bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Acts 9
Acts 9
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
1
Saa'ol ammoo darasoota Goofta'aa ajjeesu'uuf dhaadata'aa gara bulchaa gadootaa dhaqe.
2
Worra Goofta'atti amanan dhiiraa fi dubartoota yoo arge hidhee, akka fiduuf xalayaa gara mana sagada Yihuudota damaasqo'ootitti akka isaaf barreessu bulchaa gadootaa gaafate.
3
Uduu deemu gara Damaasqo'oo hennaa dhiyaatu; dimmaa naannoo isaatitti sami'ii ifti falaqqifnaan kufe.
4
Uduu inni hulee kufe jiru, laagaa, «Saa'ool Saa'ool, maaf na ariitaa?» jedhu dhagaye.
5
«Gooftaa kiyya! Ati eennu?» jedheen. Innillee, «Ani Yesuusii at ariitu; worrana kana yoo mormite sitti jabaata»
6
Hollata'aatti maalalfatee, «Gooftaa kiyya! Akka maal godhu feeta?» jedheen. Gooftaanillee, «Ka'iitii gara qacha'aa seeniitii waan godhuu si barbaachisu sitti himan» jedheen.
7
Namoonni isa woliin karaa deema'aaran laagaa dhagaya'aa ufii ammoo womaa uduu hin argine; akka duuda'aatitti cadhisanii dhaabatan.
8
Saa'ool hennaa lafaa ka'e, ijji isaa womaa waan hin argineef; harka isaa qabanii masakka'aa gara Damaasqo'oo seensisaniin.
9
Ijji isaa uduu hin argine guyyaa sadihii ture. Hin nyaanne; hin dhunnelle'e.
10
Damaasqoo keessa darasaa Hanaaniyaa jedhamu tokkotu ture. Gooftaanillee mudhataan, Hanaaniyaa kiyya jedheen. Innillee yaa Gooftaa kiyya jedhee jalaa awwaate.
11
Gooftaanillee, «Ka'iitii, gara karaa ‹Qajeelaa› jedhamu sanii deemii mana Yihuudotaa keessaa nama Saa'ool jedhamu ka biyya Xerseesii tokko soqi. Inni achitti waan faateffata'aaruuf.
12
Saa'ool namni Hannaaniyaa jedhamu seenee ijji isaa akka argituuf hennaa harka isa irra kaayu manaabaan argeera» jedheen.
13
Hannaaniyaanillee deebisee, «Gooftaa kiyya! Yerusaalem keessaa woyyoota irratti waan hamaa meeqaa akka godhe waan namicha kanaa namoota heddu irraa dhagayeera.
14
Asittillee worra maqaa kee waaman maraa hidhu'uuf bulchoota gadootaatiin muudameera» jedhe.
15
Gooftaanillee, «Inni kun worra Yihuudii hin taane, moototaa fi ijoollee Israa'elootaa afo'otti akka maqaa kiyya baadhatuuf meeshaa naaf filatame waan ta'eef deemi.
16
Akka inni maqaa kiyya baadhatu'uuf jedhee rakkatu aninuu isatti mudhisa» jedheen.
17
Hannaaniyaanillee deemee mana isaa seenee harka ufii irra kaayee, «Obboleessa kiyya Saa'ool, Gooftaan ka karaa ati deemtutti sitti mudhate Yesuus, akka ati argituu fi akkasuma Ayyaana Woyyu'uun akka si guutuuf na erge» jedhe.
18
Yoosuu qolli akka cim'a'aa ija isaatii bu'e; innillee hin arge; ka'ee cuuphamee hurbaata nyaatee jabaate.
19
Darasoota Damaasqoo jiran woliin guyyaa hagoo taa'e.
20
Yoosuu waan Yesuus Kiristoosii akka inni Ilma Rabbii ta'e mana sagadaa Yihuudotaa keessatti lallabe.
21
Worri dhagayan maruu maalalfatanii, «Kun Yerusaalemiin keessatti worra maqaa Yesuusii waamu nama balleesa'aa tureemii? Ammallee hidhee gara bulchoota gadootaatitti isaan fidu'uuf dhufee?» jedhan.
