bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 20
Acts 20
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
1
Wolitti bu'iinsi haga qabbanaayeen maayii; Phaawuloos darasoota waamsissee, isaan gorsee, nagaya itti dhaamee gara Maqidoniya'aa deemu'uuf baye.
2
Biyya san keessa hennaa lufe, dubbii Rabbiitiin guddisee haga isaan gorseen maayii gara biyya Giriikii dhaqe.
3
Ji'a sadihii achi taa'ee gara Sooriya'aa markabaan hennaa deemuu yaade, Yihuudonni waan seera itti muraniif Maqidoniyaa keessa lufee deebi'uuf kutate.
4
Worri isa geegessan, Susiphaxiroosii Beeriya'aa, namoota Tasolonqee keessaa, Arsixirookoosii fi Sikonduus, Gaayiyyoosii fi Ximotewoosii Darbe'ee namoonni Isiya'aa Tikiqoosii fi Xirofmoosiin fa'a.
5
Isaan sunniin nu afoo lufanii Xiro'aadda'atti nu eegan.
6
Nu ammoo guyyaa ayyaana faasika'aatiin maayii Filiphisiyuusii markabaan kaanee, guyyaa shanitti gara Xiro'aadda'aa isaan bira geennee, guyyaa torbaa achi teenne.
7
Guyyaa jalqaba torbaan duraa xoroshoo nyaachu'uuf uduu wolgeenneerru, Phaawuloos bariisaa deemu'uuf waan yaadeef, isaan woliin qaaqa'aa ture. Haga halkan qixxe'ee qaaqa dheeresse.
8
Bakka wolgeennee turretti mana mana gubba'aa yookaan gamoo keessa ifa gudda'atu ture.
9
Gurbaan ka'imaa ka Oyixikoos jedhamu tokko foddaa irra taa'ee hirribni waan qabeeniif muge. Hennaa Phaawuloos qaaqa dheeresse waan hirribni qabeenii tureef, mana mana gubba'aa yookaan gamoo sadaffa'aa irraa kufee du'ee reeffa kaasan.
10
Phaawuloosillee gad bu'ee irratti kufee ammateenii «Lubbu'uun jiraa hin wocinaa'a» isaaniin jedhe.
11
Bayee xoroshoo cabsee nyaatee haga bari'uuf isaan woliin qaaqa'aa haga tureen maayessa ka'ee deeme.
12
Mucaanillee fayyinaan fudhatanii gara manaa geessanii guddisanii jajjabaatan.
13
Nu ammoo Phaawuloosiin simmachuun waan nu barbaachisuuf firrifnee gara markabaa deemnee, gara Asoonii deemu'uuf kaane; inni lafoo deemuu waan yaadeef, akkana nuun jedhe.
14
Asoonitti haga isa argine Siimannetti gara Milixiliinii dhufne.
15
Bariisaa lamu'uu achii kaanee garba biraan afoo kiyyu'uutiin achi geenne; Bariisaa gara Saamoonii ceenee Tiroogilliyooniin bulle, bariisaa gara milixiinii dhufne.
16
Phaawuloos Isiyaa keessa guddisee akka hin turreef, Efesooniin gadi dhiisu'uuf muratee waan jiruuf, yoo danda'ameef ayyaana shantamaffa'aa Yerusaalemiin keessa oolu'uuf ariifate.
17
Milixiinii gara Efesoonii ergee, manguddoota woldaa kiristaanaa waamsise.
18
Hennaa gara isaa dhufan inni akkana isaaniin jedhe. Isiyaa urga seenee jalqabee gara laafummaa maraan imimmaaniin mala Yihuudonni natti dhayaniin rakkadhullee Goofta'aa ajajama'aa bara maraa isin woliin attamitti akka jiraadhe isinuu hin beettan.
20
Rabbiin dhiifamsa gaafata'aa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin amanuuun Yihuudotaatii fi namoota Giriikotaatii ragaa baya'aa hulee gumi'iitii fi mana isaanii keessatti isinitti hima'aa isin barsiise malee, waan isin fayyadu keessaa woma tokkollee isin irraa hin hanbifanne.
22
Ammallee ani Ayyaana Woyyu'uuf ajajamee gara Yerusaalemii hin deema. Achittillee maaltu akka narra gayu hin beeku.
23
Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hidha'aa fi rakkinnatu si eeggata'aara jedhee qachaa marattuu naa raga'aara.
24
Haata'uu ammoo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe, innillee Oduu Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na birratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.
25
Ammallee kunoo ani jeennata Rabbii hima'aa wonti isin jidduu deddeebi'eef, isin maruu ammaa achi akka na hin argine hin beeka.
26
Kanaafuu ani dhiiga nama maraa irraa qulqulluu akka ta'e guyyaa adhaa kanatti ragaa isinii baya.
27
Gorsa Rabbii maraa isinitti himeera. Womaa isin jalaa hin hanbifanne.
28
Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.
29
Haga ani deemeen maayii, worri baniin garaa hin nyaanne yayyiin gar-jabeeyyiin akka isin keessa seenan, darasootallee duubatti harkisu'uuf waan micciiramaa namoonni qaaqan isin keessatti akka dhalatan ani hin beeka.
31
Kanaafuu woggaa sadihii halkanii fi guyyaa imimmaaniin isin maraa gorsuu akka addaan hin kunne yaadata'aati jabaadhaa'a.
32
Ammallee Rabbiif akka jabaatan woyyoota maraa jiddu'utti Rabbii ristii akka argatan godhuu danda'uuf dubbii badhaadhummaa isaatitti yaboo isin kenneera.
33
Eennuun irraallee birrii yookiin worqii yookiin uffata hin hawwine.
34
Harki kiyya kunniin waan barbaachisu anaa fi worra ana woliin jiraniif akka tajaajileen isinuu hin beettan.
35
Akkanuma dadhaba'aati dhibamtoota akka gargaartan, inninuu ka fudhatu caalaa ka kennutu ka eebbifame akkuma jedhe, dubbii Gooftaa Yesuusii kana akka qaabattan waan barbaachisuuf maraa isinitti mudhiseera.
36
Kana jedhee jilbiinfatee isaan maraa woliin faateffate.
37
Martinuu guddisanii booyanii morma Phaawuloosiititti rarra'anii dhungata'aa turan.
38
Keessaayuu ammaa achi fuula kiyya hin argitan waan jedheef, guddisanii gaddanii haga markabaa isaa geegessan.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28