dhaqee badhaadhummaa Rabbii haga arge hin gammade; marti isaaniituu fedha garaa isaaniitiin Goofta'aan jabaatanii akka jiraatan gorse.
24
Inni nama mishaa ka Ayyaana Woyyu'uu fi ka amantaa qabu waan tureef, baniin hedduu Goofta'atti amanan.
25
Barnabaasillee Saa'ooliin soqu'uuf gara Xeerseesii dhaqe; hennaa isa arge gara Anxookiya'aa isa fide.
26
Woldaa kiristaanaatitti woggaa tokko guutuu wolitti qabamanii banii hedduu barsiisan. Darasoonnillee hennaa jalqabaatiif Anxookiya'atti, «Kiristaana» jedhamanii waamaman.
27
Ji'ootuma san keessa raattoonni Yerusaalemiin irraa gara Anxookiya'aa dhaqan.
28
Isaan keessaa namichi Agaabos jedhamu tokko ka'eeti adunyaa maraa irratti beelli akka dhufu Ayyaana Woyyu'uun isaanitti hime; wonti kunillee bara Qelaawudeewoos Qeesarichaa ta'e.
29
Darasoonni marti isaanii akkuma dandeettii isaaniitiin waa wolitti baasanii obboleeyyan Yihuudaa keessa jiraataniif gargaarsa ergu'uuf murteeffatan.
30
Isaanillee akkasuma godhan. Barnaabasii fi Saa'olitti kennanii gara manguddoota woldaa Kiristaanaatitti ergan.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28