bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 10
Acts 10
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
1
Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko biyya Qisaariya'aa keessa jiraata'aa ture. Inni kun kutaa woraanaa worra Rooma'aa ka Ixaalqaa jedhamee waamamuuf ajajaa loltuu dhibbaa ti.
2
Inni maatii ufii maraa woliin nama Rabbiin kaddaamuu fi nama Rabbiin sodaatu bani'iillee keenna hedduu kenna'aa; hennaa maraa Rabbiin faateffata'aa ture.
3
Guyyaa keessa gara sa'aatii sagaliititti «Qorneelewoos» jedha'aa maleekkaan Rabbii hennaa manaabaan gara isaa seenu addaata'aatti arge.
4
Innillee hennaa guuttatee isa laalu nayee, «Goofta'a maali'i?» jedhe. Maleekkaanillee akkana isaan jedhe, «Faateen keetii fi hiyyeeyyii gargaaruun kee Rabbiin afo'otti yaadatameera.
5
Ammallee gara worra Iyyoophe'ee namoota ergiitii, nama Pheexroos jedhamu Simooniin fijisiisi.
6
Innillee keessumumma mana namicha gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa jiruu taa'eera. Inni waan ati gootu sitti hima.»
7
Maleekkaan isatti dubbate sun haga biraa deeme garboota mana isaa keessaa nama lamaan worra loltuu isaaf amanaman keessaa nama Rabbiin kaddaamu tokko waamee,
8
Waa maraa isaanitti himee gara Iyyoophe'ee isaan erge.
9
Isaanillee bariisaa deemanii gara qacha'aa hennaa dhiyaatan, Pheexroos gara sa'aatii jahaatitti faateffachu'uuf gara gamo'oo ol baye.
10
Hennaa san Pheexroos beelayee waan nyaatu barbaadee uduu waan nyaataa qopheessa'aafii jiran manaabaan,
11
Samiin banamtee kallattii arfaniinuu waan woyaa fakkaatu ka wol qabateeru kallattii arfaniinuu gara lafaa yoo bu'u arge.
12
Achitti bineensoonni luka afur qaban worri lafa irra sosocho'an maruu Simbirroonni sami'iillee keessa turan.
13
«Pheexroos ka'iitii goorra'ii nyaadhu!» laagaan jedhu gara isaa dhufe.
14
«Gooftaa kiyya hin ta'u! waan battii tuffatame tokko sirimaa nyaadhee hin beeku» jedhe.
15
Deebi'eellee lammaffaa, «Waan Rabbi qulqulleesse ati hin batteessin» laagaa jedhu dhagaye.
16
Wonti akkanaa Kun hennaa sadi ta'e, yomasan meeshaan gara sami'ii ol fudhatame.
17
Pheexroosillee waan manaaba arge saniif maal inni jedhee onnee isaatiin uduu mamu kunoo namoonni Qorneelewoos erge waan mana Simoonii gaafatanii, gara balbalaa dhiyaatan.
18
Isaan laagaa ufii ol qabatanii, «Keessummaan Simoon Pheexroos jedhamu as jiraa?» jedhanii gaafatan.
19
Pheexroos waan manaabaa uduu yaada'aa jiru Ayyaanni, «Kunoo! Namoonni sadihii si soqa'aaran.
20
Ka'iitii gad bu'i; ka isaan erge ana waan ta'eef uduu hin mamin isaan woliin deemi» jedheen.
21
Pheexroosillee gara namootaa gad bu'ee, «Namni soqa'aartan ana; maali'iif dhuftan?» jedhe.
22
Isaanillee deebisanii, «Nu ajajaa dhibbaa ka Qorneelewoos jedhamu biraa dhufne; inni qajeela'aa fi nama Rabbiinillee sodaatu ka Yihuudota maraa biratti kabajjama'aa fi ka maqaa mishaa qabu; inni gara mana ufii si waamsisee, waan ati jettu akka dhagayu, maleekkaan woyyuun isatti dubbate» jedhanii deebisaniif.
23
Innillee mana seensisee, isaan keessummeesse. Bariisaa ka'ee isaan woliin deeme; amantoota Iyyoophee jiran keessaallee gariin isa woliin deeman.
24
Guyyaa itti aanullee qachaa qisaariya'aatitti galan Qorneelewoosillee firoota isaaniitii fi goshoota ufii wolitti waamee, isaan eega'aa ture.
