bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 23
Acts 23
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 24 →
1
Phaawuloos yaa'ii murti'ii guuttatee laalee, «Obboleewwan tiyya! Ani haga guyyaa adhaa sammuu misha'aan Rabbiin afoo jiraata'aara» jedhe.
2
Hannaaniyaan bulchaa gadootaallee afaan keessa akka dhayan worra isa bira dhaabataniiran ajaje.
3
Hennaa san Phaawuloos, «Ati bada ka mana nooraa adi'iin dibame fakkaatu! Rabbi si dhaya! Ati seeraan natti murteessu'uuf achi teetteerta, ufii ammoo seera malee, akka na dhayaniif ajajjaa?» jedheen.
4
Worri Phaawuloosiin bira dhabataniiran ati gadicha hayyicha Rabbii arrabsitaa? jedhaniin.
5
Phaawuloosillee, «Obboleewwan tiyya! Gadicha hayyicha akka ta'e waan hin benneef bulchaa ummataa irratti waan hamaa hin dubbatin jedhamee dubbii Rabbii keessatti barreeffameera» isaaniin jedhe.
6
Phaawuloos ammoo gariin isaanii Saduuqoota gariin ammoo Fariisota ta'uu isaanii waan beekeef, «Obboleewwan tiyya, ani nama Fariisii Ilma Farisichaati; waan abdii worra du'anii ka'aniitiif natti murteessan» jedhee yaa'ii murti'ii keessatti iyye.
7
Hennaa inni waan kana jedhe, Fariisotaa fi Saduqoota jiddu'utti lolli ka'e yaa'iin murti'iillee adda fooyame.
8
Saduqoon, «Du'aa ka'iitiin, maleekkonni yookiin ayyaanillee hin jiru worra jedhan waan ta'aniif, Fariisonni ammoo lamaanuu hin amanan.»
9
Guddisanii iyyan; worri gossa Fariisotaa barreessitoonni Seera Muuse'ee ka'aanii, «Nama kana irratti waan hamaa womaa hin argine! Ayyaanni yookiin maleekkaan itti dubbatee jiraatinnaa!» jedhanii wol morman.
10
Hennaa lolli guddaan ka'e ajajaan loltuu kumaa Phaawuloosiin akka hin caccabsine sodaatee loltoonni bu'aanii jiddu'uu akka isa fuudhan gara ganda loltootaa akka galaaniin ajaje.
11
Halkan lammaffa'aa Gooftaan maddii isa dhaabatee, «Phaawuloosii kiyya, Yerusaalemitti waan kiyyaaf akka ragaa baate, akkasuma Rooma'aattillee ragaa akka baatu hin barbaachisaa jabaadhu» jedheen.
12
Hennaa lafti bari'e, Yihuudonni Phaawuloosiin haga isa ajjeesanitti akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakatan.
13
Namoonni seera woliigalte'ee kana godhan afurtamaa ol ta'an.
14
Isaanillee gara bulchoota gadootaatii fi gara manguddootaa dhufanii, «Phaawuloosiin haga ajjeefnutti womaa akka hin tundhe wol abaarree wolii kakanneerra.
15
Eegasuu isin amma gumii woliin tataniiti akka waan isa jabeessitanii qorattanii fakkadha'aatii akka gara keessan gad buusu ajajaa loltuu kumaatitti iyyadhaa'a. Nullee uduu hin dhiyaatin, ajjeesu'uuf qophoofneerra» isaaniin jedhan.
16
Ilmi obboleettii Phaawuloosii ammoo, dhara isaanii hennaa dhagaye, dhufee gara ganda loltootaa seenee, Phaawuloositti hime.
17
Phaawuloosillee ajajaa loltuu dhibbaa keessa tokko waamee, «Mucaa kana gara ajajaa loltuu kumaa geessi waan isatti himu qaba» jedheen.
18
Innillee fuudhe gara ajajaa loltuu kumaa geesse, «Mucaan kun waan sitti himu waan qabuuf Phaawuloosii hidhameerutuu waamee gara kee akka fidu na kadhatee natti kenne» jedheen.
19
Ajajaan loltuu kumaa harka qabee achiin siiqee, hojja isaatitti, «Waan natti himtuu qabdaa?» jedhee gaafateen.
20
Innillee, «Yihuudonni, waan Phaawuloosii haga duraanii irra jabeessitee akka waan qoratuu fakkaattee, boru gara yaa'ii murti'ii akka baaftu, si kadhachu'uuf wolii galaniiran.
21
Eegasuu ati maarre hin jedhin; haga isa ajjeesaniif akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakataaniiranii, isaan keessaa namoonni afurtamaa olii dhara dhayanii, ammallee qophaayaanii deebii kee eeggata'aaran» jedheen.
22
Ajajaan loltuu kumaa, «Waan kana natti himuu kee eennutillee hin himin» jedhee itti seeree mucaa geegesse.
23
Ajajoota loltuu dhibbaa keessaa lamaan waamee, gara Qisaariya'aa akka deeman loltuu dhibba lamaa, worra faradoo torbatamaa fi loltuu dhibba lamaa worra eboo lolaa qaban, «Halkan keessa sa'aatii sadihiititti qopheessaa'a» isaaniin jedhe.
24
Phaawuloosiin gara bulchaa biyya gara Filiksii nagayaan akka isa geessaniif farda yaabbisanillee akka qopheessan isaan ajaje.
25
Xalayaa akkana jedhullee barreesse.
26
«Qelaawudewoos Luusiyoosiin irraa bulchaa kabajjamaa Filiksiitiif nageenni siif haata'u.
27
Nama kana Yihuudonni qabanii isa ajjeesu'uuf hennaa yaadan loltoota woliin dhaqqabee isa hambiseen; akka nama Rooma'aa ta'e waan beekeef.
28
Sababaa himatameef beekuu yaadee, gara yaa'ii murti'ii baaseen.
29
Waan seera isaanii mormeef akka isa himatan arge malee, waan ajjeechaa yookiin hidha'aaf isa geessuu miti.
30
Nama kana Yihuudonni akka itti muratan hennaa natti himan yoma san gara kee erge himatootallee ammoo afoo keetitti akka himatan ajajeera» nagayaan taa'i.
31
Loltoonillee akkuma ajajaman Phaawuloosiin qabanii halkanniin gara Antiphaaxirisii geessaniin.
32
Bariisaa worri fardaa akka isa woliin deemu godhanii isaan gara gandaa deebi'an.
33
Isaanillee gara Qisaariya'aa seenanii xalayaa bulchaa biyyatitti kennanii, Phaawuloosiin afoo isaa dhaabsisaniin.
34
Haga dubbiseen maayii godina kamiin keessaa akka ta'e gaafateen; nama kiliqiya'aa ta'uu isaa haga beeke,
35
«Worri si himatan yoo dhufan hennaa san si dhagaya» jedhee, dallawa Heroodisii keessatti akka isa eegan godhe.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28