bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 26
Acts 26
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 27 →
1
Agriiphaanillee Phaawuloosiin, «Waan kee akka dubbattu sii hoffolchineerra» jedheen. Hennaa san Phaawuloos harka ufii hiixatee akkana jedhe.
2
«Mootii Agriiphaa'a! sirna Yihuudotaa wol mormii maraa sirri'itti waan beettuuf waan Yihuudota afo'otti himatameef maraa afoo keetitti waan deebii kennuuf akka nama eebbifameetitti uf laala. Kanaaf obsaan akka na dhageettu si kadhadha.
4
Duruma irraa jalqabee, banii kiyya jiddu'utti waan Yerusaalemitti ta'e, «Daa'imummaa kiyya irraa jalqabee jireenna jiraadhe Yihuudonni maruu hin beekan.
5
Isaan naaf ragaa bayuu yoo barbaadan, akka worra jabeessanii amantii cimsanii, maraa caalaa seera eegu'uun worra jabaate keessaa nama gosa Faarisii ta'ee akka jiraadhe duri irraa jalqabanii na beekan.
6
Ammallee Rabbiin biraa waan dubbii abdi'ii ka abboota keennaa kennameetiif falmatu'uuf dhaabadheera.
7
Gara dubbii abdi qabeessa kanaa worri kenna kudha lamman, halkanii fi guyyaa jabaatanii kaddaama'aa akka bira gayaniif heddannoo qaban; mootii Agriiphaa, ani waan hedannoo kanaatiif Yihuudotaan himatame.
8
Rabbi worra du'an akka kaasu, isin biratti maaf waan hin amanamne ta'ee laakkawama?
9
«Anuu maqaa Yesuusii nama Naazireetii kana mormuun kiyya, waan guddaa godhuu na barbaachisu woyii waan godhe natti fakkaata'aa ture.
10
Kanallee akkasuma Yerusaalemitti godhe. Bulchoota gadootaa irraa baallii fudhadhee, ani namoota woyyuu heddu isaanii hiisisee, hennaa ajjeesanillee, worra ajjeesuun wolii gale.
11
Mana sagadaa marattuu hennaa hedduu akka isaan arrabsan namoota jajjabessa'aa ture. Guddisee hennaa isaaniin lolu, haga qacha'aan alaatii fi haga biyyaan alaa isaan ari'a'aa ture.
12
«Waan kanaaf bulchoota gadootaa irraa ajajaa fi baallii fudhadhee gara Damaasqo'oo uduu deema'aaru,
13
Mootii kiyya! karaa irratti, guyyaa wodhakkaa yoo ta'u naannoo kiyyaa fi naannoo worra na woliin deemaniitittillee ifti ifa adu'uutii ol ta'e samii irraa hennaa ifu arge.
14
Nu maruu hennaa lafati gad kufne, ‹Saa'ol! Saa'ol! maaf na ariita? Arfii sibiilaa kana yoo mormite sitti jabaata› laagaa jedhu afaan Ibiraayisixiitiin hennaa natti dubbatu dhagaye.
15
Anillee, ‹Gooftaa kiyya! Ati eennu?› jedheen. Innillee akkana naan jedhe, ‹Ani Yesuusii ati ariitu.
16
Haata'uu ammoo ka'ii dhaabadhu, kanaafuu akka itti na argitee fi waan argite saniif tajaajila'aaf raga bayaa akka taatu si muudu'uuf jedhee waan sitti mudhadheef.
17
Dhiifamsa cubbu'uutiif anatti amanu'uun worra qulqullaayan jiddu'utti ristii akka argataniif.
18
Dukkanaa gara ifaa, baallii seexanaa keessaa gara Rabbii akka deebi'an ija isaanii akka bantuuf banii itti si ergu worra Yihuudota hin taane jalaallee si oolcha.›
19
«Mootii Agriiphaa, ani waan manaaba sami'ii natti mudhate kana ani hin dinne.
20
Haata'uu ammoo duraan dursee worra Damaasqoo jiran, Yeruusaalemittillee biyya Yihuudotaa maratti, worri Yihuudii hin taanellee akka aagii galaniif akka waan aagii galuun isaan barbaachisu irraa aagii galanii gara Rabbii deebi'aniif dubbadhe.
21
Kanaafuu Yihuudonni mana woyyuu keessatti qabanii na ajjeessu'uuf yaalii godhan.
22
Rabbiin biraa gargaarsa argadhee diqqa'aa fi gudda'aa raga'aa haga guyyaa adhaa dhaabadheera.
23
Raattoninii fi Muuseen waan ta'uuf ta'u, ‹Kiristoosiin irra rakkinni akka gayu du'aa ka'iitii du'ootaa banii isaatiif ifa› worra Yihuudii hin taaneef jedhanii ka hennaa durii isaan himan san malee waan biraa wonti ani dubbadhe tokkollee hin jiru» jedhe.
24
Akkana jedhee waan ufii yoo deebisuu, Fiisxoos laagaa gudda'aan, «Phaawuloos! ati maraatteertaa bee, guddiftee baratuun kee gara maraattumma'aa si deebisa'aaraa!» jedheen.
25
Phaawuloos ammoo akkana jedhe, «Kabajjamaa Fiisxoos! Ani qalbii qaba waan dhuga'aa dubbadha malee hin maraanne.
26
Mootiin ammoo waan ani isa afo'otti addaataa dubbadhe kana hin beeka. Waan kana keessaa wonti tokkollee akka jalaa hin dhokanne waan hubadheef kun waan dhossa'atti godhame waan hin taaneef.
27
Mootii Agriiphaa! Raattota hin amantaa? Akka amantu hin beeka» jedhe.
28
Agriiphaanillee Phaawuloosiin, «Akkuma salpha'atti Kiristaana na taasisuu barbaaddaa?» jedheen.
29
Phaawuloosillee, «Hennaa diqqoo keessatti yookiin hennaa dheeraa keessatti si qofa uduu hin taane, worri adha na dhagayan maruu, hidhaa kiyya kana malee, akka kiyya akka ta'an Rabbiin isaanii kadhadha» jedheen.
30
Mootiin bulchaan biyyaa Barniiqeenillee worri isaan woliin taa'aniiran maruu bakka jiranii ka'anii achi siiqanii,
31
«Namni kun waan isa ajjeesisu dhiisa'aa waan isa hiisisuu tokkollee hin goone» jedha'aa woliin qaaqan.
32
Agriiphaanillee Fiisxoosiin, «Namni kun bee, ‹Gara Qeesaarii uduu ol iyyachuu dhabaatee›, silaa hiikuu hin danda'ama» jedheen.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28