bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 28
Acts 28
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
1
Nagayaan haga geenneen maayii hennaa lafti sun gooba bisaaniin marfamte ta Malaaxiyaa jedhamtu akka taate beenne,
2
Aramaayoonni gooba san irra jiraatan waan mishaa maalalchiisaa nuu godhan. Rooba waan ta'eef qorraaf ibidda nuu bobeessanii nu maraa simatan.
3
Phaawuloos ammoo bayee haashee wolitti qabee ibiddatti yoo kaayu, bofattiin takka oo'a ibiddaa uduu dheessitu, harka isaa iddite.
4
Worri gooba bisaaniin marfamte san irra jiraatan Aramaawota jedhaman, hennaa bofti harka isaa irratti rarra'e arganii, «Namni kun dhugamaan nama guma'aati; garba keessaallee yoo nagayaan bayellee, murtii Rabbii jalaa bayee jiraatuu hin dandeenne» woliin jedhan.
5
Inni ammoo bofa gara ibiddaa ufirraa gad hargufee, isiin ammoo isa hin miine.
6
Isaanillee ammaa iitayee yookiin bakumattuu kufee du'a jedhanii eega'aa turan. Guddisanii eeganii isa irratti waan nama maalalchiisu womaa arguu haga dhaban, kun sirimaa, «Waaqa» jedhanii yaada ufii jijjiiran.
7
Bakka san bulchaa Pupiiliyoos jedhamutu ture. Innillee keessummummaa nu simatee, guyyaa sadihii jaalalaan nu bulche.
8
Abbaan Pupiiliyoosii haxaxxe'ee fi baasa'aan dhibamee ciiseera. Phaawuloos gara isaa seenee Rabbiin kadhateefii harka ufiillee isa irra kaayee jennaan namichillee fayye.
9
Hennaa wonti kun ta'e, worri hafan akkasuma worri dhibee qabanillee gara gooba bisaaniin marfamte sanii dhufa'aa fayyan.
10
Ulfinna gudda'aan nu kabajjanii hennaa kaanellee waan nu barbaachisu maraa markaba irra nuu kaayan.
11
Ji'a sadihiin maayessa markaba Iskindiriya'aa ta gooba irra jirtuun kaane; markabattii irra malkata Diyoosqoroos jedhamu mataa irraa qaba.
12
Hennaa gaafa Saraakusiin seenne guyyaa sadihii achi teenne.
13
Achii jijjiirannee gara Reegiyumii geenne. Guyyaa tokkoon maayessa hennaa bubbeen bita'aa bubbifte guyyaa lammaffa'aa gara Putiyoluusii dhandhe.
14
Achitti obboleewwan arginee isaan bira guyyaa torba akka teennu nu kadhatan, akkasuma gara Rooma'aallee dhandhe.
15
Achittillee obboleewwan waan keenna dhagayan haga gabayaa Afiiyuusiitii fi haga hulee, «Bultii sadihii» jedhamuu nu simachu'uuf yaa'an. Phaawuloosillee hennaa isaan arge Rabbiin galatoonfate. Garaan isaallee hin jajjabaate.
16
Hennaa gara Rooma'aa seenne, Phaawuloos loltuu isa eegu woliin hojja isaa akka taa'u eeyyamameef.
17
Guyyaa sadihiin maayii Phaawuloos hangafoota Yihuudotaa gara ufii waamee, Hennaa isaan wol gayan akkana isaaniin jedhe, «Obboleewwan tiyya! Ani banii yookiin sirna abbootaa mormu'uun waan tokko uduu hin godhin Yerusaalemitti akka hidhametti harka worra Rooma'aatitti dabarsanii na kennan.
18
Isaanillee na qoratanii sababaa na ajjeesisu waan narra hin jireef na hiiku'uuf yaadan.
19
Yihuudonni ammoo hennaa na morman gara Qeesaarii akka iyyadhu giddii natti ta'e malee, waan banii kiyya himadhu waan qabuufii miti.
20
Sababaa kanaaf isin argee, waan kana isinitti himu'uuf isin waame. Abdii Israa'elootaatiif shiboo sibiilaa kanaan hidhameera.»
21
Isaanillee, «Nu Yihuudaa irraa waan kee xalayaa tokkollee hin arganne, obboleewwan keessaa tokkollee dhufee waan kee hamaa nutti hin himne, yookiin ka nutti dubbate hin jiru.
22
Haata'uu ammoo waan worra kanaa hulee maratti akka morman nu biratti waan beekkameeruuf waan yaaddu sirraa dhagayuu feena» jedhaniin.
23
Guyyaa qabaniifiiti heddu ta'anii gara mana inni keessa jiraatuu dhaqan. Waan jeennata Rabbii raga'aa, waan Yesuusillee, Seera Muuse'eetii fi raattotaa keessaa hima'aa hubachiisa'aa ganamaa haga galgalaa isaanii ibsa'aa ture.
24
Gariin waan inni dubbatetti amanan; gariin ammoo hin amanne.
25
Hennaa ufii wolii galuu dhaban Phaawuloos dubbii tokko haga dubbateen maayii hin lixan. Akkana jedhe, «Ayyaanni Woyyuun raatticha Isaayyaasiitiin abboota keennaan,
26
‹Gara banii kana dhaaqiitii akkana jedhiin: Dhagayuu inuma dhageettan, haata'uu ammoo hin hubattan: Argiitiillee ima argitan, ammoo hin guuttattan.
27
Garaan banii kanaa jabaateera; Ija isaaniitiin akka hin argine, gurra isaaniitinillee akka hin dhageenne; Qalbii isaaniitiin akka hin hubanne, deebi'eellee akka isaan hin fayyifne, Gurri isaaniillee duudeera, ija ufiillee dunuunfataniiran› jedhee waan mishaa dubbate.
28
Eeganaa, «Fayyummaan Rabbii kun worra Yihuudii hin taaneef akka ergame isin biratti haa beekkamuu. Isaanillee hin dhagayaniin.» [
29
Hennaa inni waan kana dubbate, Yihuudonni ufumaa guddisanii wol morma'aa deeman.]
30
Phaawuloos mana kireeffate keessa woggaa lama guutuu taa'ee worra gara isaa dhufan maraa simate.
31
Eennullee uduu isa hin dhooggine jeennata Rabbii hima'aa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii haalaan ibsee barsiisa'aa ture.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28