bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 13
Acts 13
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 14 →
1
Woldaa Kiristaanaa ta Anxookiyaa jirtu keessa, raattootaa fi barsiisootatu jira. Isaanillee, Barnaabaas, Simoonii «Gurraacha» jedhamu Luukiiyoos biyya Qareena'aa Heroodisii bulchaa kutaa arfaffa'aa, hiriyyaa isaa Minaahee fi Saa'ooliin fa'a.
2
Isaan kunniinillee Gooftaa kaddaama'aa hennaa sooman, Ayyaanni Woyyuun Barnaabaasii fi Saa'ooliin hujii ani isaan waameef naa fooyaa'a jedhe.
3
Hennaa san soomanii faateffatanii haga harka isaan irra kaayaniin maayii huji'iif isaan ergan.
4
Isaanillee Ayyaana Woyyu'uun ergamanii gara Selewiqiya'aa dhaqan. Achiillee Markabaan gara Qophiroosii deeman.
5
Hennaa Silmaanaa turan, mana sagada Yihuudi'iititti dubbii Rabbii lallaban; tajaajilaan Yohaannis isaan gargaaru'uuf isaan woliin ture.
6
Lafa bisaaniin marfamte san maraa haga Phaafa'aa hennaa deddeeman mortuu Baaryasuus jedhamu raatticha sobaa nama Yihuudi'ii tokko argan.
7
Innillee nama waa hubatu Sergiyoos Phaawuloos jedhamu ka biyya bulchu woliin ture. Innillee dubbii Rabbii dhagayuu barbaadee, Barnaabaasii fi Saa'ooliin gara ufii waame.
8
Mortichi ka maqaan isaa Elimaas jedhamu ammoo bulchaan biyya sanii akka hin amanne fedheeti isaan morme.
9
Phaawuloos ka jedhamu Saa'ool ammoo Ayyaana Woyyuu keessa ta'ee, namicha moru guuttatee laalee,
10
«Ati ka dhartinii fi hammeenni marti si keessa guute; ilma daabiloosii! Diina dhuga'aa! Karaa Goofta'aa micciiruu hin dhiiftuu?
11
Amma harki Goofta'aa si dhaya; jaamaa taata; haga henna'aatiif ifa hin argitu» jedheen. Hennama san hurriinii fi dukkanti itti buutee, nama harkaan qabee isa masakku soqa'aa tafaafure.
12
Hennaa san bulchaan biyyaa waan ta'e haga arge barumsa Goofta'aatiin guddisee maalalfatee amane.
13
Phaawuloosillee goshoota isaa woliin Phaafa'aa ka'eeti gara Phinifiliyaa Pheerge'etti aantuu dhaqe. Yohaannis isaan irraa fooyamee gara Yerusaalemii deebi'e.
14
Isaan ammoo Pheergeeniin lufanii gara Anxookiya'aa fi gara Phisigiya'aa gayanii, guyyaa Sambataatiin gara mana sagada Yihuudotaa seenanii taa'an.
15
Haga Kitaabni seeraatiif kitaabni raattootaa dubbifamaniin maayii bulchoota mana sagada Yihuudotaa isaanitti erganii, «Obboleeyyan teenna waan banii gorsitan yoo qabaattan mee dubbadhaa'a» jedhaniin.
16
Phaawuloosillee ka'ee malkataan agarsiisee akkana jedhe. «Namoonni Israa'eliitii fi worri Rabbiin sodaattan maruu dhagayaa'a!»
17
Waandhi banii Israa'elii kun abboota keenna fooyatee, biyya Misiirii keessummummaa uduu jiran banii isaa ol ol qabe hunna isaa gudda'aan achii isaan baase.
18
Gammojjii keessatti woggaa afurtamaaf isaan nyaachise.
19
Biyya kana'aaniitii fi worra Yihuudii hin taane torba balleessee lafa isaanii isaan dhaalchise.
20
Kanaan maayessa haga raatticha Saamu'eelii woggaa dhibba afuriif shantamaa abootii murti'ii isaanii kenne.
21
Achiin maayii mootii isaan bulchu akka isaanii moosisuuf kadhataniin. Rabbi nama gosa Biiniyaamii keessaa ilma Qiisii Saa'oliin woggaa afurtamaaf isaanii kenne.
22
Isallee haga buuseen maayii, Daawitiin isaan irratti mootii taasise; hennaa isaa ragaa bayu, ‹Nama akka garaa kiyyaa ta'e nama fedha kiyya maraa raawwatu ilma Isseyii Daawitiin argadhe› jedhe.
23
Fiixaa nama kanaa keessaa Rabbi akka dubbii abdii Isiraa'elii kenneetitti Yesuusiin fayyisaa fide.
24
Dhufuu isaatiin dura Yohaannis durseeti banii Israa'elii maraaf cuuphaa aagi'ii lallaba'aa ture.