22
Saa'ool ammoo itti jabaata'aa deeme. Yihuudota Damaasqoo taa'an Yesuus Kiristoosiin akka ta'e isaanitti hima'aa, waan isaa deebisan dhabsiise.
23
Haga guyyaa hedduu bubbuleen maayessa Yihuudonni isa ajjeesu'uuf mari'atan Saa'ool ammoo yaada isaanii beeke.
24
Isa ajjeesu'uuf halkanii fi guyyaa balbala qachaa maraa eega'aa turan.
25
Darasoonni ammoo halkanniin fuudhanii dallawa gubba'aan keeshe'een isa buusan.
26
Saa'oolillee Yerusaalemiin hennaa gaye darasootatti eda'amu'uuf yaale. Martinuu darasaa ta'uu isaa waan hin amanneef sodaataniin.
27
Barnaabaas ammoo fuudhee ergamoota bira seensisee attamitti akka Gooftaan isa argee fi itti dubbate Damaasqo'ottillee maqaa Yesusiitiin uggee attamitti akka dubbate isaanitti odeesse.
28
Maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin uggee dubbata'aa Yerusaalemitti isaan woliin baya'aa gala'aa ture.
29
Yihuudota biyya Giriikiitii dhufan woliin qaaqa'aa isaaniin wol morma'aa ture. Isaan ammoo isa ajjeesu'uuf barbaadan.
30
Obboleeyyan haga kana beekanniin maayessa, gara Qisaariya'aa fidaniinii, achillee gara Xeerseesii erganiin.
31
Tokkummaan woldaa kiristaana Yihuuda'aa, Galiila'aa fi Samaariyaa jiran maruu nagayaan jiraata'aa, cima'aa, sodaa Rabbiitii fi Ayyaana Woyyu'uun jajjabaata'aa baayi'innaan guddata'aa deeman.
32
Pheexroosillee hennaa hulee maraa deemu akkasuma gara woyyoota Liidaa jiraataniillee gad bu'e.
33
Achittillee nama woggaa saddeetaaf laamshayee siree irra ciisa'aa ture, ka Eniyaa jedhamu tokko arge.
34
Pheexroosillee, «Eniyaa, Yesuus Kiristoos si fayyiisaa ol ka'iitii, ufumaa sirree tee afadhu» jedhe. Innillee Yomasan ka'e.
35
Worri Balda'aa fi Saroonaa keessa jiraatan maruu isa arganitti Goofta'atitti amanan.
36
Iyoophe'ettillee darasaa Xabbitaa jedhamtu takkatu jira; afaan Giriikiitiin maqaan isi'ii «Dorqa'a» Dorqaa jechuun «Kuruphee» jechu'u; isiin ta waan mishaa uf keessaa qabduu fi ta kennaallee kennitu turte.
37
Isiin ji'uma sanniin keessa dhibamtee duute; reeffa isi'iillee dhiqanii kutaa gamo'oo tokko keessa kaayan.
38
Liidaanillee Iyoophe'etti dhiyoo waan taateef darasoonni akka Pheexroos achi jiru dhagayaanii nama lamaa isatti erganii, «Maal dafii nutti koottu» jedhanii kadhataniin.
39
Pheexroosillee ka'ee isaan woliin dhaqee; hennaa inni achi gaye, gara gamo'oo ol baasaanii haawwotiin hiyyeessaa maruu booya'atti waan Dorqaan hennaa isaan woliin jirtuu gooteef Shinshini'ii fi uffata isiin uffattu maraa isatti mudhisa'aa afoo isaa dhaabatanii booyan.
40
Pheexroosillee isaan maraa gara diidaa baasee, jilbiinfatee Rabbiin kadhata'aa gara reeffaa laalee, «Xabbitaa, ka'i!» jedheen. Isiinillee ija ufii banattee hennaa Pheexroosiin argite ol kaatee teette.
41
Hiixatee harka isi'ii ol isii qabee kaase haadha hiyyeeyyi'iitii fi woyyoota waamee isii jirtuu afoo isaanii dhaabsise.
42
Wonti kun Iyoophee maraa keessatti waan beekkame ta'e, namoonni hedduullee Goofta'atti amanan.
43
Iyoophe'ettillee namicha gogaa duugu ka Simoon jedhamu tokko bira guyyaa hedduu taa'e.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28