bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 24
Acts 24
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
1
Guyyaa shaniin maayii gadichi hayyichi Hannaaniyaan mangudooninii fi beekaa seeraa ka Xarxaluus jedhamu tokko woliin gad dhufee, isaan waan Phaawuloosii bulchaa biyyaatitti iyyatan.
2
Hennaa waamame Xarixaluus akkana jedhee isa himachuu jalqabe.
3
Kabajjamaa Filiksi karaa keetiin nagaya guddaa waan argannuuf, banii kanaafillee yaada keetii fi dubbii keetiin biyya maraaf bakka marattillee wonti mishaan waan ta'uuf galata guutu'uun fudhanna.
4
Haata'uu ammoo kana caalaa guddisee si hin tursiisu, hennama diqqoo gara-laafumma'aan akka nu dhageettu si kadhadha.
5
Namni kun akka dhibe'ee ta'ee Yihuudota adunyaa irra jiran maraa booressa'aa, worra barumsa sobaa barsiisaniif gosa worra filatameetiif masakkaa ta'ee waan argineef.
6
Hennaa mana woyyuu xureessu'uuf yaalu qabneen; [akka seera keennaatitti itti murteessuu yaannee turre.
7
Haata'uu ammoo ajajaan loltuu kumaa Lusiiyoos dhufee, hunnaan nu harkaa fudhate.
8
Worra isa himatanillee akka gara kee dhufan ajaje.] Atuu isa qorattee waan nu isa himannu maraa beekuu hin dandeetta.
9
Yihuudonnillee ammoo wonti kun akkasuma jedhanii wolii galan.
10
Hennaa bulchaan ijaan dhaye, Phaawuloos akkana jedhe. «Ati bara dheera'aaf banii kanaa ka murtii kennu akka taate waan beekuuf gammada'aati waan naan jedhan kanaa deebii deeffadha.
11
Sagadu'uuf gara Yerusaalemii haga baye, guyyaa kudha lamaa akka ta'e atuu beekuu hin dandeetta.
12
Nama tokkollee yookiin ummata wolitti qabee, mana woyyu'uutitti, mana sagada Yihuudotaatii fi qacha'aattillee na hin argine.
13
Ammallee waan na himataniif sitti himuu hin danda'an.
14
Haata'uu ammoo waan kana ragaa sii baya. Waan seera keessa jiru ka raattotaan barreeffame maraa amanee ka isaan barumsa ‹Dogoggoraati› jedhanii waaman maqaa Waaqa abboota kiyyaa kaddaama.
15
Worri qajeelaanii fi ka qajeelaa hin taanellee du'aa akka ka'an akkuma isaan Rabbiin abdatan, anillee Rabbiin irraa abdii qaba.
16
Kanaafuu ani ammoo Rabbii fi nama afo'otti hennaa maraa ka mudaa hin qabne sammuu qulqullaayaa akka qabaadhuuf jabaadha.
17
Woggaa hedduun maayii banii kiyyaa kenna'aa fi ciincaa godhu'uuf dhufe.
18
Kana godha'aa uduu jiru, baniinillee uduu wol hin geenne, uduu hin shibbiroofne, mana woyyuu keessatti uduu qulqullaaya'aaru na argan.
19
Haata'uu ammoo Yihuudonni gariin waan na himataniin waan qabaniif Isiya'aa dhufaniiran.
20
Wodhakkaa isaanii dhaabadhee, laagaa kiyya ol qabadhee, ‹Worri du'an hin ka'an› waan jedheef, adha murtii yaa'i'ii afoo dhaabadhe, waan hamaa tokko yoo na irratti arganiiran ta'e, mee isaan kunniin haa dubbatanii.
22
Filiksi ammoo karaa dubbii isaanii sirri'itti waan beekeef, ajajaan loltuu kumaa Luusiyoos hennaa gad dhufe dubbii teessan hin mura jedhee haagana'aan tursiise.
23
Achiin maayeesa, inni ajajaa loltuu dhibbaa ka Phaawuloosiin eeguun, «Eedoo itti furi, worri firaallee hennaa waan isa barbaachisu fidaniif yookiin yoo gara isaa dhufan isa irraa hin dhooggin» jedhee ajaje.
24
Guyyaa hago'oon maayessa Filiksi haadha manaa ufii ta Diruusillaa jedhamtu ta gosa Yihuudi'ii woliin dhufee, Phaawuloosiin waamsisee, waan Yesuus Kiristoositti amanu'uu waan Phaawuloos dubbatu dhagaye.
25
Innillee waan qulqullinnaa, waan mataa ufii tooyatu'uu, waan murtii dhufu'uuf jiruu dubbata'aa uduu jiru, Filiksi sodaatee, «Amma deemi; hennaa naa tole ergee si waamsisaa» jedhee deebise.
26
Filiksi Phaawuloosiin irraa birrii fudhatee, hennama san hiiku'uunii waan barbaadeef, hennaa hedduu isa waamsisa'aa qaassa'aanii ture.
27
Woggaa lamaan maayii, Phorikiyoos Fisxoos bakka Filiksii bulchaa ta'e. Filiksillee Yihuudota gammachiisu'uuf jedhee, Phaawuloosiin hidhaa keessatti dhiise.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28