bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 8
Acts 8
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
1
Guyyaa san woldaa Kiristaanaa ta Yeruusaalem jirtutti baqa gudda'atu ta'e. Eergamtoota malee maruu gara Yihuuda'aatii fi gara biyya Samaariya'aa faca'an.
2
Namoonni Rabbiin faateffachu'uun jabaatan, Isxifaanoosii guddisanii booya'aa awwaalan.
3
Saa'ol ammoo woldaa Kiristaanaa diiga'aa ture. Mana maraa seena'aa dhiiraa fi dubartootallee harkisa'aa gara mana hidha'aatitti dabarsa'aa isaan kenna'aa ture.
4
Worri faca'an dubbii lallaba'aa deeman.
5
Filiphoosillee gara qachaa Samaariya'aa dhaqee waan Kiristoosii isaanitti lallabe.
6
Baniinillee dubbii Filiphoosii hennaa dhagayaniif malkata inni godhe hennaa argan; waan inni jedhe yaada tokkoon dhagayaniin.
7
Ayyaanni hamaan laagaa gudda'aan iyya'aa namoota heddu keessaa baya'aa waan tureef naafatan hedduu fi worri hokkolullee hin fayyan.
8
Qachaa san keessatti gammachuu gudda'atu ta'e.
9
Namni Simoon jedhamu tokko ammoo ani gudda'a jedhee moraa namoota Samaariya'aa nama maalalchiisa'aa qachaa san keessa jiraate.
10
Namoota didiqqaa irraa jalqabee haga namoota gugurda'aa hunni Rabbii kana jedha'aa martinuu isa caqasan.
11
Bara dheeraa irraa jalqabee waan moru'uun isaan maalalchiiseef isa jalaa caqasan.
12
Haata'uu ammoo waan jeennata Rabbiitii fi waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti lallabe. Isaallee hennaa waan Filiphoos jedhe dhagayan dhiirtinii fi dubartiinillee amananii cuuphaman.
13
Simoonillee akkasuma amanee cuuphamee Filiphosiin wol ta'e. Hennaa malkataa fi maalaleen guddaan ta'e argee ajaa'ibsiifate.
14
Ergamoonni Yerusaalem jiran namoonni Samaariya'aa dubbii Rabbii akka fudhatan dhagayanii Pheexroosii fi Yohaannisiin isaanii ergan.
15
Isaanillee hennaa gara isaanii dhaqan akka Ayyaana Woyyuu argataniif Rabbiin isaanii kadhatan.
16
Maqaa Gooftaa Yesuusiitiin cuuphaman malee, isaan keessaa tokko irrattillee Ayyaanni Woyyuun waan hin buuneef.
17
Hennaa san harka ufii isaan irra kaayanii Ayyaana Woyyu'uun guuttaman.
18
Simoonillee harka nama irra kaayuu ergamootaatiin Ayyaanni Woyyuun akka kennamu haga arge, birrii isaanii fideefii,
19
«Ka ani harka irra kaayu maruu Ayyaana Woyyu'uun akka guuttamu naallee baalli kana naa kennaa'a» jedhe.
20
Pheexroos ammoo akkana jedheen; «Kennaa Rabbii birri'iin argatuu waan yaaddeef birriin kee si woliin haa badu.
21
Garaan kee Rabbiin afo'otti qajeelaa waan hin taaneef waan kana irraa hiree yookiin gayee hin qabdu.
22
Eegaasuu badooma kee kanaaf agii gali maal laataa yaada garaa keetii yoo ka sii dhiisu ta'e Rabbiin kadhadhu.
23
Summii hadhaaya'aa fi hammeenna keessa akka jirtu waan arga'aaruuf.»
24
Simoonillee deebisee, «Wonti hamaan kun tokkollee akka narra hin geenne isinumti Gooftaa naa kadhadhaa'a» isaaniin jedhe.
25
Isaanillee haga raganii fi dubbii Goofta'allee haga himaniin maayessa gara Yerusaaleemii deebi'an; Samaariya'attillee ganda hedduu keessatti Oduu Nagayaa lallaban.
26
Maleekkaan Goofta'aa Filiphoosiin, «Ka'iitii gara bita'aatitti gara karaa Yerusaalemii gammoojjii gaaza'aatitti gadi geessu dhaqi» jedheen. Innillee ka'ee deeme.
27
Namichi qaama hormaataa hin qabne ajajaan hojjatootaa mootittii Itoophiya'aa ta «Hindakee» jedhamtu, ka qabeenna isi'ii horatu namni kun sagadu'uuf gara Yeruusaalemii deeme.
28
Achii yoo deebi'uu gaarii fardaan harkifamu irra taa'ee Kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisa'aa ture.
29
Ayyaanni Woyyuun Filiphoosiin, «Gara gaarii fardaan harkifamu kanaa siiqiitii wol gayi» jedheen.
30
Filiphoosillee gara isaa hennaa fiige; uduu inni Kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisu dhagayee, «Waan dubbisa'aartu kana hubattaa?» jedheen.
31
Innillee, «Uduu nama naa ibsu hin arganne attamitti naa gala ree?» jedheen. Akka Filiphoos gaarii fardaa irra bayee isa woliin akka taa'u isa kadhate.
32
Huleen inni barreeffama kutaa kitaabaa keessaa dubbisa'aa ture sun, «Inni akka hoolaa qalamu'uuf oofama'aartuu, akka ilmoolee hoola'aa hennaa namni rifeensa isii irraa muru akkuma cadhiftu Innillee akkasuma waan tokkollee hin dubbanne.
33
Inni uf salphise; murtiin dhuga'aa hin kennamneef. Jireenni isaa lafarraa waan fudhatameeruuf, eennutu dhala isaatitti himuu danda'aree?»
34
Namichi qaama hormaataa hin qabne sunillee Filiphoositti deebisee, «Yaboo si wogee raattichi waan eennuu dubbata? Waan ufiiti moo waan nama biraati?» jedheen.
35
Filiphoosillee afaan baqaffatee kitaaba kana irraa jalaqabee waan Oduu Nagayaa ka Yesuusii itti hime.
36
Karaa irra uduu deeman gara bisaanii gayan. Namichi qaama hormaataa hin qabne, «Ani amma bisaaniin akka hin cuuphamnee wonti na dhooggu maali'i?» jedheen.
37
Filiphoosillee, «Garaa kee guutu'uun yoo amante hin danda'ama» jedheen. Ammallee, «Yesuus Kiristoos Ilma Rabbii akka ta'e hin amana» jedhe.
38
Gaariin fardaan harkifamu akka dhaabatu ajajee, namichi qaama hormaataa hin qabnee fi Filiphoos gara bisaanii bu'an. Innillee hin cuupheen.
39
Bisaan keessaa haga bayaniin maayessa Ayyaanni Goofta'aa Filiphoosiin hin fudhateen. Namichi qaama hormaataa hin qabne deebi'ee isa hin argine; gammada'aa karaa ufii deeme.
40
Filiphoos ammoo Azaaxoonitti argame. Haga Qisaariya'aallee dhaqu'uuf deddeebi'atti qachaa marattuu Oduu Nagayaa lallabe.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28