25
Pheexroosillee hennaa seene Qorneelewoosiin argeeti luka isaa jalatti kufee sagadeef.
26
Pheexroosillee, «Ka'i! Anillee namuma akka keetii ti» jedhee isa kaase.
27
Isa woliin qaaqa'aa mana seene; namoonni hedduu ka wol gayaniiran argee,
28
«Namni Yihuudi'ii gosa biraa woliin taa'uu yookiin itti dhiyaachuun akka seera hin taane isinuu hin beettan; anatti ammoo Rabbi nama kamiinuu battaaya'aa fi ka tuffatame akka hin jenne natti mudhise.
29
Kanaafuu isin na waamnaan uduu hin mamin dhufe; ammallee maali'iif na fiddan? jedhee isin gaafadha» isaaniin jedhe.
30
Qorneelewoosillee akkana jedhe, «Guyyaa afuriin dura gara sa'aatii sagaliititti ani mana kiyyatti uduu faateffata'aa jiru; namni uffata calanqisu uffate tokko na afoo dhaabatee,
31
‹Qorneelewoos! faateen kee Rabbiin afo'otti sii dhagayameera, kennaan ati hiyyeeyyi'ii kennitullee sii yaadatameera.
32
Eeganaa gara Iyyoophe'ee ergiitii Simoonii Pheexroos jedhamu waamsisi, inni mana Simoonii gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa bira keessummummaa achi taa'eera› naan jedhe.
33
Kanaafuu hennaa san gara kee erge; atillee dhufuu keetiif mishaa goote, eeganaa waan Rabbiin biraa dhageette maraa sirraa dhagayu'uuf nu martinuu amma asi afoo Rabbii jirra.»
34
Pheexroos akkana jedhee dubbate «Dhugamaan Rabbi nama akka nama wol hin caalchifne hubadheera.
35
Nama biyya kamiillee yoo ta'e nama Rabbiin sodaatuu fi nama waan qajeelaa hojjatu Inni hin simataani.
36
Yesuus Kiristoos Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge.
37
Cuuphaa Yohaannis lallabeen maayii waan biyya Galiila'aatii haga Yihuudaa maraa keessatti ta'e isinuu hin beettan.
38
Rabbi Yesuusii nama Naazireetii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan isa muude. Yesuus waan mishaa godha'aa worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Waan Rabbi isa woliin jiruuf.
39
Nullee waan inni biyya Yihuudotaatii fi Yerusaalemitti godhe maraaf raga'a, isa muka irratti fannisanii ajjeesan.
40
Isa Rabbi guyyaa sadaffa'aatitti du'aa kaasee, akka inni mudhatu godhe.
41
Kunillee banii maraafii miti. Haata'uu ammoo, nu worra firrisa Rabbiif filatamnee ragaa isaa taaneef malee, haga inni worra du'an keessa ka'een maayii isa woliin worri nyaatee dhugee nu'u.
42
Bani'ii akka lallaabnuu fi worra jiranii fi worra du'an irrattillee akka inni murtii kennu Rabbiin ka murtaaye ta'uu kana akka ragaa baanu nu ajaje.
43
Isatti ka amanu maruu maqaa isaatiin dhiifamsa cubbu'uu akka argatuuf raattonni martuu hin raganiif.»
44
Pheexroos waan kana akkuma dubbateen worra dubbii isa dhagayan maraa irratti Ayyaanni Woyyuun bu'e.
45
Worri Pheexroosiin woliin dhufan maruu amantoonni gara worra gadoomanii ta'anii worra Yihuudota hin taane irratti kennaan Ayyaana Woyyu'uu waan bu'eef maalalan.
46
Wonti amantoonni Yihuudotaa maalalaniif, waan Ayyaanni Woyyuun worra Yihuudota hin taane irratti bu'ee laagaa haarawaan dubbata'aa hennaa Rabbiin kabajjan waan dhagayaniif.
47
Hennaa san Pheexroos deebisee, «Kunniin ammoo akkuma keenna Ayyaana Woyyuu worri fudhatan akka isaan hin cuuphamnee ka bisaan isaan dhooggu eennu?» jedhe.
48
Akka maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman isaan ajaje. Kanaan maayii akka inni guyyaa hagoo taa'u kadhataniin.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28