bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 17
Acts 17
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
1
Anfiiphoolii fi Aphooloniyaallee haga lufaniin maayii gara Tasolonqe'ee dhufan. Achi mana sagada Yihuudotaatitu jira.
2
Phaawuloos akkuma barate gara isaanii seene haga Sambataa sadihiitiif isaan woliin kitaaba keessaa eera'aa hima'aa ture.
3
Yoo hiikullee Kiristoosiin irra rakkinni akka gayu du'aa ka'uun isaaf akka ta'u, isaan hubachiisa'aa, «Yesuusiin ani isiniif lallabu kun inni Kiristoos» jedha'aa ture.
4
Isaan keessaallee gariin hubatanii worri Rabbiin kaddaaman namoonni Giriikotaa dubartonni kabajjamoonnii heddu ta'an, Phaawuloosii fi Sillaasiin wol ta'an.
5
Yihuudonni ammoo hinaafanii namoota hujii hiikan hammeeyyii fidaniiti baniillee wolitti qabanii qachaa booressan, gara bani'ii isaan dhiyeessuu fedhanii gara mana Iyyaasoonii dhaqan.
6
Hennaa arguu dhaban Iyyaasoonii fi obboleewwan gari garii gara bulchoota qachaa ufii harkisanii, «Worri adunyaa booressan kunniin, garanallee dhufaniiran.
7
Iyyaasoonillee mana ufiititti isaan fudhaateera; isaan maruu, ‹Mootiin biraa ka Yesuus jedhamu hin jira› jedha'aa ajaja Qeesarii morman» jedha'aa iyyan.
8
Bani'ii fi bulchoonni qacha'aa hennaa waan kana dhagayan keessi isaanii booraye.
9
Iyyaasoonii fi worra isaan woliin jiran wobii waamsisanii gad dhiisan.
10
Yomasan obboleewwan Phaawuloosii fi Sillaasiin halkanniin gara Beeriya'aa isaan erganiin, hennaa achi gayanillee gara mana sagada Yihuudi'ii seenan.
11
Kunniin worra Tasoloonqee jiran irraa caalaa worra yaada misha'aa waan ta'aniif, dubbiin kun akkana ta'innaa? jedha'aa guyya guyya'aan kitaaba qorata'aati dubbii Rabbii fedha guutu'uun fudhatan.
12
Kanaafuu isaan keessaa Giriikonni hedduu, dubartoonni kabajjamoonii fi dhiira laakkofsaan heddu ta'antu amanan.
13
Yihuudonni Tasolonqee jiran ammoo akka Phaawuloos Beeriya'atti akkasuma dubbii Rabbii lallabe hennaa beekan, garasillee dhufanii banii booreessan.
14
Hennaa san obboleewwan yomasan Phaawuloosiin haga galaanaa akka deemu ergan. Sillaasii fi Xiimotewoosillee achitti hafan.
15
Worri Phaawuloosiin geegessan ammoo haga Ateena'aa geessaniin. Haga isaanii danda'ameen dadafanii gara isaa akka dhaqan gara, «Sillaasiitii fi Ximootewoosii ajaja qabatanii deeban.»
16
Phaawuloos Ateena'atti uduu isaan eega'aaru waaqoleen tolfamaan qachaa keessa ka baayi'ataniiran argee, aaree garaan gubate.
17
Kanaafuu mana sagadaa Yihuudotaatii namoota Rabbiin kaddaaman woliin guyya guyya'aan worra gabayaa keessatti arge woliin dubbata'aa ture.
18
Worra Efiqoroos ogeeyyota Istookoos worra jedhaman gari gariin isaan wol argan, gariin ammoo, «Kun qaaqilichi maal dubbatuu barbaada?» jedhan. Gariin waan Oduu Nagayaa du'aa ka'uu Yesuusii waan isaanitti lallabeef, «Waan waaqolee haarawaa waan dubbatu fakkaata» jedhan.
19
Isa qabanii, «Barumsi haroofni ati dubbattu kun maal akka ta'e beekuu dandeennaa? Waan haarawa waan nutti himteef.
20
Eeganaa wonti kun maal akka ta'e beekuu feena» jedhanii gara hulee Ariyoosfagoos jedhamuu fidaniin.
21
Namoonni Ateena'aa maruu keessummoonni achi jiraatan, dubbii haarawa dubbachu'uu fi dhagayuu malee hujii biraa waan hin qabneef.
22
Phaawuloos wolgeettii Ariyoosfaagoositti isaan jidduu dhaabatee akkana jedhe, «Namoota Ateena'aa isin waa maraanuu Waaqolee tolfamaa guddiftanii akka sodaattan hin arga'aara.
23
Waan kaddaamtan laala'aa yoo deemu, barreeffama ‹Waaqa hin beekkamneef› jedhullee mi'a kennaa Rabbii itti dhiyeessan argeera. Eegasuu ka uduu hin argine kaddaamtan kana kunoo ani isinitti hima.
24
Waaqa adunya'aa fi waan adunyaa keessa jiru maraa uume, inni Gooftaa ardi'ii fi sami'ii waan ta'eef, mana woyyuu ka harka namaatiin ijaarame keessa hin jiraatu.
25
Inni jireennaa fi ayyaana waan maraa maraayyuu waan kennuuf, akka waan waa jalaa hanqatee, waan harki namaa hojjatetti hin fayyadamu.
26
Maal laataa yoo ka qoru'uun bira gayan ta'e Rabbiin akka soqaaniif ardii maraa irra akka jiraataniif gosa ilmaan namaa maraa nama tokkicha irraa uume. Baroota murtaayeef daangaa lafaa irra jiraatanillee isaanii kenne. Haata'uu ammoo nu maraa irraa ka fagaatee miti.
28
Isin keessaa worri weeddisuu beekan gari gariin akkasuma, ‹Nullee firoota isaati› jedhanii akkuma dubbatan, isaan jiraattota waan taaneef, hin sosochoona hin jiraannalle'e.
29
Eeganaa nu firoota Rabbii yoo taane, ‹Waaqa fakii worqi'ii yookiin birrii yookiin dhagaa irraa yaada ogummaa namaatiin hojjatame fakkaata› jennee yaaduu nu hin barbaachisu.
30
Eeganaa Rabbi ji'oota wollaalaan dabarse amma bakka marattuu aagii akka galan nama maraa ajaja.
31
Inni haaganaa waan qabeeruuf guyyaa san harka nama qopheessee saniin adunyaa irratti qajeellumma'aan murteessu'uuf ta'a. Kanaafuu worra du'e keessaa isa kaasu'uun maraa mirkaneesseera»
32
Hennaa waan worra du'aa ka'uu dhagayan, gariin isatti baldan, gariin ammoo «Waan kana hennaa biraa si irraa dhageenna» jedhaniin.
33
Kanaaf Phaawuloos jidduu isaaniitii baye.
34
Worri dhiiraa gariin wolii galanii amanan. Isaan keessaa akkasuma Diiyaanasoos abbaa seeraa ka mana murtii Ariyoosfaagoos jiru, dubartiin Damaaris jedhamtu takkaa fi kuuwanillee isaan woliin turan.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28