bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 21
Acts 21
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
1
Isaan biraa fooyamnee kaanee qajeellee deemnee gara Qoosii, bariisaallee gara Ruudii achiillee gara Phaaxira'aa dhufne.
2
Markaba gara Finiqe'ee ceeyu argannee, seennee achii kaane.
3
Qophiroosiin bitaa keennatti dhiifnee gara Sooriya'aa deemne, achii gara Xiiroosii geenne; markabni fe'aa achitti waan buusuuf,
4
Darasoota achitti arginee, guyyaa torbaa teenne. Isaanillee Phaawuloos gara Yerusaalemii akka hin baane Ayyaana Woyyu'uun kadhatan.
5
Hennaan achi turru dhumannaan baane deemne. Isaan maruu haadha manaatii fi ijoollee ufii woliin haga qacha'aa baanuuf nuu geegessanii maddii galaanaatitti jilbiinfannee faateffanne.
6
Nagaya wolitti dhaamannee markaba keessa seenne. Isaanillee gara mana ufii deebi'an.
7
Nullee deemsa galaana irraa fixannee, Xiiroosii gara Pitoolemaasii geenne. Obboleewwan nagaya gaafannee guyyaa tokko isaan bira oolle.
8
Bariisaa baanee gara Qisaariya'aa dhandhe. Torba keessaa mana nama tokkoo lallabaa Oduu Nagayaa ka Filiiphoosi jedhamuu seennee isa bira teenne.
9
Inni ijoollee durbaa ka raaga dubbatan afur qaba.
10
Guyyaa hedduu achi teenee uduu jirru, namichi raagu ka Agaaboos jedhamu tokko Yihuudi'ii gad dhufe.
11
Gara keennallee dhufee, sabata Phaawuloosii fudhatee harkaa fi luka ufi hidhee, akkasuma Ayyaanni Woyyuun abbaan sabata kanaa Yihuudonni Yeruusaalemii akkanatti hidhanii harka worra Yihuudii hin taaneetitti dabarsanii kennaniin jedhaa'a jedhe.
12
Hennaa kana dhageenne nu'uu fi worri achi jiranillee gara Yerusaalemii akka hin baane kadhanneen.
13
Phaawuloos ammoo deebisee, «Booya'aati qalbii tiyya shukulsiisuun keessan maali'i? Ani waan Goofta'aatii fi waan maqaa Yesuusiitiif Yerusaalemitti du'u'uuf qophaayeera; hidhamuu caalla'aafii miti» jedhe.
14
Hennaa inni gorsallee fudhachuu dide, fedhiin Rabbii haa ta'uu jennee cadhifne.
15
Guyyaa kanaan maayessa qophoofnee gara Yerusaalemii baane.
16
Darasoota Qisaariyaa jiraatan keessaa gariin ammoo nu woliin dhufan. Isaanillee gara hulee bulluu gara mana darasicha Qophiroosii Minaasoon jedhamuu nuun deeman.
17
Haga gara Yerusaalem geenne, obboleewwan gammachu'uun nu simatan.
18
Haga bari'e Phaawuloos gara mana Yaaqoobii seene. Manguddoonni maruu achi dhufan.
19
Nagaya haga gaafateen maayii tajaajila Rabbi isaani jiddu'utti godhe worra Yihuudota hin taanetti tokko tokkoon isaanitti hime.
20
Isaanillee hennaa dhagayan Rabbiin galatoonfatanii akkana isaan jedhan; Obboleessa keenna, Yihuudota jiddu'utti amananiiran ka laakkofsa hin qabne, meeqa akka ta'an arga'aartaa isaan maruu worra seeraaf hinaafan.
21
Ijoolleen isaanii akka hin gadoomne seeraan akka hin jiraanne, Yihuudonni worra Yihuudota hin taane jidduu jiran maruu Muusee akka ganan akka waan ati barsiiftuu waan kee isaanitti himaniiran.
22
Kanaafuu maal ta'inna? dhufa kee waan dhagayaniif namoonni hedduu wolgayuun isaanii hin hafu. Eegasuu ka nu siin jeennu kana godhi.
