bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 12
Acts 12
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 13 →
1
Bara san mootichi Heroodisii rakkinna isaanitti jabbeessu'uuf woldaa kiristaanaa tokko tokko guddisee miidhe.
2
Obboleessa Yohaannisii Yaaqoobiin guraade'een ajjeese.
3
Akka Yihuudota gammachiise argee, Pheexroosiinillee qabe; hennaan sun ji'a Ayyaana xorosho'ooti.
4
Haga qabeenii gara mana hidha'aa seensise, Faasika'aan maayii gara banii baasu'uuf yaadee, marti isaaniituu loltoota afur ta'anii akka isa eegan loltoota garee afuritti qoodamaniitti dabarsee isa kenne.
5
Pheexroosillee mana hidha'aatitti eeggama'aa ture; haata'uu ammoo woldaa kiristaanaatitti waan isaatiif jabeessanii Rabbiin kadhata'aa turan.
6
Heroodisillee isa baasu'uuf hennaa yaade, halkan san Pheexroos siiboo sibiilaa lamaan hidhamee loltoota lama wodhakaa rafe. Worri eegan balbala afoo taa'anii mana hidha'aa eegan.
7
Maleekkaan Goofta'aa dhufee, mana keessatti ifti ife. Pheexroosiin kalee isaa tuqee dammassee, «Daddafii ka'i!» jedheen. Sansalaannillee harka Pheexroosii irraa bu'e.
8
Maleekkaan sunillee, «Woccuu tee marxifadhu kophee kee godhadhu» jedheen. Innillee akkasuma godhe.
9
«Uffata uffadhuu na faana koottu» jedheen. Innillee bayee isa faana deeme; waan manaaba argu itti fakkaata'aa ture malee, wonti Maleekkaan godha'aaru dhugaa ta'uu isaa hin beenne.
10
Worra karra eegu ka tokkoffa'aatii fi ka lammaffa'aa bira lufanii karra sibiilaa gara qacha'aa baasu gayan. Karrillee ufumaan isaan jalaa baname. Bayaniillee haga tokko lufanii yomasan Maleekkaan isa biraa fooyame. Pheexroosillee uf beekee,
11
«Gooftaan Maleekkaa ergee harka Heroodisiitii fi banii Yihuudotaa worra isa eega'aa turan maraa jalaa akka na baase amma dhugamaan beekeera» jedhe.
12
Pheexroos haga kana beeke hulee namoonni hedduu itti wolgayanii faateffata'aa turan gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii ka Maarqoos jedhamuu dhaqe.
13
Pheexroos hennaa balbala dhadhayu hojjattuun Roodee jedhamtu takka caqasu'uuf dhuftee,
14
Akka laagaa Pheexroosii ta'e haga beette, guddiftee waan gammaddeef, balbala uduu hin banne, mana keessa ol fiiddee, «Akka Pheexroos balbala afoo dhaabate!» himte.
15
Isaan ammoo, «Hin maraatteerta!» isi'iin jedhan. Isiin ammoo ittuma deebitee, «Lakkaa isumaa» jette. Isaan ammoo «Maleekka'a» jedhan.
16
Pheexroos ammoo ittuma deddeebi'ee balbala dhadhaye. Isaan ammoo balbala bananii hennaa laalan isa ta'uu haga argan maalalfatan.
17
Inni ammoo akka cadhisaniif afaan isaanitti dhadhayatee, attamitti akka Gooftaan mana hidha'aatii isa baase isaanitti himee, waan kana Yaaqoobii fi obboleewwan kaawwanittillee himaa'a isaaniin jedhe. Achii bayeeti gara hulee biraa dhaqe.
18
Hennaa bari'e, «Pheexroosiin maaltu itti gale?» jedhanii loltoonni guddisanii wocan.
19
Heroodisillee soccisiisee haga dhabe worra eeddootaa qoratee akka isaan ajjeefaman ajaje. Pheexroos Yihuuda'aa gara Qisaariya'aa dhaqee achi taa'e.
20
Heroodisi namoota Xiirosiitii fi Sidoona'aa woliin wol dhabee ture. Isaan ammoo garaa tokko ta'anii gara isaa dhufan. Ka mootichi amanu Bilaasxoosiin maarre jechisiisanii araara kadhatan. Biyyii isaanii biyya mooticha saniitii waan nyaataa argata'aa turaniif.
21
Haaganaa qabatanii Heroodis uffata mootumma'aa uffatee teessoo isaa irra taa'ee isaanitti dubbate.
22
Baniinillee, «Laagaa Rabbiiti malee, laagaa namaatii miti» jedha'aa woca'aa iyyan.
23
Innillee waan ulfinna Rabbiif hin kennineef hennama san Maleekkaan Goofta'aa isa dhayee raammo'oon nyaattamee du'e.
24
Dubbiin Rabbii ammoo babadhata'aa guddata'aa deeme.
25
Barnaabaasii fi Saa'oolillee tajaajila isaanii raawwatanii Yerusaalemii deebi'an. Yohaannisii Maarqos jedhamullee qabatanii dhufaniin.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28