bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 19
Acts 19
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
1
Uduu Aphiloos Qorontoosiin jiru, Phaawuloos biyya gaaraa keessa lufee gara Efesoonii dhufe.
2
Darasoota gari garii argee, «Isin hennaa amantan, Ayyaana woyyuu fudhattaniirtuu?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Hin fudhanne; akka Ayyaanni Woyyuun jiru horomaa hin dhagenne» jedhaniin.
3
«Eegasuu maali'iin cuuphamtan ree?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Cuuphaa Yohaannisiitiin» jedhaniin.
4
Phaawuloosillee, «Yohaannis Yesuus Kiristoosii isaan maayessa dhufutti akka amanan, bani'itti hima'aa, cuuphaa aagi'ii cuuphe» isaaniin jedhe.
5
Hennaa waan kana dhagayan, maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman.
6
Phaawuloosillee hennaa harka ufii isaan irra kaaye Ayyaanni Woyyuun isaan irra bu'e; laagaa haarawaa fi raagallee dubbatan.
7
Isaan haga namoota kudha lamaa turan.
8
Gara mana sagada Yihuudotaa seenee waan jeennata Rabbii dubbata'aa isaan hubachiisa'aa haga ji'a sadihii addaataa dubbata'aa ture.
9
Isaan keessaa ammoo gari gariin banii afo'otti morkataniiti barumsa amantaa Kiristaanaa arrabsan. Kanaaf Phaawuloos isaan dhiisee, darasoota hojjatti baafatee guyya guyya'aan mana barumsa Xiraanoos jedhamu keessatti isaan barsiisa'aa ture.
10
Worri Isiiyaa jiraatan maruu Yihuudonnillee namoonni Giriikiillee dubbii Goofta'aa haga woggaa lamaa barata'aa turan.
11
Rabbillee harka Phaawuloosiititti baasa nama maalalchiisu godhe.
12
Kanaafuu uffata isaa fuudhanii gara worra dhibamanii fidanii, worra dhibamaniin hennaa tuqan, isaanillee hin fayyan; ayyanni hamaanillee isaan keessaa baye.
13
Yihuudota jinnii baasa'aa olii fi gadi deeman keessaa gariin, waan Phaawuloos lallabuun, «Maqaa Yesuusiitiin isin kakachiifina» jedha'aa worra ayyanni hamaan keessa jiru maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti waamuu badadan.
14
Ijoolleen torban namicha Asiqewwaa jedhamuu ka bulchaa gadootaa Yihuudi'ii tokko waan kana godhu'uuf badada'aa turan.
15
Ayyaanni hamaan ammoo deebisee, «Yesuusiin hin beeka; Phaawuloosiinillee hin beeka; isin hoo eennuu fa'a?» isaaniin jedhe.
16
Namichi ayyanni hamaan keessa jiru isaanitti utaalee, isaan madeessee mooyate; isaanillee qulaa mana san keessaa bayanii dheessan.
17
Kunillee Yihuudotaa fi Giriikota Efesooniin keessa jiraatan maraa biratti hin beekkame. Isaan martinuu hin sodaatan. Maqaan Gooftaa Yesuusiillee hin kabajjame.
18
Worra amanan keessaa namoonni hedduu dhufanii, cubbuu isaanii ifa baasanii himata'aa turan.
19
Worra asmaa kataban keessaa namoonni hedduu kitaabban wolitti qabanii nama maraa afo'otti guban. Gatiin isaa yoo bikkamu birrii kumaa shantamaa ta'e.
20
Akka kanaan dubbii Goofta'aa hunnaan mooyata'aa guddata'aa ture.
21
Haga wonti kun raawwatame, Phaawuloos achi gayee Roomaallee akkasuma arguu fedha jedhee, Maqidooniya'aa fi Akaayiyyaa keessa lufee gara Yeruusaalemii dhaqu'uuf murteeffate.
22
Worra tajaajilan keessaa lamaan Ximotewoosii fi Erxoosiin gara Maqidooniya'aa ergee, ufii ammoo guyyaa hagoo Isiyaa keessa ture.
23
Hennaa san waan karaa Goofta'aa kanaaf, lolli guddaan ka'e.
24
Namichi meetii huju ka Dimexiroos jedhamu tokko fakii mana woyyuu waaqa tolfamaa Arxeemsii hojjata'aa waan worra sibiila baassan irraa bu'aa guddaa argata'aa tureef.
25
Worra hujii kana fakkaatu hojjatan wolitti qabee akkana isaaniin jedhe, «Namoota nana! Bu'aan keenna hujii kanaan akka ta'e hin beettan.
26
Waan kana Phaawuloos, fakiin harka namaatiin hojjatame waaqaa miti jedhee Efesooniin calla'atti uduu hin taane biyya hago'oon alatti Isiyaa marattuu banii heddutti himee akka isaan dogoggorse argitaniirtan; dhageettaniirtanille'e.
27
Akka hujiin keenna tuffatamu callaa uduu hin taane, ta Isiiyaanii fi adunyaan marti kaddaamu, waaqa guddoo mana woyyuu ta Arxeemsii akka waan duwwa'aatitti haa laakkayamu'uuf guddinni isi'iillee diiggaminnaa sodaachisa.»
28
Kana hennaa dhagayan aaranii, «Arxeemiisiin Efesoonii guddo'oo» jedha'aa iyyan.
29
Yomasan qachaan maruu raafamte. Namoonni Maqidooniya'aa hiriyoota Phaawuloosii Gaayiyoosii fi Arsixirookoosiin isaan woliin butanii yaada tokko ta'anii gara hulee taphaa gad fiigan.
30
Phaawuloosillee banii keessa seenuu barbaannaan darasoonni isa dhooggan.
31
Bulchoota Isiya'aa keessaa goshoonni Phaawuloosii gariin nama gara isaa erganii, bakka taphaa akka hin dhandhe isa kadhatan.
32
Yaa'iin asii achi jedha'aa iyya'aa wolitti bu'e. Garri caalaan isaanii ammoo waan achitti wol gayanifillee hin beenne.
33
Yihuudonni namicha Iskindiroos jedhamu dhiibanii afoo bani'iititti baasan. Iskindiroosillee harkaan mudhisee, akka isaanii falmu godhan.
34
Isaanillee akka inni nama Yihuudi'ii ta'e haga beekan martinuu laagaa tokkoon «Arxeemisiin Efesoonii guddo'o» jedha'aa haga sa'aatii lamaa wocan.
35
«Qachaan Efesoonii Arxeemisii guddoo waaqa tolfamaa sami'ii bu'ee, mana isi'ii ta woyyumma'aa ta eeddu akka taate namni hin beenne eennu?
36
Ka kana ganu yoo hin jiraanne, akka cadhiftaniif waan tokkollee ariiti'iin akka hin goone barbaachisa.
37
Meeshaa mana woyyu'uu worri hin hanne namoota waaqoolee keenna hin arrabsine kanniin fidaniiran.
38
Dimeexiroosii fi worri meetii bassan ka isa woliin jiran ammoo waan ittiin nama himattan yoo qabaattan, guyyaan murti'ii waan jiruuf, worri murtii kennullee waan jiruuf achitti wol haa falmanii.
39
Yoo waan biraa barbaaddan ammoo yaa'ii gumi'iitiin hiikkama.
40
Raafama adha ta'e kanaaf jedhanii akka nu hin himanne, waan sodaachiisuuf, waan sababaa hin qabneef, gumii tanaa deebii kennuu hin dandeennu»
41
Kana jedhee, gumii gargar kaase.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28