23
Namoonni silata uf irraa qaban arfan nu bira jiran kanniin qabadhuu isaan woliin qulqullaayi.
24
Rifeensa isaanii akka haadatan birrii keenniif; isaan maruu waan kee ka dhagayan duwwaa akka ta'e atillee akkasuma nama seera eega'aa jiraatu akka taate hin beekan.
25
Worra Yihuudii hin taane ka amanan ammoo waaqoolee tolfama'aa fi waan ciincayu dhiigaa fi horii ufiin du'e irraa, seebaruu irraallee lubbuu isaanii akka deebisan uf eegan murteessinee isaanii barreessineerra.
26
Hennaa san Phaawuloos namoota qabatee bariisaa isaan woliin qulqullaaya'aa guyyaa qulqullinna raawwatan beessisu'uuf gara mana qulqullinnaa seene. Guyyaa san waan isaan maraatiif ciincaa dhiyeessan.
27
Guyyaan torba hennaa raawwatamu'uuf dhiyaate, Yihuudonni Isiyaa irraa dhufan, mana woyyuu keessatti isa arganii banii maraa booressa'aa,
28
«Namoota Israa'elii, nu gargaaraa'a! Banii seeraaf hulee kanallee morma'aa, namni nama maraa hulee maratti barsiisu kana. Namoota Giriikotaallee akkasuma gara mana woyyu'uu seensisee hulee woyyuu kana batteesseera» jedha'aa harkaan dhaya'aa iyya'aa tumaniin.
29
Xiroofimoos Efesooniin isaan woliin qacha'attii arganii waan Phaawuloos gara mana woyyu'uu isa seensise seeyan.
30
Qachaan maruu booroftee baniin maruu wolgayee, Phaawuloosiin qabanii mana woyyu'uutii gara diidaa isa harkisan; yomasan balballi cufame.
31
Hennaa isaan ajjeesu'uuf barbaadan, Yerusaalem guddiftee boorofteerti oduun jedhu gara nama loltuu kumaa ajajuu gaye.
32
Innillee hennama san loltoota ajajaa dhibaa woliin qabatee fiiga'aa gara isaanii dhaqe, isaanillee hennaa ajajaa loltoota kumaa argan, Phaawuloosiin tumuu dhiisan.
33
Hennaa san ajajaan loltuu kumaa itti dhufee qabee shiboo sibiilaa lamaan akka hidhamu ajajee, «Inni eennuun» akka ta'eef «Maal akka godhe» gaafate.
34
Baniin gariin akkanaa fi akkasi jedhanii iyya'aa turan; hennaa woca isaaniitiin waan dhugaa ta'e beeku dadhabe gara ganda loltootaa akka isa fidan ajaje.
35
Hennaa hulee waan irra dhaabatanii dubbatan bira gaye, baniin waan wol dhidhiibuuf loltoon akka isa baatan godhe. Balleessa'aa jedha'aa iyya'aa hordofa'aa waan turaniif, baniin hedduu kana, «Balleessi, ajjeesi!» jedha'aa isa faana deeman.
37
Hennaa gara gandaa isa dhiyeessan Phaawuloos ajajaa loltuu kumaatiin, «Waan tokko akka sitti himu naa eeyyamtaa?» jedhe. Innillee, «Afaan Giriikii hin beettaa? jedheen.
38
Ati kanaan dura worra lubbuu ajjeesan namoota kuma afurii shiftoota taasiftee gara gammoojji'ii ka baafte nama Misiriitii mii?» jedhe.
39
Phaawuloos ammoo, «Ani Yihuudii nama Kiliqiiya'aa ka Xeeriseesiiti, nama qachaa beekkamtu keessa jiraatu; ummatatti akka dubbadhu akka na hoffolchitu» si kadhadha jedhe.
40
Hennaa inni hoffolcheen Phaawuloos gooba irra dhaabatanii dubbatan irra dhaabatee, harkaan gara ummataa akeekee, haga ummanni cadhise afaan Ibiraayisxiitiin akkana jedhee dubbate.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28