bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 16
Acts 16
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 17 →
1
Phaawulos gara darbe'ee fi Lisxira'aa gaye. Achi mucaa intala Yihuudii amantee darasaa Ximootewoos jedhamu tokkotu jira. Abbaan isaa ammoo nama Giriikii ti.
2
Waan isaa, obboleewwan Lisxiraanii fi Iqooniyoon jiran ragaa ta'aniif.
3
Phaawuloos isa qabatee bayuu fedhe, Yihuudota hulee san jiraniif jedheeti qabee gadoomiseen. Akka abbaan isaa nama Giriikii ta'e waan beekaniif.
4
Hennaa qachoota keessa deddeeman ergamoonninii fi manguddoonni Yerusaalemiin jiran seera muratan akka eegan isaanii kennan.
5
Woldoonni Kiristaanaa amanta'aan jabaatan. Laakkofsi isaanii guyya guyya'aan eda'ama'aa ture.
6
Isiya'attillee dubbii Rabbii akka hin dubbanne Ayyaanni Woyyuun waan isaan dhooggeef Firgiiya'aa fi biyya Galaatiya'aa keessa lufan.
7
Hennaa Kolba Misiya'aatiin gayan gara Bitaaniya'aa deemu'uuf yaalan, Ayyaanni Yesuusii isaan hin hoffolchine.
8
Cinaa misiya'aatiin lufanii gara Xiro'aadda'aa bu'an.
9
Eebju'uun halkan Phaawuloositti mudhatee namni Maqedooniya'aa tokko gara Maqedooniya'aa ceeyiitii nuu gargaari jedha'aa dhaabatee isa kadhata'aa ture.
10
Haga Eebjuu argeen maayii bakkumatti gara Maqedooniya'aa bu'uu barbaannee, Oduu Nagayaa akka lallabnuuf Rabbi waan nu waame waan nutti fakkaateef.
11
Xiro'aadda'aallee kaanee qajeellee Samootraaqee dhandhe; bariisaa gara Naaphule'ee Markabaan deemne.
12
Achiillee gara Filiphisiyuusii geenne; isin qachaa Maqedooniya'aa taatee ta qachaa gudditii aanaa jala jirtu qachaa tanatti hennaa garii qachaa tana turra.
13
Guyya Sambataa balbala qachatti'ii saniin alatti bakki faate'ee tolu achi waan jiru waan nutti fakkaateef, gara cinaa lagaatiin baanee, teennee dubartoota wolgayaniitti dubbanne.
14
Dubartoota nuu caqasa'aaran keessaa dubartiin qachaa Tiyaaxirooniitii dhufte; ta uffata diimaa haphii gurgurattu takkatu jira. Maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Rabbiin kaddaamtu waan taateef dubbii Phaawuloos dubbatu akka caqaftuuf Gooftaan qalbii isi'ii bane.
15
Isiinillee maatii mana isi'ii woliin haga cuuphamteen maayii Goofta'aatti akka amanu yoo feetan gara mana kiyyaa seena'aatii jiraadhaa'a jettee nu kadhate.
16
Hennaa hulee faate'ee dhandhu dubartiin ayyaanni mortuu keessa jiru ta gooftota isi'iitiif mora'aa bu'aa guddaa fida'aa turte hojjattuun takka nu argitee,
17
Isiin nu faanaa deema'aa, «Namoonni karaa fayyiinsaa isinitti himan kunniin garboota Waaqa ol'aana'aa ti!» jedha'aa iyya'aa turte.
18
Waan kana guyyaa heddu goote. Phaawuloos ammoo rakkateeti uf duuba midhatee ayyaanni hamaan isii keessaa akka bayu, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin si ajaja» jedhe; Yoma san isii keessaa baye.
19
Gooftonni isi'ii abdii bu'aa ufii akka dhaban haga argan, Phaawuloosii fi Sillaasiin qabanii gara gabaya'aa harkisaniinii,
20
bulchoota afo'otti dhiyeessaniin, «Namoonni kunniin Yihuudota ta'anii qachaa keenna guddisanii raasa'aaran.
21
Nu namoota Rooma'aa waan taaneef, fudhannee akka goonuuf waan nuuf hin eeyyamamne dubbatan» jedhan.
22
Baniinillee wol ta'anii isaanitti ka'an. Bulchoonni uffata isaanii irraa mulqanii ule'een akka isaan dhaanan ajajan.
23
Guddisanii haga isaan tumaniin maayii gara mana hidha'aa isaan galchan; ka mana hidha'aa eegullee sirri'itti akka eegu ajajaniin.
24
Innillee ajaja kana fudhatee gara mana hidhaa keessaatitti isaan galchee, luka isaanii guddeelcha jiddu'utti galchanii hidhan.
25
Halkan qixxee ammoo Phaawuloosii fi Sillaasi Rabbiin kadhata'aati faaru'uun Rabbiin galatoonfata'aa turan. Worri hidhamanillee caqasa'aa turan.
26
Dimmaa hundeen mana hiidha'aa haga raafamuutitti lafti sochoote. Hennama san balbali maruu banamee hidhaan nama maraa hiikkame.
27
Ka mana hidha'aa eegu hiribaa dammaqee balbaltti mana hidha'aa banamtee hennaa arge, waan worri hidhaman jalaa badan itti fakkaatee, uf ajjeesu'uuf yaadee guraadee luqqifate.
28
Phaawuloos ammoo laagaa gudda'an, «Nu maruu asuma jira uf irratti waan hamtuu hin godhin» jedhee itti lallabe.
29
Ibsaa kadhatee gara keessaa ol fiigee hollata'aa Phaawuloosii fi Sillaasiin afo'otti kufe.
30
Jara gara diidaa gad baasee, «Gooftota tiyya fayyu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» isaaniin jedhe.
31
Isaanillee, «Gooftaa Yesuus Kiristoositti amani atii fi maatiin mana keetiillee hin fayyitanii» jedhaniin.
32
Isaa fi worra mana isaa jiran maraaf dubbii Rabbii isaanitti himan.
33
Halkanuma san sa'aatii sanitti fuudheeti madaa isaanii miicee, hennama san inni maatii ufii maraa woliin cuuphame.
34
Gara mana ufii isaan fidee hurbaata dhiyeesseef inni waan Rabbitti amaneef maatii ufii maraa woliin gammade.
35
Haga lafti bariite bulchoonni, «Namoota sanniin hiikaa'a!» jedhanii garboota ufii ergan.
36
Eeduun mana hidha'aa «Akka hiikkamtan bulchoonni nama erganiiru; eeganaa amma baya'aatii nagayaan deemaa'a» jedhee dubbii kana Phaawuloositti hime.
37
Phaawuloos ammoo, «Nu namoota Rooma'aa taanee murtee malee banii afo'otti nu tumanii mana hidha'aatitti nu galchan. Amma dhossa'aan gad nu dhiisanii? Hin ta'u ufumaa dhufanii nu haa baasanii» isaaniin jedhe.
38
Garboonni isaallee waan kana bulchootatti himan. Isaan namoota Rooma'aa ta'uu isaanii hennaa dhagayan, sodaataniitti dhufanii isaan kadhatan.
39
Mana hidha'aatii isaan baasanii qachaa san keessaa akka bayan isaan kadhatan.
40
Mana hidha'aatii bayanii gara mana Liidiya'aa seenan. Obboleewwanillee haga argan isaan jajjabeessanii achii deeman.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28