25
Uduu Yohaannis tajaajila isaa raawwatu, «Ani eennuun akka ta'e na hubattanii? Ani isaa miti. Haata'uu ammoo ka miseensa kophee luka isaa hiikuun naaf hin malle anaan maayii hin dhufa jedhe.
26
«Isin obboleeyyan teenna, fiixaa ijoollee Abrahaamiitii fi isin keessaa worra Rabbiin sodaatan, dubbiin fayyiinsaa kun isinii ergame.
27
Namoonni Yerusaalem jiraatanii fi bulchoonni isaanii dubbii raattotaa ka Sambata dubbifamu hubachuu waan dadhabaniif akka dubbii raattotaatitti isatti murteessan.
28
Yoo sababaa du'aaf isa geessullee hin argine, Philaaxoos dursee akka isa ajjeesu kadhataniin.
29
Waan isaatiif waan barreeffame maraa haga raawwatan, fannoo irraa buusanii awwaalan.
30
Rabbi ammoo worra du'an keessaa isa kaase.
31
Banii biratti worra ragaa ta'aniif isa woliin Galiila'aa gara Yerusaalemii worra bayanitti guyyaa hedduu isaanitti mudhate.
32
Nullee abdii abbootaa inni kenne oduu gammachu'uu isinitti himna.
33
Abdii kana inni faaruu lammaffa'aa keessatti, ‹Ati ilma kiyya, Ani adha si uumadhe› jedhamee akkuma barreeffame, Yesuusiin nuu kaasee nu'u ijoollee isaaniitiif raawwate.
34
Akka hin shamnee fi worra du'an keessaallee akka isa kaasee ka akkanatti amaname, ‹Abdii Daawitii woyyichaa isinii kenna› jedheera.
35
Deebi'ee hulee biraatittillee woyyuun akka shamuuf hin dhiiftu waan jedhuuf.
36
Daawitillee bara isaatitti fedha Rabbii haga tajaajileen maayii du'ee, abbooti'iin wolitti eda'amee shame.
37
Ka Rabbi kaase kun ammoo hin shamne.
38
Eeganaa obboleeyyan tiyya, karaa isaatiin dhiifamsi cubbu'uu akka isinii ta'uuf, Seera Muuse'eetiin qajeellota ta'uu hin dandeenne.
39
Ka isatti amanu maruu isaan akka qajeellota ta'an isin biratti ka beekkame haata'u.
40
Eeganaa, ‹Isin worri tuffattan laalaa'a, maalalfadhaa'a! badaa'a! waan tokko yoo isinitti hime hujii isin hin amanne, bara keessanitti ani waan hujuuf› jedhamee
41
Wonti raattotaan dubbatame akka isin irra hin geenne uf eegaa'a!» jedhe.
42
Hennaa bayan waan kana Sambata dhufu akka isaanitti himu kadhataniin.
43
Gumiin haga adda yaa'een maayessa, Yihuudonninii fi worri gara Yihuudi'ii seenanii kaddaaman hedduun isaanii Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin faanaa deeman. Isaanillee badhaadhummaa Rabbiitiin jabaatanii akka jiraatan isaan hubachisan.
44
Sambata lammaffa'aa namoota hago'oon ala namni qachaa sanii maruu dubbii Rabbii dhagayu'uuf wolgayan.
45
Yihuudonnillee banii heddu hennaa argan hinaaffa'aan guuttamanii isaan abaara'aa dubbii Phaawuloos dubbatu morman.
46
Phaawuloosii fi Baarnaabaas, «Firrisa dubbii Rabbii ifa baafnee isinitti himuu barbaachisa; Yoo dhiibdan, dubbiin jireenna bara baraa akka isiniif hin taane yoo gootanii fi yoo ufitti murteessitan, nu ammoo gara worra Yihuudota hin taanee deebina.
47
Akkasuma Gooftaan, ‹Haga daangaa dhuma lafaa fayyinnaaf akka taatu, Worra Yihuudota hin taaneef ifa si taasiseera› jedhee waan nu ajajeeruuf» jedhan.
48
Worri Yihuudota hin taanellee dhagayanii gammadanii dubbii Rabbiillee kabajjan. Worri jireenna bara baraatiif qophaayan maruu amanan.
49
Dubbiin Goofta'aa biyya maraa keessatti babadhate.
50
Yihuudonni ammoo, worra kaddaaman, dubartoota kabajjamaanii fi bulchoota qachaa booressan Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin irratti lola kaasanii biyya isaaniitii baqachiisan.
51
Isaan ammoo daaraa luka isaanii ufirraa dhadhayatanii, gara Iqooniyoonii dhuqan.
52
Darasoonnillee gammachu'uu fi Ayyaana Woyyu'uun guuttaman.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28